Naannoo Sumaaleetti ongee mudateen beeladoonni balaaf saaxilamuun ibsame.

0
727

Bineensi Diibaataag jedhamuu fi Afriikaa-bahaa qofatti argamu haalli keessa jiru hinbeekamu.

Sababa ongee naannoo Sumaaleetti uumameetiin bineensota bosonaa naannichatti argaman irratti balaan aggaamamuun himame.

Hawaasni naannichaa baay’inaan horsiisaan bulaa waan ta’eef dheedicha barbaacha gara bineensonni bosonaa jiranutti beeladoota isaa qabatee waan galeef; bineensonni jeeqamaa jiraachuu hoogganaan waajjira paarkii biyyaalessaa Garaalee Malkaamuu Ayicheew Addis Maaledaatti himaniiru.

Sababa kanaanis keessumattuu bineensonni paarkii biyyaalessaa Garaalee keessa jiraatan bakka isaanii gadhiisanii godaanuudhaan dabalatatti; jeequmsi olaanaan akka isaan mudatu hooggantichi eeraniiru.

Hooggantichi itti dabaluudhaan; ongichi ji’a kanatti nig aha jedhamee akka eegamu ibsanii; kun hinta’u taanaan bineensota bosonaa paarkicha keessatti argamaniif bishaan botteedhaan dhiyeessuuf yaadamuu himaniiru.

Naannichatti bakkeewwan adda addaa bineensonni bosonaa itti argaman yoo jiraatanis; bakkeewwan kun daangeffamanii eegumsi taasifamaafii waan hinjirreef; balaa sababa ongee fi kan biraatiin isaan mudatu salphaatti too’achuun akka hindanda’amin dabalanii himaniiru.

Fakkeenyaafis naannawaa Ogaadenitti Dibaataag kan jedhamu bineensi addaa marga dheeduu fi Afriikaa bahaa qofa keessatti argamu yoo jiraates; bineensa addaa kana dabalatee isaan kaanis haalli keessa jiran hinbeekamu jedhaniiru.

Gara Baaleetti dhiyaatuun bakka Carattii jedhamuttis akkasuma sattawwaan, jararuukii fi kan biraa bakki itti argaman yoo jiraates; haala bineensonni kun yeroo ammaa itti jiran beekuun rakkisaa ta’uu ibsaniiru.

Bakkeewwan bineensonni bosonaa itti argaman daangeffamanii eegamuu hafuu isaaniitiin dabalatatti; haalli nageenyaa naannichaas balaa bineensota kana mudateef sababa ta’uu utuu hineerin hindarbine.

Moyyaalee irraa gara kaaba-bahaatti kan argamu  paarkiin biyyaalessaa Garaalee naannicha keessatti isumti qofti kan jiru yoo ta’u; bal’ina kaaree kiiloo meetira 1734 qaba jedhameera.

Keessoo isaattis sattawwaa, leenca, qeeransa, hamaaketa, jaranukii fi, kan biraa foon nyaatan ykn marga dheedan; akkasumas gosoonni sinbirrootaa akka argaman eerameera. Paarkicha irraa xiqqoo fagaatees arbi akka argamu ibsameera.

Gama biraatiin naannoo Oromiyaa godina Booranaatti sababa ongee uumameetiin bineensota bosonaa paarkii biyyaalessaa Booranaatti argaman keessaa kan du’an jiraachuu Addis Maaledaan beekuu dandeesseetti.

Naannichatti daarikteerri paarkota bineensota bosonaa fi ikoo-tuurizimii Mahaammad-nuur Jamaal yaada Addis Maaledaaf kennan irraa hubachuun kan danda’ame; hanga yeroo dhiyootti bineensota bosonaa irraa miidhaa hammaataan akka hinga’in yoo ta’u; garuu; yeroo dhiyoo asitti miidhaa hammaataa hanga du’aa gahu keessummeessaa jiraachuu isaanii ti.

Dhiyeenya kana hardiidoon afur du’uu isaanii kan ibsan daarikteerichi; hardiidoon baay’inni isaanii xiqqaa waan ta’eef kan du’an beekuun danda’ame malee; bineensonni baay’inni isaanii hedduu ta’ee fi hordofuuf hinmijannes du’aa jiraachuu mul’isaniiru.

Itti dabaluunis; bineensonni yeroo ammaa lubbuun jiranis huqqachuu fi ulfaatinni isaanii hir’achuutu irraa mul’ata; ongichi akkasiin yoo itti fufe akka du’anuufis agarsiistuu dha jechuun dubbataniiru.

Akkasumas; jaldeessotaan dabalatatti haala addaatiin kan bishaan isaan barbaachisu bineensonni akka karkarroo balaa hammaataan akka isaan mudate dubbataniiru.

Bineensonni bosonaa hedduun bishaanii fi dheedicha barbaacha daangaa paarkichaatiin alatti godaanaa jiraachuun kan himame yoo ta’u; kanaanis midhaan qonnaan bultootaa nyaachuudhaan rakkoo biraa uumuun isaanii ibsameera.

Bineensonni bosonaa paarkichaan alatti godaanaa jiran kan deemuu danda’an gara Keeniyaatti kan jedhan daarikteerichi; ongeen Keeniyaa-kaabaa keessa jiru kan Boorana jiru irra daraan hammaataa waan ta’eef gara sanatti ni godaanu jedhanii akka hintilmaamne dubbataniiru.

Ongichi kan ammaa caalaatti hammaatee itti fufuu akka danda’u kan eeran daarikteerichi; rakkinichi humna keenyaan ala waan ta’eef xiyyeeffannaan biyyaalessaa akka itti kennamu gaafanneerra jedhan. Kanaanis bineensota bosonaa kanaaf nyaataa fi bishaan karaa kamiin dhiyaachuufii akka qabu koreen qoratu sadarkaa federaalaatti hundaa’uu isaa ibsaniiru.


አዲስ ማለዳ 7 Amajjii 2014 No 30

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here