Itoophiyaa keessatti isa jalqabaa kan ta’e fi utuu waa hinqabsiisin liqii dijitaalaa dhiyeessuu kan danda’u hojmaanni “Michuu” jedhame tumsa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa fi kan Kifiyyaa faayinaanshiyaal tekinooloojiis jedhamu waliin tumsaniitu.
Hojmaanni gareewwan lamaaniin gabbate hubannaa nam-tolchee (artificial intelligence)n kan socho’u tekinooloojii liqii dijitaalaa yoo ta’u; haala adda ta’een liqeeffattoonni gaaffii liqii wayita dhiyeessan qabdii ykn wabii dhiyeessuun kan isaan hinbarbaachifne ta’uun isaa ibsameera.
Hojmaanni dhiyeessii liqii dijitaalaa “Michuu” jedhamu; kutaa hawaasaa daldala maayikiroo, xixiqqaa fi giddugaleessaa irratti bobba’an tajaajila liqiitiin qaqqabuuf yaadamee kan gabbate ta’uu hubachuun danda’ameera. Haala walqabatuun tekinooloojichi; kaappitaala hojii daldala xixiqqaa fi giddugaleessa akka huwwisuuf kan itti yaadame ta’uu isaatiin dabalatatti; tajaajila liqii dhimma dhuunfaa hojjettoota dhaabbilee adda addaatiif oolu kennuu akka dandeessisu beekuun danda’ameera.
Hoogganaan Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Darribee Asfaawtajaajilli liqii maamiltoonni argatanu lamatti akka qoodamu ibsanii; tokkoffaan liqii maayikiroo hojiiwwan daldala xixiqqaatiif oolu yoo ta’u; kunis lammiiwwan daldala daandii cinaatti bobba’an fayyaduuf yaadamee akka ta’e eeran. Liqii olaanaan maayikiroo birrii kuma 30 yoo ta’u daangaa ji’oota afurii keessatti akka deebifamu obbo Darribeen ibsaniiru.
Inni lammaffaan immoo humna dhaabbilee daldalaa xixiqqaa fi giddugaleessa guddisuuf kan yaadame ta’uu kan ibsan hooggantichi; liqiin garee kanatti kennamu hanga birrii kuma 100 fi kuma 50 kan gahuu fi yeroon itti deebifamu hanga waggaa tokkootti dheerachuu akka danda’u Addis Maaledaatti ibsaniiru.
“waltajjii liqii (platform) bifa nam-tolcheetiin fayyadamuu fi isa jalqabaa ta’e biyya keenyaaf gumaachuu keenyatti gammanneerra” kan jedhan hoogganaan Kifiyyaa Faayinaanshaal Tekinooloojiis Muniir Duurii ti. Itti dabaluunis dinagdee dijitaalaa biyyattiin jalqabde tarkaanfii tokko gara fuula duraatti kan adeemsisu ta’uu isaatiin dabalatatti; tekinooloojichi liqii qabdii fi wabii malee kennamu yeroo jalqabaatiif kennamu kan beeksise ta’uu ibsaniiru.
Muniir; hojmaatichi daldaltoota xixiqqaa fi giddugaleessaa wabii dhabuu isaaniitiin hojii isaanii guddifachuu dadhaban; akkasumas lammiiwwan daandii irratti daldalaniif humnaa fi carraa fooyya’e ni uuma jedhanii akka amananu Addis Maaledaatti himaniiru.
Ogeessi damee baankii fi faayinaansii Adim Mahaammad; hojmaata akkasii gabbisuun kan baay’ee jajjabeeffamu ta’uu ibsanii; liqiin qabdii fi wabii malee kennamu carraan bal’achuu baduu isaa ni bal’ata jedhan. Garuu; baankichi karoora cimaa liqii badu ittiin too’atu qabaachuu qaba jedhan.
Maallaqa dheedhii malee bittaa fi gurgurtaa raawwachuun hanga tokko magaalota keessatti fooyya’aa yoo dhufes haala addaatiin bakkawwan qaqqabamummaan baankii hinjirretti fi naannoo Sumaaleetti haala fooyya’een hojii irra oolaa jira. Tarii hojmaanni kun bakkawwan akkasiitti milkaa’uu danda’a jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Muniir gama isaaniitiin; yaaddoon jiraachuu akka danda’u yoo beekames; waggaa 10 dura kan hundaa’ee fi “Taallaaq” kan jedhamu hojmaanni liqii moobaayilii Keeniya qofatti maamiltoota miliyoona 20 kan qabu yoo ta’u; yaaddoowwan jiraniin olitti dhaabbata bu’a-qabeessa ta’eera. Kanaaf biyya keenyattis sababni inni bu’a-qabeessa itti hintaaneef hinjiru jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.
አዲስ ማለዳ 7 Amajjii 2014 No 30


