Lammiiwwan kuma sadii olis irra deebiin buqqa’aniiru.
Mana Maree BakkaBu’oota Ummataatiin gooltummaan kan itti mirkanaa’e gareen Adda Biliisummaa Ummata Tigiraay (ABUT) naannawwan Raayyaa kanaan dura too’atee ture torbeewwan dura biliisomuu isaanii hordofee jiraattonni gara qe’e isaaniitti deebi’an; irra deebiin waraanni nutty banameera jechuun Addis Maaledaatti himan.
Bakkawwan Raayyaa Qobboo tokko tokkoo fi Raayyaa Azaboo kanaan dura gareen ABUT ji’oota shaniif too’atee ture torbeewwan dura too’annaa humna ittisaa Itoophiyaa jala galuu isaanii hordofuun jiraattonni gara mana isaaniitti yoo deebi’anis; tibbana garuu qaaxxeen itti raawwatamaa jiraachuu jiraattonni bakkichaa Addis Maaledaatti himaniiru.
ABUT ji’oota shaniif kan too’atee ture bakkawwan Waajjaa, Ximmuugaa, Addis Qinyi jedhaman torbeewwan dura biliisomuu isaanii hordofee jiraattonni gara qe’ee isaaniitti deebi’uun ni yaadatama. Garuu, Muddee 30 bara 2014 ganama sa’atii afurii jalqabee; garee ABUTn irra deebiin waraanni nurratti banameera kan jedhan jiraattonni naannawichaa; namoonni nagaan ajjeefamuu; qabeenyaan saamamuu; manneen gubachuu fi irra deebiin godaanuuf dirqamuu isaanii ibsaniiru.
Yaareed Dammanaa kan jedhaman jiraataan Addis Qinyi; gareen hidhataan kun Muddee 30 bara 2014 eegalee naannawaa isaaniitti hubaatii raawwachuu isaa kan himan yoo ta’u; hubaatichaanis lubbuun qonnaan bultoota shanii darbeera jedhan.
“Ayyaana Gannaa (Qellee) waraana keessa fiigaa dabarsine” kan jedhan Yaareed; namoota ajjeefamanii awwaalchi isaanii raawwatame shananiin dabalatatti; hanga Amajjii 2 bara 2014tti namoonni reeffi isaanii hinkaafamin bakkichatti argamuun ilaaluu isaanii himaniiru.
Qaaxxee garee ABUTn itti raawwatame sababeeffachuun qe’e isaanii gadhiisanii maatii isaanii afurii wajjin magaalaa Qobboo akka jiran kan eeran jiraataan Addis Qinyi ganda 05 kan biraa obbo Amaaree Xigaabuu gama isaaniitiin; bakki Addis Qinyi jedhamu Muddee 30 bara 2014 eegalee irra deebiin too’annaa garee ABUT jala jira jedhan.
Qaaxxichi kan jalqabame gamana sa’atii afur irraa kaaseetu kan jedhan Amaareen; “garee hidhate kanaan manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa Addis Qinyii fi namni Abaatee Gabayyoo jedhaman (dura taa’aa gandichaa) manni isaanii gubateera. Naannawichatti dhaabamee kan ture raabsaan neet-woorkiis barbadaa’eera; qabeenyaan jiraattotaa duraan hafes saamamuun konkolaataatti fe’amaa jira” jedhaniiru.
Addis Maaledaan jiraattota Addis Qinyi magaalaa Qobboo mana barumsaa Iwuqat Corraatti dahatanii jiraniin dabalatatti; namoota Allaamaaxaa, Waajjaa fi Xummuugaa irraa dhufanis bilbilaan aasofsiisteetti. Jiraattota Allaamaaxaa, Iwuqat Corraatti argaman keessaa Mulugeetaa Asimaamaaw kan jedhaman “Muddee 30 bara 2014 gandoota naannawaa Allaamaaxaatti Muha Leencaa, Saleen Wuhaa, akkasumas Dingaay qabalee jedhaman keessa waraana hamaatu ture; kanaanis hawaasni naannichaa irra-deebiidhaan buqqa’eera” jedhan.
Qaaxxichi wayita raawwatame humnoonni mootummaa bakka sana turuu isaanii kan eeran Mulugeetaan; “humni diinaa isaaniin addaan kutee wayita seenetti gara duubaatti waan siqaniif; erga qe’ee keenyatti deebinee utuu turban hinguutin buqqaafamneera” jechuun rakkoo isaan mudate ibsaniiru.
Mulugeetaan itti dabaluunis; “barii ayyaana Gannaa (Qellee) irraa jalqabee hubaatichi akkuma itti fufetti jira; qabeenyaanis barbadaa’aa jira” kan jedhan yoo ta’u; namoonni nagaan baay’inni isaanii hinbeekamin du’atti saaxilamaniiru jechuun eeraniiru.
Jiraattonni kun; rakkinichi irra-deebiidhaan kan uumameef waraanni wayita naannoo Raayyaa gahetti humnoonni raayyaa ittisa biyyaa bakka jiranitti akka dhaabatan waan ajejameef kan jedhan yoo ta’u; haalichi akkanatti yoo itti fufe nageenya mirkaneessuun hindanda’amuutii mootummaan furmaata itti kennuu qaba jechuun hubachiisaniiru.
Hooggantuun waajjira dhimma dargaggootaa fi daa’immanii Raayyaa Allaamaaxaa Gennet Berihee gama isaaniitiin; hawaasni barii ayyaana Gannaa (Qellee) irraa jalqabee mana isaa gdhiisee bahuun muraasni magaalaa Qobbootti mana firaa; muraasni immoo mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Dingaay Qullilitti dahatee jira jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Dingaay Qullil qofaatti buqqaatota kuma sadiitu jira kan jedhan hooggantuttiin; jiraattonni naannawaa Qobboos buqqa’ee kan jiraate waan ta’ee fi tjaajila eleektiriikii fi baarura midhaan daakuu waan hinqabneef isaaniin deeggaruu hindandeenye. Buqqaatonni haaraan seenaa waan jiranuufis yeroo ammaatti baay’inni buqqaatotaa dabalaa jira jedhaniiru.
Addis Maaledaan rakkinicha furuuf maaltu godhamaa akka jiruuf deebii barbaaduuf kantiibaa bulchiinsa magaalaa Qobboo Dr. Addisuu Wadaajootti irra deddeebi’uun bilbila yoo bilbiltes bilbila waan hinkaasiniif deebii isaanii itti ida’uu hindandeenye.
አዲስ ማለዳ 7 Amajjii 2014 No 30


