Murteen mootummaan tibbana himata addaan kutuun murteesse dayaaspooraa irratti miira maalii uume?

0
832

Waraana gara xumura ji’a Onkoloolessaa bara 2013tti waraanni eegalamee fi hanga ammaatti itti fufe sababeeffachuun Itoophiyaan dhiibbaawwan biyya keessaa fi alaa hedduu keessummeessaa akka jirtu ibsama.

Dhiibbaan gara alaatii aggaamamu dhiibbaa biyya keessaatiif bu’uura ta’uun; hidhattoonni adda addaa akka hirree jabeeffatanii fi bakkeewwan biyyattii adda addaatti duutii fi godaansi akka heddummatu taasiseera. Biyyattii irratti dhiibbaan liqii dhorkachuu hanga qoqqobbii irra kaa’uutti gahu duumessaa’ee akka turee fi; ammas dhiibbaan kun hir’ateera jechuuf akka hindandeessisne ni dubbatama.

Dhiibbaa kana laaffisuun rakkoo Itoophiyaa salphisuuf mootummaanis uummannis shoora isaa kan bahatu yoo ta’es; dhimma kana irratti Itoophiyaanonni biyyoota alaa adda addaa keessa jiraatan shoorri gumaachan salphaa miti.

Kanaanis; Itoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itoophiyaa kutaalee adunyaa adda addaa keessa jiraatan irra-deddeebiin hiriira bahuun biyyoonni Itoophiyaa irratti dhiibbaa taasisan gochaa isaanii irraa akka of qusatan hubachiisuun dhiphinni biyya keessa jiru akka laafuuf tattaafataa fi dhugaa biyyattii keessa jiru adunyaaf ibsaa turaniiru.

Kana irra darbees michuuwwan Itoophiyaa biyyoota alaa keessa jiraatan shoorri dame dinagdee biyyattii keessatti qaban olaanaa ta’uun isaa hindagatamu. Oomishaa fi tajaajila biyyattiin gabaa alaa irraa galchituuf maallaqa waggaa waggaatti baastu keessaa nuusa kan caalu dayaaspooraa irraa kan argamu ta’uu ogeeyyiin dinagdee ni ibsu.

Dabalataanis; ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa maallaqaan deeggaruu irraa jalqabee; dhiibbaawwan sababa hidhichaatiin qaqqabu hir’isuufis hanga yoonaatti deeggarsi miseensonni dayaaspooraa gumaachan olaanaa ta’uu isaatu himama.

Dhiyeenya kanas waraanichaan walqabatee hubaatii olaanaa kan keessummeesse dinagdeen biyya keessaa akka dadammaqu; akkasumas hubannoo dogongoraa Ameriikaa fi biyyoonni lixaa kan biraa qabatan sirreessuuf jechuun waamicha ministira muummee Abiyyi Ahimadiin dhiyaate hordofee Itoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itoophiyaa hedduun gara biyya isaaniitti dhufanii jiru.

Yeroon kunis Itoophiyaanonni biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan hundi tokkummaan dhaabatanii rakkoo jiru kan of irraa dhiibanuu fi kan injifannoo itti gonfatan ta’uun isaa irra-deddeebiin dhimma ibsamuu dha.

Hata’u malee Itoophiyaanonni biyyoota alaa jiraatan baay’een waamichicha dhagahanii gara biyya haadha isaaniitti wayiya dhufaa jiranitti; kan dhufuu hindanda’inis deeggarsa biyya isaaniitiif taasisuu danda’an cimsanii itti fufuu wayita yaadaa jiranitti Muddee 29 galgala ayyaana Gannaa (Qellee) oduun tasa dhagahame namoota hedduutti kan bitaacha’e ta’ee argameera.

Kanaanis miseensonni dayaaspooraa waamicha biyyaa haadhaa ti jechuun utuu hindhufin yeroo dheeraa lakkoofsisan utuu hinhafin biyya isaaniitti dhufanii gammachuu isaanii utuu hinquufin; keessumattuu enyu iyyuu kan hineegin galmee himata Dabretsiyon Gabre Mikaa’elfaa jala kan turan Sibhaat Naggaa fi kan biraa miseensonni Adda Biliisummaa Ummata Tigiraay (ABUT) shan gadhiifamuun; biyya isaaniitiif dhiphachaa fi tattaafataa kan jiraatan; Itoophiyaanota gara biyyaatti dhufanii fi kan hindhufinittis miira gaarii hintaane uumeera jedhama.

Reediwaan Huseen jireenyi isaanii magaalaa Loondoon yoo ta’u, miseensa boordii Waldaa Dayaaspooraa Itoophiyaa fi bakka bu’aa Londoon. Dhiyeenya kana gara Itoophiyaa akka dhufan ibsanii; mootummaan tibbana hidhamtoota tasa hiikuun isaa na gaddisiiseera jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru. Sababa namoota hiikamaniitiin obbolaawwan keenya hedduun dhumaniiru; kun utuu jiruu fi lammiiwan keenya uffata gadda isaanii utuu hinjijjiirratin hiikamuun isaanii gaddisiisaa dha jechuun ibsaniiru.

Murteen murtaa’e sirrii miti jedheen amana kan jedhan Reedwaan; ta’us biyyaa fi haadhatti dallanuun waan hindanda’amneef kun ta’eera jennee biyya keenyatti dugda hinqabnu yaada jedhu kennaniiru.

Guutummaatti yoon hinbeeknes; murtee mootummaa kana irraa kan ka’e balalii isaanii haquun kan deebi’an; akkasumas imala isaanii dayaaspooraan dhiisan ni jiru jedhama kan jedhan Reedwaan; dayaaspooraan kan waamame nama dhuunfaatiin miti, biyya isaatu isa waame. Kan dhufus uummata kabajeetu jechuun ibsaniiru.

Walqabsiisuunis; kan dhufne yeroo, humnaa fi maallaqa keenya balleessinee ti. Kanas kan goone mootummaaf ykn namoota dhuunfaatiif jennee utuu hintaane; hawaasa baadiyyaa hubaatii hammaataan isa mudateef jenneetu wayita jedhan dhagahamaniiru.

Dayaaspooraan kanatu ta’e jechuun deeggarsa isaa addaan kutuu hinqabu. Yoo dallanee fi deeggarsa isaa dhaabe kan miidhamu uummata baadiyyaa omaa hinfayyadamini malee; namoota siyaasaa Araat kiilii jiraatan miti jedhan.

Ameriikaa naannawaa Waashingiteen DCtti, Veerjiiniyaa keessan jiraadha kan jedhanii fi yeroo ammaatti waamichicha kabajanii Itoophiyaa keessa kan jiran Abeel Gaashees akkasuma yaada Addis Adimaasiif kennaniin; murteen mootummaa hidhamtoonni akka hiikamanuuf murtaa’e maaltu taasifamaa jira nama jechisiisa. Hubaatii fi gadadoo uummata nagaa irra gahe kan beekuuf; namoonni akkasitti birmadummaa biyyaa balaa irra buusan ni hiikaman wayita jedhamu yoo rifatee fi qolee gadi qabate nama hindinqu jedhaniiru.

Yoo xiqqaate illee murtichi maaliif akka murtaa’e ifa yoo taasifame ykn immoo jalqabuma irraa utuu kan ummata hirmaachise ta’ee; miira Itoophiyaanota biyya keessaa fi biyya alaa jiraatanii hinmiidhu ture. Hata’u malee namoonni dhangala’uu dhiiga namoota hedduutiif kallattiin itti gaafatamaa ta’an biliisaan gadhiifaman wayita nuun jedhanitti maaliif hinboonyu jedhaniiru.

Kan biraa yoo hafe Sibhaat Naggaafaa qabuuf loltoonni du’aniiru kan jedhan Abeel; ilmaan loltoota wareegamaniitti maal jenneetu seenaa kana ibsina yaada jedhus kaasaniiru.

Haqni sirna qaba. Adeemsi isaas ifaa fi ummataaf amanamaa ta’uu qaba. Ummannis aangoo dhugaa akka qabu amanuu barbaachisa. Murteewwanis yoo ummata giddugaleessa hingodhanne yeroo hunda gaaga’ama irraa gara gaaga’amaatti adeemna jechuun tarreessan.

Kanaanis; murtee maal na dhibdee akkasiitiin hubamaan utuu hinbayyanatin kan hube ni bayyanata yoo ta’e; gaaga’amni uumamu hammaataa akka ta’u dubbatan.

Dayaaspooraa hedduun kanaan yoo dallanes waadaan isaa biyya isaa ti; ilaalcha murtee siyaasaatii ol ta’e kan qabuudhas jechuun ibsan. Kanaan duras deeggarsi sharafa alaa fi dame diipiloomaasiitiin gumaache olaanaa ta’uu himanii; ammas biyya isaa ijaaruu fi wanti badaan akkasii akka ittifamuuf cimee hojjeta amantaa jedhu qabaachuu isaanii dubbataniiru.

Bara Adda Biliisummaa Ummata Tigiraay (ABUT) dayaaspooraan qaama Itoophiyaa tokko ta’uun isaa dagatamee ture kan jedhan Abeel; isa booda sirna jijjiirameen wantoonni kan sirratan fakkaannaan dayaaspooraan miira gaarii fi tumsa  biyya isaatiif qabu karaa hedduudhaan wayita ibsatu mul’ateera jedhaniiru.

Ammas dayaaspooraan jaalallii fi deeggarsi biyya isaatiif qabu kan gaaffii keessa seenu miti; ta’us garuu kabajni ummataa yoo hinjirree fi amanamummaan mootummaa yeroo yeroon yoo gadi bu’aa adeema ta’e deeggarsi humna kanaa adeemsaan dhabamuun isaa hinhafu jedhan.

Hawaasni Itoophiyaa biyya alaa jiraatu rakkoo hedduu wajjin wal dhiibaa Itoophiyaa hintuqinaa jechuun dallansuu isaa kan ibsu; humna olaantummaa haamilee qabuu dha. Kanaaf ijaarsa biyyaatiif akka qaama tokkootti lakkaa’uudhaan; hojmaata mootummaa amanamaa; imaammata sirrii bocuu fi raawwii gaarii agarsiisuu barbaachisa jechuun gorsaniiru.

Biyyoonni adda addaa dayaaspooraa akka humna guddaatti lakkaa’uudhaan ijaarsa biyyaatiif akka itti fayyadaman eeranii; fakkeenyaafis waggaa waggaadhaan biyya isaaniitiif deeggarsa olaanaa kan taasisan Israa’eloota, Hindootaa fi warra Gaanaa akka ragaatti eeran.

Abeel wayita yaada isaanii xumuran; muteen mootummaan murteesse isaaniin dabalatee miseensota dayaaspooraa biyya isaanii ilaaluu fi waan danda’anuun deeggaruuf dhufan kan gaddisiise ta’uu eeranii; ummanni Itoophiyaa olaantummaa afuraa fi qaroomina kan qabu; biyyoo irra jilbeenfatee waaqa isaa kan galateeffatu uummata guddaa waan ta’eef yeroo yerootti yoo haalames ni injifata jedhan.

Sadarkaa Adunyaatti Qindoominni Gamtaa Dayaaspooraa Itoophitaa (International United Ethiopian Diaspora Alliance) ibsa seensa turban kanaatti baaseen; tarkaanfii mootummaan fudhatetti komii isatti dhagahame dubbisiiseera. Kanaanis dayaaspooraan qabsoo diipiloomaasii biyyoota alaa keessa jiru moo’achuuf aarsaa bu’a-qabeessa kaffaluu isaa fi waraana birmadummaa biyya keessatti adeemsifamuufis abdii ta’uu isaa mul’iseera.

Kanaafis; garee mana maree bakka bu’oota ummataatiin gooltummaadhaan itti murtaa’e hoogganaa kan turan yakkamtoota waraanaa hiikuun; gama haqaatiin wayita ilaalamu sababni itti kennamee fi tarkaanfiin fudhatame sirrii waan hintaaneef mootummaan tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatu Qindoominichi qaafateera.

Dabalataanis qindoominichi; Sibhaat Naggaa fi miiltoowwan isaa waggoota 27 darbanitti godaannisa biyyattii irra kaa’an eeruun; ammas gaabbanii ummata utuu dhiifama hingaafatinii fi hidhannoo utuu hinhiikkatin mana hidhaatii gadhiifamuun isaanii amanamummaa sirna haqichaa balaa keessa kan buusu ta’uu isaa caalaatti; dhiiga gootota biyya isaaniitiif wareegamanii kan gatii dhabsiisu waan ta’eef; atattamaan sirratee murteessummaa, ulfinaa fi olaantummaa ummataa tilmaama keessa kan galche adeemsi ummatummaa akka jabaatu jechuun hubachiiseera.

Dayaaspooraas ta’ee ummanni kan barbaadamu deeggarsa qofaaf osoo hintaane; komii fi yaada isaas dhaggeeffachuudhaan gaafii kaasuuf deebii sirrii kennuufii akka barbaachisu namoonni hedduun ni dubbatu.

Hanga yoonaatti tarkaanfiiwwan mootummaan fudhatuu fi murteewwan dabarsu cina dhaabachuun kan beekamu dayaaspooraa hedduun; kana boodas akkuma kanaan duraa bifa cimaa ta’een deeggarsa itti fufuu ni danda’a laata gaaffiin jedhu ka’aa jira.


አዲስ ማለዳ 7 Amajjii 2014 No 30

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here