Buqqaatonni Wallaggaa buqqa’uun Finfinneetti dahatanii jiran qaama mootummaatiin burjaaja’aa jiraachuu ibsan

0
721

Naannoo Oromiyaatti kutaalee Wallaggaa garagaraa irraa buqqaatonni buqqa’uun magaalaa Finfinnee bakka adda addaatti faffaca’anii jiran qaama mootummaatiin burjaajjiin isaan irra gahaa jiraachuu fi gama mootummaatiin deeggarsi siruma taasifamaafii akka hinjirre Addis Maaledaatti ibsan.

Buqqaatonni hangi baay’ina isaanii hinbeekamne gara magaalattiitti seenanii yoo turanis; burjaajjii isaan irra gaheen manneen amantaa Kiristaanaa gara garaa fi bakkeewwan biraatti faffaca’anii akka jiran Addis Maaledaan mirkaneessiteetti.

Magaalattii keessa jiraachuu erga jalqabanii ji’oota lama yoo guutes; qaamni mootummaa kamiyyuu deeggarsa tokkollee akka hintaasisiniif beekameera. Kan isaan deeggaraa jiranis jiraattota magaalattii fi qaamolee tola-ooltotaa tokko tokko ta’uun beekameera.

Buqqaatonni gargaarsi akka taasifamuu fi furmaata akka argatanuuf dhaabbilee mootummaa adda addaa yoo gaafatanis; enyuyyuu akka isaan hindhageenyee fi; inumayyuu rakkoo isaanii dhaabbilee sab-quunnamtiitti akka hinibsinee fi sagalee isaanii akka hindhageessisne burjaajjii fi sodaachisni isaan qaqqabaa akka jiru beekuun danda’ameera.

Manneen amantaa magaalattiitti argaman keessaa bataskaana Mikaa’elii Yakkaatti dahatanii kan jiranuu fi abbaan warraa maqaan koo hinibsamin jedhan tokko Addis Maaledaatti akka ibsanitti; Onkoloolessa 8 bara 2014 godina Wallaggaa-bahaa, Naqamtee irraa buqqa’anii Finfinnee erga seenanii booda karaa gala fib aha magaalichaa waan hinbeekneef namoonni baay’een magaalaa keessaa bahanii manneen cufamanii jiran keessa akka bulan ibsaniiru. Deeggarsa xiqqaa jiraattota magaalaatiin taasifamuufiin alatti qaamni mootummaa isaan gaafatu akka hinjirre dubbataniiru.

Itti dabaluunis; qaama mootummaa irraa haqa hinarganne; waajjirri mootummaa nuti hinseenin hinjiru; fakkeenyaaf waajjira kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee yoo deemnes; kantiibattiin raayyaa ittisa biyyaa Affaaritti argamuuf deeggarsa geessuuf deemaniiru jechuun omaa nuuf gochuu hindandeenye jedhan.

Waajjirri kantiibaas; rakkinichi humna kootii oli; waldaa misooma Amaaraa deemaatii gaafadhaa” jedhamnee deebineerra kan jedhan buqqaatonni; mootummaan lammiiwwan biyyattii ta’uu keenya ilaalee yoo ta’e atattamaan dawoo, nyaataa fi uffata nuuf dhiyeessuutu irra ture; garuu “maaliif walitti qabamtu? Isin enyu?” jechuudhaan poolisoonni nu jeequ jechuun dubbataniiru.

Kanaafis nuti ajandaa siyaasaa akka hintarkaanfachiifne ibsachuuf daa’imman keenya ilaalaa ittiin jenna jedhan. Buqqaatonni kutaalee magaalattii adda addaatti faffaca’anii argaman kan biraas akkasuma “dhuguma yoo seerri jiraate haqni nuuf haakennamu; qabeenyaan Kenya barbadaa’ee qabiyyeen seeraan qabnus too’annaa humna biraa jala galeera; nuti lammiiwwan keenya ajjeefaman biraa hafnee yoo as geenyes rakkoon sana caalu nu mudataa jira” jedhan.

“nuti mootummaa irraa addatti waan kadhannu hinqabnu; nyaata nyaannuu fi waan uffannu; maallaqa kiraa manaatiif ta’us waan hinqabneef biyyoo irras ni ciifna; kanaaf mootummaan akka nuuf qaqqabu kadhanna” jechuun dubbataniiru.

Dhimmicha irratti koomishiinii poolisii magaalaa Finfinneetti daarikteerri sab-quunnamtii komaandeer Faasikaa Faantaa Addis Maaledaatti akka ibsanitti; poolisiin buqqaatota irratti hojii burjaajessuu omaa hinhojjenne; inumayyuu eeruu isa qaqqabeen eessaa akka dhufanii fi enyuun akka ta’an hojii qulqulleessuu hojjechuu isaa dubbataniiru.

Kanaanis buqqaatonni kan dhufan Wallaggaa irraa osoo hintaane godina Arsii aanaa Abboomsaa ganda Martii Jajuu irraa kan dhufanii fi misoomni qonnaa Martii kan isaan gargaaraa turee dha jedhan. Deeggarsichi jalaa dhaabbanaan bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatti hiyyachuufkan dhufan ta’uus dabalanii dubbatan.

Addabaabayii Masqalaa cinatti kan argamu bataskaana Isxifaanositti namoonni 96 walitti qabamanii akka turanii fi isaan keessaa 27 daa’imman ta’uueeranii; halka baay’atanii waan dhufaniif waardiyyaan poolisiitti hiyynnaan poolisiin qulqulleessuudhaaf gar asana dhaquu isaa kaasaniiru. Yeroo ammaatti qaamolee dhimmichi isaan ilaalu waliin ta’uun gara dhufanitti akka deebi’anu taasisaa jira jechuunis ibsaniiru.


አዲስ ማለዳ 21 Amajjii 2014 No 32

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here