Ji’oota jahatti oomisha foonii gabaa alaatti dhiyaate irraa galiin doolaara miliyoona 58.7 argame

0
1674

Foon harree irraa galiin doolaara kuma 100 fi kuma 90 argameera.

Itoophiyaan walakkaa bara 2014tti oomisha foonii gabaa alaatti dhiyaate irraa galii doolaara miliyoona 58.7 argachuun ishee ibsame.

Raawwiin walakkaa waggaa kan bara darbe yeroo walfakkaataa wajjin wayita wal biratti ilaalamu guddina dhibbeentaa 167 agarsiisuun; foon horii maalaa toonii 233 gabaaf dhiyaate irraa doolaarri kuma 800 fi kuma 60 ol argachuun danda’ameera. Kanaan dabalatatti haftee qalmaa irraa jechuunis kan akka tiruu, kale fi kana fakkaatan biyyoota baha fagoo kan akka Viyeetinaamii fi Maalezhiyaatti waan barbaadamaniif; bara bajataa kanatti oomisha haftee toonii 2671 ergame irraa doolaarri miliyoona 7.3 argachuun danda’ameera. Waliigalaan hoolaa fi re’e akkasumas foon horii maalaa fi kan harree irraa galii doolaara Ameriikaa miliyoona 58.7 argachuun danda’ameera.

Walakkaa bara bajatichaatti ekspoortiin foonii kan yeroo walfakkaataa bara darbee wajjin wayita wal biratti ilaalamu dabalata dhibbeentaa 102 agarsiisuu isaa gabaasa inistiitiyuutii misooma induustirii foonii fi aannanii irraa hubachuun danda’ameera. Dabalata kanaaf gahee olaanaa kan qabu foon hoolaa fi re’ee yoo ta’u; bara 2013tti kan ergame toonii 5631 irra dabalata dhibbeentaa 57 agarsiisuudhaan; toonii 8800 ol gabaa alaatti dhiyeessuun kan danda’ame yoo ta’u; kana irraas doolaara miliyoona 50 argachuun akka danda’ame beekameera.

Instiitiyuutichatti miseensi kutaa foonii; biyyoota akka Paakistan; Hindii fi Niizerlaand waliin dorgomuudhaa fi sadarkaa gahumsa isaanii irra gahuuf oomisha foonii beelada tokko irraa argamu guddisuuf kallattiiwwan dandeessisan qabachuu barbaachisa jedhan. Sanyiiwwan adunyaa irratti oomisha olaanaa kennan irraa sanyii fiduudhaan karaa namaan diqaalomsuutiin fooyyessuun ni danda’ama jechuun Addis Maaledaatti yaada isaanii ibsaniiru.

Haala walfakkaatuun oomisha aannanii gabaa alaatti dhiyaate irraa doolaara kuma 100 fi kuma 70 argachuun kan danda’ame yoo ta’u; waggaa darbe kan dhiyaate aannan liitirri kuma 400 fi kumni 51 kan bara bajataa 2014 dhibbeentaa sagaliin hir’ateera. Haala walfakkaatuun kan gaga dhibbeentaa 75 fi oomishni qurxummii dhibbentaa 97 hir’ina agrsiisuun kan beekame yoo ta’u; oomishni lukkuu gabaa alaatti dhiyaate dhibbeentaa 115 fooyya’insa agarsiisuun doolaara kuma 300 galchuun isaa beekameera.

Akkasumas walakkaa bara kanaatti naannoo Oromiyaa godina Arsiitti qeeraa harree argamuun foon harree toonii 168 gara biyyoota baha-fagootti ergame irraa galii doolaara kuma 100 fi kuma 90 argachuun akka danda’ame beekameera. Qeeraan “Rohing Chang” jedhamuu fi teessoo isaa Chaayinaa taasifate kun; bara 2007tti investimentii doolaara miliyoona 60tiin kan hundaa’ee dha. Guyyaatti harree 300 qaluu akka danda’uu fi; yeroo sanatti mormii naannoo Oromiyaa keessa tureen waggoota torbaaf hojii malee dhaabatee akka ture ni beekama.

Qeerichi wayita hojii jalqabe faallaa ilaalchaa fi aadaa hawaasa naannichaa bira ture furuun haala-duree maryachuun danda’amu irratti maryachuun hojii isaa akka jalqabe instiitiyuutii misooma induustirii foonii fi aannaniitti ogeessi kutaa oomisha foonii Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Akka ibsa ogeessichaa yoo ta’e; qeerichi harree dulloomee fi dhukkubsateen ala qaluu akka hindandeenye; akkasumas naannawaa kiiloomeetira 200 keessaa harree bituu akka hindandeenye ibsaniiru. Dabalataanis hawaasni ji’a ji’aan jechuu sadarkaa danda’amuun seenanii gochaan aadaa fi dudhaa hawaasaatiin ala ta’e akka hinraawwatamne kan ilaalan ta’uu Addis Maaledaatti ibsaniiru. Itoophiyaan qabeenya beelada dhaabbiitiin Afriikaa keessaa dursituu yoo taatu horii maalaa miliyoona 60 ol; hoolaa fi re’ee miliyoona 52 ol; gala miliyoona lamaa ol; akkasumas luukkuu miliyoona 50 ol fi harree miliyoona saddeetii ol akka qabdu beekama. Yeroo ammaatti qeeraawwan 20 ol oomisha isaanii gabaa adunyaatti akka dhiyeessanu beekuun danda’ameera.


አዲስ ማለዳ 21 Amajjii 2014 No 32

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here