Baay’inni godaantota Sudaan-kibbaa gara Itoophiyaa seenanuu dabalaa jiraachuun himame

0
845

Daangaa qaxxaamuruudhaan gara Itoophiyaa naannoo Gambeellaatti kan seenanu godaantonni Sudaan kibbaa lakkoofsi isaanii keessumattuu ji’a kana keessa haala olaanaadhaan dabalaa jiraachuu mootummaan naannichaa Addis Maaledaatti ibseera.

Amajjii 6 bara 2014 jalqabee sababa walitti bu’iinsa kutaalee bulchiinsa Sudaan-kibbaa lama daangaa Itoophiyaatti argaman gidduutti ka’eetiin; biyya isaanii dhiisanii gara Itoophiyaa naannoo Gambeellaatti godaantonni baqatan lakkoofsi isaanii dabalaa dhufuu hoogganaan koomunikeeshiinii mootummaa naannoo Gambeellaa Ugutuu Odiing Addis Maaledaatti himaniiru.

Godaantonni buufataalee godaantotaa aanaalee adda addaatti argamanitti dahatanii akka jiran kan himan hooggantichi; guyyoota dura gara biyya isaaniitti kan deebi’an ni jiru kan jedhame haalaniiru. Akka ibsa hooggantichaatti; aanaa Intaagileetti buufataalee godaantotaa sadiitti; aanaa Gambeellaa buufata godaantotaa Joowwii jedhamu tokkotti; aanaa Googitti buufataalee lamatti; akkasumas aanaa Diimaatti buufata godaantotaa magaalaa Finniitootti argamu tokkotti; ida’amaan buufataalee godaantotaa jaha naannichatti argamanitti godaantonni baay’inni isaanii hedduu ta’e dahatanii jiraachuu beeksisaniiru.

Godaantonni kan qubatan bifa sirna qubannaa godaantotaa hineegneen baay’inaan naannoo magaalotaa ta’uu kan eeran hooggantichi; qubannaan godaantotaa magaalotatti yoo dhiyaate haalli too’achuuf rakkisaa ta’e jiraachuu dubbataniiru. Magaalota godaantonni itti qubatan hedduutti baay’inni godaantotaa kan jiraattotaa ni caala kan jedhan hooggantichi; kunis nageenya naannichaatiif yaaddoo guddaa ta’uu eeran.

Keessumattuu aanaa Intaagiliitti kan argamu buufanni guddichi Akulaa jedhamu gara daangaatti kan dhiyaate ta’uu eeranii; godaantonni buufata kanatti dahatan akka barbaadanitti galanii waan bahanuuf; daangaa ce’anii walakkeessaa Sudaan-kibbaa seenuun meeshaa waraanaa seeraan ala qabatanii deebi’uun yaaddoo nageenyaa olaanaa uumuu isaanii ibsaniiru.

Gochaan kun naannessa meeshaa waraanaa seeraan alaa naannichatti baay’ataa dhufeef madda tokko ta’uu caalaatti; naannessitoonnis garri-caalaan lammiiwwan Sudaan-kibbaa ti jechuun ibsan. Keessumattuu gochi seeraan-ala meeshaa waraanaa naannessuu godaantota kanaa naannichatti yaaddoo guddaa uumuu isaa dubbataniiru.

Kanaan walqabatees Amajjii 9 bara 2014 miseensota gosa Murillee kan ta’an hidhattoonni Sudaan-kibbaa; naannichatti kan argamu aanaa Akooboo, ganda Kaankaan keessatti ambulaansii dhukkubsattootaa gara buufata fayyaatti geessaa ture irratti qaaxxee raawwachuun lubbuun namaa badeera jedhan.

Hidhattoonni kun Hubaatii qaqqabsiisaniin namoota ambulaansittii keessa turan sadii fi namoota naannoo sana turan kan biraa shan erga ajjeesanii booda konkolaatattii gubuu isaanii beeksisaniiru. Waliigalaan namoota saddeet kan ajjeesan hidhattoonni kun; namoota nagaa kan biraa shan irras miidhaa qaamaa salphaa fi hamaa qaqqabsiisuu isaanii dabalataan himaniiru.

Hidhattoonni Murillee waggaa waggaadhaan daangaa ce’uun gara naannichaa keessa seenuun daa’imman kan butan; akkasumas beeladoota hawaasaa kan saaman yoo ta’u; bara kana garuu adeemsa isaanii jijjiiruun namoota nagaa irraan hubaatii qaqqabsiisaniiru jedhan.

Yeroo ammaatti kan eerameen alatti walitti bu’iinsi uumame akka hinjirre kan dubbatan hooggantichi; hidhattoonnis kan hubaatii qaqqabsiisan bosona keessaa bahuun waan ta’eef humnoota nageenyaa naannichaatiin admsamaa akka jiran ibsaniiru.

Odeeffannoo kanaan dura jiruun baay’inni godaantotaa kuma 400 ol akka ture kan ibsan hooggantichi; yeroo ammaatti baay’inni isaanii kana akka caaluu fi gara fuula duraattis hanga nageenyi Sudaan-kibbaa keessatti hinmirkanoofnetti lakkoofsi kun ni hir’ata jedhamee akka hinamanamne eeran.


አዲስ ማለዳ 21 Amajjii 2014 No 32

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here