Ministeerri magaalaa fi misooma bu’uraa labsii misoomaa fi gabaa riil isteetii too’atu qoheessuu isaa Addis Maaledaatti beeksise.
Waajjirri ministeerichaa labsiin misoomaa riil isteetii qopheesse misoomsitootaa fi fayyadamtoota irratti rakkoo mul’atu furuu fi hojii isaa seeraan deeggaruuf akka ta’e ministeera magaalaa fi misooma bu’uraatti hoogganaan bulchiinsa manneenii Taaddasaa Kabbabaa Addis Maaledaatti ibsaniiru. Itoophiyaatti baay’inni misoomsitoota riil isteetii yeroo gara yerootti dabalaa yoo dhufes hanga yoonaatti sirni misooma riil isteetii seeraan deeggarame akka hinjirre kan ibsan Taaddasaan; damichi seeraan waan hinhoogganaminiif misoomsitootaa fi bittoota gidduutti rakkoowwan wayita uumu hubatamuu eeraniiru.
Misoomsitoota riil isteetii fulla’insaan hoogganuu fi too’achuuf sirni dandeessisu dhabamuu hordofee; misoomsitootaa fi bittoota gidduutti haalli wal-amanuu dhabuu fi burjaajessuu uumamuun ibsameera. Kanaan dura namoota mana bitan irraa maallaqa walitti qabanii kan badan misoomsitoonni riil isteetii mudachuu isaanii kan ibsan Taaddasaan; rakkoo damee kana keessatti mul’atu furuuf labsiin misooma riil isteetii qophaa’uu isaa eeraniiru.
Hoogganaan bulchiinsa misooma manneenii kun Addis Maaledaatti akka ibsanitti; labsiin qophaa’e ministeera haqaatti damee abbaa alangaatiin yaadni itti kennamee wixinichi xumuramuu isaa beeksisaniiru. Labsichi dursee yoo qophaa’es bu’ura caasaa mootummaa isa haaraatiin keessa deebiin waan barbaachiseef; keessa deebi’amuu isaa dubbataniiru. Wixineen labsichaa xumuramuu hordofee qaama ilaallatutti qajeelfamee bara bajataa kana ni ragga’a jedhamee eegama.
Labsiin riil isteetii kun dhimmoota misooma riil isteetii bu’ura ta’an irratti seera-qabeessummaa kan kaaa’u yoo ta’u; qaamni riil isteetii misoomsuu danda’us maal guutuu akka qabuu fi misoomsaa riil isteetii jedhamuuf mana hangam ijaaruu akka qabu ni tuma jedhameera. Kanaan dura akkuma fedhetti qaamni lafa qabu ykn qaamni maallaqa qabu haala misoomsaa riil isteetii itti ta’aa ture ni hambisa kan jedhame labsichi; hojmaata labsichaan tumameen alatti misoomawwan riil isteetii raawwataman irratti daangaa akka kaahu eerameera.
Wixineen labsichaa misoomsitoota riil isteetii fi mootummaa gidduutti hariiroo jiru jabeessuun rakkoo mana jireenyaa Itoophiyaa keessa jiru furuuf ni gargaara jedhameera. Labsichi misooma riil isteetii irratti deeggarsa mootummaa fi tumsa misoomsitootaa akka dabalu kan ibsame yoo ta’u; rakkoo mana jireenyaa magaalota keessatti mul’atu furuuf manneen tumsa mootummaa fi dhuunfaatiin (public private partnership)n misoomsuuf carraa akka uumu eerameera.
Labsiin misooma riil isteetii bittaa fi gurgurtaa riil isteetii irratti seerota bu’uraa kan kaa’u yoo ta’u; misoomsitoonni riil isteetii kaffaltii duraa namoota mana barbaadan kaffalchiisan irratti hojmaata seeraan deeggarame ni diriirsa jedhameera. Hanga yoonaatti misoomsitoota riil isteetii fi namoota mana barbaadan gidduu kan jiru kaffaltiin duraa seeraan kan hindeeggaramnee fi wal-amanuu irratti kan hundaa’e ta’uu isaa Taaddasaan Addis Maaledaatti himaniiru.
Manneen waliinii mootummaadhaan misooman fedhii namoota mana barbaadanii guutaa waan hinjirreef; damicha irratti tumsa mootummaa fi dhuunfaatiin manneen misoomsuu akka barbaachisuu fi dureeyyota biyyoota alaa misooma manaa irratti hawwachuu akka barbaachisu Taaddasaan dubbataniiru.
አዲስ ማለዳ 21 Amajjii 2014 No 32


