Warshaaleen bishaanii digdamni hanqinaa fi qaala’insa gatii meeshaalee dheedhiitiin cufamuun isaanii ibsame

0
612

Warshaaleen hojii bishaan saamsame oomishuu irratti bobba’an digdamni qaala’insa gatii meeshaalee dheedhii ittiin saamsanuu fi sababa hanqina galteetiin hojii dhaabaa jiraachuu waldaan oomishtoota bishaan saamsamee fi dhugaatii lallaafaa beeksise.
Weerarri Kooviid 19 adunyaa irratti erga uumamee jalqabee dameewwan miidhaa olaanaan mudate keessaa tokko induustirii oomishaa ta’uun isaa kan beekamuu dha. Sababa vaayireesichaatiin magaalonni buufata doonii Chaayinaa gurguddaa dha jedhaman cufamuun isaanii fi ji’oottaniif hojiin ala ta’anii turuu isaaniitiin hanqinni meeshaalee dheedhii; qaala’insi gatii; hanqinni konteneeraa fi geejjibaa; oomishtoota bishan saansamaa Itoophiyaa keessa jiranii fi dhaabbilee biroo dhiphina keessa galchuun isaa beekameera. Rakkoo kanaa fi hanqina sharafa alaa biyyattii keessa jiru wajjin walitti dabalamee industiriiwwan kun hojjettoota isaanii tamsaasanii hojii dhaabuuf dirqamaa akka jiran beekuun danda’ameera.
Warshaaleen 20 ol cufamuu isaanii kan irkaneessan hoogganaan waldaa oomishtoota bishaan saamsamaa fi dhugaatii lallaafaa Ashennaafii Mar’iid; warshaaleen kamtu akka cufaman maqaa isaanii dhahuun itti gaafatamummaa isaanii fi icita dhaabbilee eeguuf jecha akka hindandeenye ibsaniiru. Walqabsiisuunis dhimmichi kan isa ilaalu biiroo daldalaa Finfinneetiif ragaalee dhiyeessanii haala deeggarsi taasifamuu danda’u irratti maryachuudhaafeeggataa akka jiran dubbataniiru.
Qaala’insi gatii waggaa tokkoon dura kan ture irra dhibbeentaa 120 oliin dabalata agrsiisuu isaa eeranii; dhorkaawwan sababa Kooviidiin taasifaman erga kaafamanii booda illee gatiin meeshaa dheedhii birrii 53 ture yeroo ammaatti dabalata birrii 120 olii agarsiiseera jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Warshaa bishaanii tokko hundeessuuf birrii miliyoona 60 hanga miliyoona 80 akka fixu instiitiyuutii misooma induustirii nyaataa, dhugaatii fi qorichaatti ogeessi olaanaan daayirektoreetii dame dhugaatii Addis Sawunnet Addis Maaledaatti himaniiru. Warshaaleen oomisha bishaan saansamaauumamuu Kooviid 19 irraa eegaluun bifa adda addaatiin qoramaa kan turan yoo ta’u; hanga yoonaatti hanqina humnaatiin gara instiitiyuutichaa kan dhufan malee warshaalee 20 ni cufaman jedhaman keessaa kan beeksise akka hinjirre ibsaniiru.
Kanaan dura labsiin eksaayiz taaksii dhiibbaa olaanaa itti uumee kan ture yoo ta’u; yeroo ammaa eksaayiz taaksiin dhibbeentaa 20 ol irra kaa’amee ture gara dhibbeentaa 10tti hir’ifameeraaf. Damichi hojjettoota warshaatti qacaramanii hojjetanuu jalqabee hanga raabsitootaa fi warra fe’anii buusanuutti lammiiwwan kuma dhibbaan lakkaa’amaniif carraa hojii akka uume Addis Himanii; rakkinichi akkasiin yoo itti fufe carraan lammiiwan hojii dhabuuf qaban dabalaa dhufa jedhaniiru.
Qaala’insa gatii meeshaalee dheedhiitiif sababni biraa; dameewwan mootummaan carraa sharafa alaa dursanii akka argataniif hayyameef keessaa tokko dame oomishaa yoo ta’es; hanqina doolaarii jiruun walqabatee sirnaan walga’aa akka hinjirre dubbatama. Kanaaf fichisiistonni sharafa alaa argachuuf gama rakkoo jiruutiin gabaa gurraacha ykn “eksipoorteroota” irraa doolaara tokkotti hanga birrii 17 dabaluudhaan bitaa jiraachuun oomishtoota bishaan saamsamaa dhiphina keessa galcheera.
“Abbootiin washaa hayyamni meeshaa dheedhii ittiin fidan akka kennamuuf qorannoo yoo dhiyeessanis hanga ammaatti deebiin hinkennamneef” jechuun Ashannaafiin Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Oomishtoonni biyya keessa yoo jiraatanis oomishni isaanii fedhii warshaalee oomishtoota bishaan saamsamaa guutummaa guutuutti guutuu hindanda’u jechuun kan ibsan ogeessa damichaa Qibaatuu Rattaa ti. Mootummaan xiyyeeffannaa damichaf barbaachisu utuu kenneefii damee hojii haaraa gama uumuutiin shoorri qabaatu salphaa akka hintaane yaada isaanii kennaniiru.
Induustiriin bishaan saansamaa kaappitaalli birrii biliyoona afurii olii kan investii itti ta’ee fi dame warshaaleen 150 ol keessa jiran ta’uu kan dubbatan Ashannaafiin; gama carraa hojii ummuu fi faayidaa dinagdee keessatti qabuun damee mootummaan xiyyeeffannaa kennuufii qabu akka ta’e ibsaniiru.


አዲስ ማለዳ 5 Gurraandhala 2014 No 34

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here