Walitti bu’iinsi baay’achuun hojii dhaabbilee falmitoota mirga namoomaa gufachiisaa jira jedhame

0
769

Naannolee Itoophiyaa adda addaatti walitti bu’iinsii fi tasgabbii dhabuun mul’atu dhaabbileen falmitoota mirga namoomaa hojii isaanii sirnaan akka hinhojjenne taasiseera jechuun giddugalli falmitoota mirga namoomaa Itoophiyaa beeksise.
Walitti bu’iinsa Itoophiyaa keessatti mul’atuun mirgi namoomaa lammiiwwanii sarbamaa fi biyyattiin gaaga’ama mirga namoomaa keessa seenaa jiraachuu kan kaasan daarikteerri giddugaleessichaa Yaareed Hayile Maariyam; qaamni dhaabbilee falmitoota mirga namoomaatiif eegumsa taasisu waan hinjirreef gaaga’ama mirga namoomaa lammilee irra gahaa jiru qorachuuf rakkachuu isaanii eeraniiru.
Dirreen siyaasaa sadarkaa biyyaatti jiru wayita babbadu falmitoonni mirga namoomaa dhiibbaa keessa akka seenanu kan kaasan daayirekteerichi; wayita biyyattiin komaand poostii jala turtetti dhaabbileen sab-quunnamtii fi dhaabbileen falmitoota mirga namoomaa hedduun socho’uuf rakkatanii akka turan kaasaniiru. Yeroo kanatti gaazexeessitoonni hedduun seeraan ala hidhaatti saaxilamuu isaanii eeranii; gaazexeessitoonni akka Taammiraat Nagaraa har’as hidhamanii akka jiran ibsaniiru.
Mootummaan gaaffii falmitoota mirga namoomaatiin dhiyaatuuf deebiin kennu gahaa akka hintaane kan kaasan Yaareed; hooggantoonni mootummaa tokko tokko gaaffii falmitoonni mirga namoomaa kaasan akka sarbuu fi gaaffii siyaasaatti akka lakkaa’an eeraniiru. Kanaanis gaaffii dhiyaatuuf deebii gaarii kennaa akka hinjirre dubbatan.
Qondaaltonni mootummaa sababa hojii isaaniitiin qeeqa isaan mudatu fudhachuuf lapheen isaanii bal’aa ta’uu akka qabu kan kaasan daarikteerichi; ogeessi sab-quunnamtii tokko na qeeqe jechuudhaan sirna haqaa daandii haaloo ittiin bahatan taasisuun adeemsa balaafamaa ta’uu kaasaniiru.
Namoonni dhuunfaa falmitoota mirga namoomaa, dhaabbilee fi ogeeyyiin sab-quunnamtii qabata hojiiwwan hojjetanuutiin rakkootti saaxilamaa jiraachuu isaanii kan kaasan Yaareed; giddugaleessichi falmitoonni mirga namoomaa fi gaazexeessitoonni sababa dhiibbaa isaan irra gahuutiin hojiin isaanii akka hindadhabneef gargaaruu fi kabajama mirga dhaabbilee kanaatiif ciminaan akka hojjetu eeraniiru.
Qabiinsi mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti bifa lama qabaachuu kan kaasan koomishineerri koomishiinii mirga namoomaa Itoophiyaa Dr. Daani’eel Baqqalaa; mootummaan kanaan dura seerota dhaabbilee siiviliitti hidhaa ta’an fooyyessuun tarkaanfii gaarii tokko tarkaanfachuu yoo danda’es; walitti bu’iinsaa buqqaafama kutaalee biyyattii adda addaa keessatti mul’atu dhaabuu dadhabuu isaatiin lubbuun lammilee hedduu badeera; qaamni hir’ateera; lammiiwwan miliyoonaan lakkaa’aman buqqa’aniiru; kanaanis biyyattiin gara gaaga’ama mirga namoomaatti seenuu ishee kaasaniiru.
Gama mootummaatiin tarkaanfiiwwan gaarii hintaane ilaalaa jirra kan jedhan koomishineerichi; namoonni baay’een seeraan ala hidhamaa akka jiran; namoonni dhuunfaa manni murtii mirga wabii hayyameef haalli mana hidhaa itti turan jiraachuu eeraniiru.
Koomishiinichi qabiinsa mirga namoomaa irratti hojiiwwan hubannoo qabsiisuu irra-deddeebiin hojjetaa jiraachuu kan kaasan Daani’eel; sarbamni mirga namoomaa raawwatamee yoo argame ibsa baasuudhaan gamatti qaamolee dhimmichi ilaaluu wajjin dhiyeenyatti hordoffii ni taasisna jedhaniiru.
Falmitoota mirga namoomaa fi ogeeyyii sab-quunnamtii irratti humnoota nageenyaa dabalatee gidiraa, doorsisaa fi hidhaan raawwatamaa akka jiru kan kaasan koomishineerichi; kunis koomishiinicha akka yaaddessu kaasaniiru.
Yeroo ammaatti hidhaa fi gidiraan dhaabbilee siivikii fi ogeeyyii sab-quunnamtii irratti raawwatamu kan bulchiinsa duraaniitiin ture irra fooyya’insi yoo jiraates; gidiraan namoota dhuunfaa irra gahu guutummaadhaan akka hinfuramin kaasaniiru.


አዲስ ማለዳ 5 Gurraandhala 2014 No 34

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here