Irra-deebiin hubamuu Affaar; Har’as akkuma kaleessaa?

0
1743

Waraana Itoophiyaa mudateen kallattiidhaan kan miidhaman naannoleen Tigiraay, Affaarii fi Amaaraa waggaa tokkoo oliif gaaga’ama namoomaa fi qabeenyaa keessummeessaniiru. Waraanni ka’umsa isaa naannoo Tigiraay taasifate ji’oota saddeetiif naannoo Tigiraayitti daangeffamee yoo tures; ji’a Adoolessaa bara 2013tti gara naannolee Affaarii fi Amaaraatti ce’uun waraanichi ji’oota shanii oliif naannolee lamaan keessa tureera.

Ji’oota kanatti jiraattonni naannolee waraanichaan gaaga’amanii kasaaraa namoomaa fi qabeenyaa hedduu keessummeessaniiru. Jiraattonni naannolee lamaanii kasaaraa namoomaa fi qabeenyaa keessummeessan ji’a Muddee darbetti ture weerara Adda Biliisummaa Ummata Tigiraay (ABUT) jalaa biliisa ta’uu isaanii mootummaan kan labse.

Yeroo sana naannoleen Amaaraa fi Affaar weeraricha irraa biliisomuun isaanii yoo ibsames; naannolee lamaanitti bakkeewwan Tigiraayiin wal daangessanutti waraanni akka ture; akkasumas bakkeewwan daangaa irra jiran baay’een akka biliisa hinba’in ibsamaa ture. Wayita sanatti gareen Adda Biliisummaa Ummata Tigiraay (ABUT) naannolee lamaan keessaa ba’e jedhamuu isaatiin lammiiwwan kallattiidhaan waraanichaan miidhamaniin dabalatatti ummanni Itoophiyaa hedduun yeroo gammachuu isaa itti ibsate ture.

Haata’u malee; ABUT naannolee Amaaraa fi Affaar keessaa ba’uun isaa ibsamee yeroo ji’a hinguunne keessatti naannolee lamaanitti bakkeewwan Tigiraayiin wal daangeessanu keessa lammiiwwan jiraatan irra deebiin buqqifamuu jalqabuun isaanii ni yaadatama. Waraana daangicha irratti taasifamuun lammiiwwan buqqifamanuun dabalatatti ABUT naannoo Affaaritti ifaan qaaxxee bal’aa jalqabuun isaas kan yaadatamuu dha.

Qaaxxee ABUT irra-deddeebi’uun naannoo Affaaritti baneen ummanni Affaar irra-deebiin gaaga’amaa waraanichaa erga ta’ee torbeewwan lakkaa’amaniiru. Kanaanis garichi hanga yoonaatti aanaalee sadii gadi hintaane too’achuu isaa waajjirri dhimmoota koomunikeeshiinii naannoo Affaar beeksiseera. Waraana irra-deebiin jalqabameen ABUT uummata Affaar irratti waraana “sanyii bal’eessuu” adeemsisaa jira kan jedhu naannichi; waraana irra-deebiidhaan jalqabameen lammiiwwan kuma 300 ol buqqa’uu isaanii beeksiseera.

Qaaxxeen ABUT Affaar irratti bane yeroo sadaffaaf ta’uu isaa mootummaan naannichaa kan beeksise yoo ta’u; garichi Kanaan dura weerara marsaa lamaan raawwateen lammiiwwan miliyoonaan lakkaa’aman hubaatii namoomaa fi qabeenyaatiif saaxilamuu isaanii yaadachiiseera. Qaaxxeewwan kanaan dura turaniin kan miidhame uummanni Affaar miidhama isa qaqqabe irraa utuu hinbayyanatin deebi’ee buqqa’uu fi beelaaf saaxilamuun isaa ibsamaa jira.

Qaaxxee marsaa sadaffaa ABUT bane daandii Affaar-Jibuutii cufuuf meeshaa gurguddaadhaan deeggaramuun kan raawwate ta’uu mootummaan naannoo Affaar beeksiseera. Kanaanis naannoo Affaar godina lama aanaalee Magaalee, Ab’aalaa, Barhaalee, Kunaabar fi Arabtii irratti hubaatii olaanaa qaqqabsiisuun isaa himameera.

Mootummaa federaalaatiin waraanni “boqonnaa jalqabaa” jedhame uummanni Affaar waraanicha qolachuudhaaf ji’oota shaniif aarsaa kaffaluun isaa yaadannoo yeroo dhiyoo ti.

Waraanicha qolachuudhaaf mootummaa cina hiriiree aarsaa kan kaffale uummanni Affaar qaaxxee marsaa sadaffaaf itti banameen qofaa isaa balaa waraanichaatti saaxilamee akka jiru Addis Maaledaa waliin kan turtii taasisan miseensi koree hoji raawwachiistuu uummata Affaarii fi hoogganaan quunnamtii alaa Mahaammad Awwal himaniiru. “Affaar ofii isaa irra biyya isaa dursa” kan jedhan Mahaammad; uummanni Affaar ji’ootaan dura mootummaa cina hiriiruudhaan akka waan aarsaa hinkaffalinii har’a waraana ABUT itti bane qofaa isaa qolataa jirachuu eeran.

Addi Biliisummaa Ummata Tigiraay (ABUT) naannoo Affaar godina lamatti waraana baneen aanaaleen shanii gadi hintaane gaaga’amtoota waraanichaa ta’uu isaanii kan ibsan Mahaammad; horsiisaan bulaan meeshaa hinhidhatin rakkoo hammaataatti saaxilamuu isaa eeraniiru. Sarbamni mirga namoomaa waraanichaan qaqqabaa jiru hammaataa dha kan jedhan Mahaammad; dubartoonnii fi daa’imman rakkina hammaataatti saaxilamuu isaanii eeraniiru. Uummanni Affaar gammoojjii keessa jiraatu kaleessa waraanicha qolachuudhaaf akka waan gatii hinbaasiniitti waraana irra-deebiin itti banameen manaa fi qe’ee isaa irraa buqqa’ee beelatti saaxilamuu isaa Mahaammad eeraniiru.

Itoophiyummaa isaatti kan hinmamne uummanni Affaar; wayita ABUT naannolee Affaarii fi Amaaraatti ji’oota shanii oliif weerara raawwatetti mootummaa cina hiriiree akka waan gatii hinkaffalinii; har’a wayita ABUT isa weerarutti qaamni isa dhaabate akka hinjirre Mahaammad eeraniiru. Ummanni Affaar ABUTn irra-deebiin hubamuu isaa hordofee mootummaan federaalaa hubaatichaaf deebii kennuu hafuun isaa uummaticha dallansiisaa jira.

Uummanni naannichaa kanaan dura waraana keessummeesseen kasaaraa namoomaa fi qabeenyaa isa mudate irraa wayita bayyanachuu qabutti “cittoo irratti fanxoo” akkuma jedhamu lammiiwwan buqqa’an gara naannoo isaaniitti utuu hindeebi’in; dawoo utuu hinargatin; cabiinsa xiinsammuu isaan mudate irraa utuu hinbayyanatinii fi gadda isaanii irraa utuu hinjajjabaatin waraana irra-deebiitiif saaxilamaniiru. Uummanni Affaar waraana irra-deebiitti saaxilamuu isaa hordofee gama mootummaatiin deebii gahaan kennamuu hafuun immoo rakkinicha hammeessaa jira jedhameera.

Har’as akkuma kaleessaa?
Mootummaan federaalaa ka’umsa “seera kabachiisuu” jedhuun naannoo Tigiraayitti humna ittisaa bobbaasee ji’oota saddeetiif erga ture booda; labsii gar-tokkeen waraana dhaabuu labsee naannicha gadhiisee bahuu isaa hordofee ABUT ji’a Adoolessaa bara 2013 naannoolee Affaarii fi Amaaraatti qaaxxee aggaamuun isaa ni yaadatama. Waraanni ji’oota saddeetiif naannoo Tigiraay keessatti daangeffamee ture gara naannolee Affaarii fi Tigiraayitti babal’atee ji’oota shaniif naannolee lamaan keessatti adeemsifamaa tureera.

Waraanni naannoo Tigiraay irraa gara naannolee Amaaraa fi Affaaritti ce’e; naannolee lamaan keessatti namoonni nagaan kumaan lakkaa’aman lubbuu isaanii akka dhaban; dubartoonni akka gudeedaman; haadholii fi daa’imman beelaa fi dheebuutti akka saaxilaman; lammiiwwan miliyoonaan lakkaa’aman akka buqqa’anuu fi qabeenyaan mootummaa fi namoota dhuunfaa biliyoona dhibbaan lakkaa’aman akka barbadaa’aniif sababa ta’eera. Naannolee lamaan kasaaraa kana hundaaf waraanni saaxile ji’oota shaniif wayita qabiyyee isaa babal’ifataa adeemu mootummaan deebii kennuu hafuun isaa miliyoonota gatii kaffalchiisuu isaa kan kaasan hedduu dha.

Yeroo sanatti ABUT naannolee lamaanitti lammiiwwan nagaa meeshaa gurguddaadhaan wayita reebuu fi buqqisu mootummaan tarkaanfii wal gitu fudhachuu hafuu isaatiin kasaarichi akka hammaatu taasisuu hayyoonnii fi miseensonni hawaasa waraanichaan gaaga’amanii wayita ibsan ni dhaga’ama. ABUT naannoo Amaaraatti Waldiyaa, Dassee, Kombolchaa, Kamisee, Shawaa-roobiit darbee magaalaa Finfinneetti dhiyaatte kan argamtu (kiiloo meetira 200) Dabre-Siinaa hanga gahutti; akkasumas gama naannoo Affaariin bakkawwan hedduu miidhaa fi lammiiwwan buqqa’an bakka qubatanitti meeshaalee gurguddaadhaan wayita mancaasu gama mootummaatiin tarkaanfiin deebisanii rukutuu fudhatamuu hafuun namoota hedduu biratti komii uumee ture.

Waraana ji’oota shan lakkoofsiseen miliyoononni erga buqqa’anii fi qabeenyaa isaanii dhabanii booda; tarkaanfii mootummaan fudhateen ABUT naannolee Affaarii fi Amaaraa keessaa bahuun isaa yaadannoo yeroo dhiyoo ti. ABUT naannolee lamaan keessaa yoo bahes raayyaan ittisa biyyaa gara Tigiraay akka hinseenne mootummaadhaan murtaa’uu isaa hordofee naannawaa daangessan irratti tuttuqaa ABUT qaqqabsiisuun lammiiwwan buqqa’anuu fi hubaman ni jiru.

Tuttuqaawwan daangaa irratti raawwatamanuun dabalatatti; naannoo Affaaritti irra-deebiin waraanni erga jalqabamee torbeewwan darbaniiru. Affaar waraana ABUT irra-deebiin baneen miidhamaa yoo jiraates; gama mootummaatiin deebiin wal gitu kennamaa akka hinjirre Addis Maaledaa wajjin turtii kan taasisan Mahaammad ibsaniiru. Affaar waraana yeroo sadaffaaf itti baname qofaa isaa waraanaa mootummaan federaalaa fi naannoleen biraas callisuun isaanii uummata Affaar dhimma Itoophiyaa irratti mamii hinqabne irratti hubaatii qaqqabu hammeessaa jiraachuun eerameera.

ABUT Affaar irratti waraana banuu isaa hordofee sagaleewwan “Affaar hubamaa jira” jedhan karaa adda addaatiin dhaga’amuu erga jalqabanii torbeewwan darbaniiru. Haata’u malee gama mootummaatiin deebiin kennamuu hafuun waraanni irra-deebiin naannoo Affaaritti jalqabame har’as akkuma kaleessaa ta’ayii gaaffii jedhu kaasaa jira.

“Mootummaan waraanni hinjiru jechuudhaan nutty qoosa” kan jedhan miseensi koree hoji-raawwachiistuu Paartii Ummata Affaar Mahaammad; waraana irra-deebiidhaan jalqabameen gaaga’amni uummata Affaar irra gahaa jiru hammaataa dha jedhaniiru. Affaar irra-deebiin ABUTn waraana itti banameen utuu hubamuu ministirri tajaajila koomunikeeshiinii mootummaa Dr.

Laggasaa Tulluuodeeffannoo sagalee Jermeeniif kennaniin naannoo Affaar keessa waraanni hinjiru jechuun isaanii mootummaan uummata Affaaritti qoosaa jiraachuu Mahaammad akka agarsiisaatti kaasaniiru.

Naannoon Affaar waraana irra-deebiin ABUTn itti baname of irraa ittisaa wayita jirutti mootummaan waraanni hinjiru jechuu isaa fi uummata Affaar hubamaa jiruuf dawoo dhowwachuu isaa kan ibsan Mahaammad; mootummaan waa’ee Affaar irratti callisuu filateera jedhan. Uummata Affaar irratti gidiraan baay’ateera kan jedhan Mahaammad; humni mootummaa uummata Affaar cina hinhiriirre jedhaniiru. “uummanni Affaar sagalee hinqabu; loojestiiksiis hinqabu” kan jedhan miseensi koree hoji raawwachiistuu Paartii Ummata Affaar; ummata horsiisaan bulaa meeshaa waraanaa hinhidhanne irratti meeshaalee waraanaa gurguddaadhaan waraanni wayita itti banamu humna wal-gitaa of irraa qolachuuf dandeessisu argataa akka hinjirre eeraniiru.

Mootummaan “boqonnaa tokkoffaa” waraanichaa xumureera erga jedhee booda; shuumiin eetaa maajoorii itti aanaan jeneraal Ababaaw Taaddasaa gaaffii fi deebii miidiyaalee mootummaa waliin taasisaniin; “boqonnaa lammaffaan” akka jiruu fi humni ittisa biyyaa qophaa’aa jiraachuu ibsuun isaanii ni yaadatama. Hata’u malee waraana “boqonnaa lammaffaatiif” qophaa’aa jira kan jedhame humni ittisa biyyaa waraana naannoo Affaaritti banameef deebii kennuu hafuun isaa ha’as akkuma kaleessaa akka hintaasisne namoonni baay’een yaaddoo qabu.

Waraanni kaabaa taateewwan yeroo yerootti agarsiisuun xumuraa fi carraa gara fuula-duraa waraanichaa akka hintilmaamamne taasiseera kan jedhan barsiisaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo adunyaa yuunivarsiitii Finfinnee maqaan isaanii akka ibsamu hinbarbaanne; mootummaan akka jedhutti waraanichi boqonnaadhaan qoqqoodamee kan itti fufu yoo ta’e kasaaraan humna namaa, kan dinagdee fi siyaasaa biyya irraan ga’u bal’ataa dhufa jedhaniiru. Barsiisichi akka jedhanutti dheerachuun waraanichaa fi rakkoon hawaasa waraanichaan miidhamuu hammaachaa adeemuun isaa deeggarsa mootummaan gama uummataatiin qabu akka haphatuuf carraa akka banu eeran.

Akkuma waraanichi dheerataa adeemeen gaaga’ama hanga yoonaatti qaqqabsiise keessumattuu uummata kallattiidhaan hubametu beeka kan jedhan barsiisichi; mootummaan gadadoo uummata waraana irra-deddeebiitiin hubamuu hambisuu danda’uu qaba jedhan.

Affaar Maal Wayya?
Naannoon Affaar waraana irra-deebii ABUTn hubamuu isaa hordofee mootummaa Itoophiyaatiinis ta’ee hawaasa adunyaatiin xiyyeeffannoon hinkennamneef kan jedhan miseensi koree hoji raawwachiistuu Paartii Ummata Affaar; mootummaan naannoo Affaaritti waraanni jalqabamuu ifa taasisee ABUTf deebii sirrii kennuu qaba jedhaniiru. Affaar qooda isaa bahataa jira kan jedhan Mahaammad; loojistiiksii gahaa utuu hinqabaatin kan lolaa jiru uummata Affarwaraana itti banameef deebii kennuuf humni ittisaa ajejamuu qaba jedhaniiru.

“Jalqaba mootummaan callisa isaa cabsuu qaba” kan jedhan Mahaammad; mootummaan eessa jira jechuun uummanni Affaar gaafataa jira; nan jira haa jedhu jedhaniiru. Affaar kan waraanaa jiru diinaa Itoophiyaa waan ta’eef Itphiyaanonni hundi Affaariif sagalee ta’uu qabu jedhameera. Uummanni Affaar hubamaa “callisuun mootummaa gatii baasisa” kan jedham Mahaammad; mootummaan ABUTn naannoo Affaar keessaa guutummaadhaan yoo hinbaasne uummanni Affaar haala nageenyaa kamiinuu akka hinfudhannes eeraniiru.

Waraana irra-deebiidhaan banameen uummanni naannichaa manaa fi qabeenya isaa irraa buqqa’e rakkoo keessa jiraachuu hubachuun uummata buqqa’e deeggaruu akka barbaachisu eerameera. Buqqaatonni haala mijataa hintaane keessatti beelaan du’aa jiru kan jedhan Mahaammad; uummanni Itoophiyaa Affaariin deeggaruu qaba jedhaniiru.

Paartiin Ummata Affaar uummatichi waraanaan hubamuu hordofee ibsa Amajjii 20 bara 2014 baaseen mootummaan naannichaa; bu’ura heerri mootummaa naannichaa tumeen naannichatti labsii yeroo muddamaa akka labsuu fi komaandi poostii jabaa akka gurmeessu gaafachuun isaa ni yaadatama. Paartichi ibsa isaatiin biyyootaa fi dhaabbilee adunyaa ABUTf abukaattummaa dhaabbataniif akeekkachiisa kenneen “ummanni Affaar utuu qalamuu, meeshaa gurguddaadhaan utuu reebamuu fi wayita beela’aa jirutti gadadoo naannoo goolamaatiin isa irratti raawwatamaa jiru deeggaruudhaan tumsa taasistan hanga itti fuftanitti uummanni Affaar gochaa badii keessan kanaaf tumsa tokko illee akka hintaasisne asumaan isin hubachiisna” jedheera.


አዲስ ማለዳ 12 Gurraandhala 2014 No 35

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here