Zayitiin nyaataa guyyoota muraasa keessatti dabalata gatii olaanaa agarsiise

0
586

Ji’a tokko keessatti zayitiin liitirri tokko dabalata birrii 30 agarsiiseera

Yeroo ammaa magaalaa Finfinnee bakkeewwan adda addaatti zayitiin nyaataa liitirri tokko hanga birrii 170tti gurguramaa jira.

Dabalati gatichaa seensa ji’a Amajjii irraa kaasee kan uumame ta’uu Addis Maaledaan magaalattii keessa naanna’uun gurgurtoonni dubbiste dubbataniiru. Gabaa biyya alaatii gara biyyaatti kan galu zayitiin nyaataa suufii irraa oomishame liitiriin tokko bakkeewwan gurgurtaa adda addaatti gatii adda addaa kan qabu yoo ta’u; Magganaanyaatti birrii 150 hanga 160tti yoo gurguramu; naannoo Ayyeer-Xeenaatti immoo birrii 150 hanga 170tti gurguramaa jiraachuu Addis Maaledaan mirkaneeffatteetti.

Meeksiikoo fi naannoo sanatti zayitiin nyaataa alaa gale “ foor ool” kan jedhamu liitiriin tokko birrii 150 hanga 165tti kan gurguramu yoo ta’u; abbaan litira shanii immoo birrii 690tti gurguramaa jira. Naannoodhuma kanatti zayitiin nyaataa ija suufii irraa oomishamu abbaan liitira shanii birrii 715tti gurguramaa jira.

Akkasumas gosoonni zayitii nyaataa alaa galan hundi bakka hedduutti gatiin itti gurguraman inni xiqqaan birrii 150 yoo ta’u; zayitiin nyaataa liitirri tokko birrii 170tti gurguramu ji’a Amajjii dura gatii olaanaa itti gurguramaa ture birrii 140 irra dabalata birrii 30 agarsiiseera. Zayitumti kun abbaan liitira shaniis magaalaa Finfinnee bakka adda addaatti birrii 630 hanga birrii 695tti yoo gurguramu; abbaan liitira sadiis birrii 420 hanga 430tti gurguramaa jira.

Zayitiin biyya keessaa abbaan liitira tokkoos akkasuma birrii 130tti gurguramaa yoo jiraates; dhiyeessiin bitattootaaf jiru garuu xiqqaa akka ta’e beekuun danda’ameera.

Ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannootti daarikteerri daayirektoreetii qorannoo gatii meeshalee daldalaa Maskaram Baahiruu Addis Maaledaatti akka ibsanitti; dabala gatii zayitii nyaataa irratti taasifameera jedhame odeeffannoo ni qabna; ta’us garuu gadi buunee kan mirkaneeffannu ta’a; itti aansuun tarkaanfiin fudhatamu yeroo itti aanutti ibsama jedhaniiru.

Kanaan duras dabalati muraasni akka ture daarikteerattiin eranii; gatiin qaala’aan tibbanaa kan dhufe guyyoota gabaabaa keessatti ta’uu ibsaniiru. Gabaa alaa irratti gatiin zayitii nyaataa dabalata qabaachuu akka dand’u kan kaasan Maskaram; hanqinicha sirreessuudhaa fi gatii isaas tasgabbeessuudhaaf oomishtoonni biyya keessaa kasaaraniis yoo ta’e gatii walfakkaatuun akka dhiyeessan murteen darbeera jedhan.

Kan ashuura irraa biliisa ta’anii galan irrattis hojmaata kaa’aa jirra kan jedhan daarikteerattiin; hangi zayitii fichisiistotaan dhiyaatuu gabaa irratti qooda guddaa waan fudhatuuf toora sanaan ala oomishni isaanii gabaa irratti argamuu dhiisuu danda’a jechuun eeran.

Kanaanis; oomishni zayitii Balaayinee Kindee zayitii nyaataa liitira miliyoona 16.5; akkasumas warshaaleen oomisha zayitii lama oomisha isaanii gatii irra tureen akka gurguran murtaa’eera jedhan.

Koorporeeshiiniin Hojiiwwan Daldalaas zayitii nyaataa liitira miliyoona 12.5 liitira tokko giddugaleessaan birrii 77n turban darbee jalqabee galchuun adeemsa irra jiraachuu ibsaniiru.
Qaala’insi gatichaa kan uumame zayitiin alaa galu tarii hir’ateetii gaaffii jedhuuf daarikteerittiin deebii wayita kennan oomishtoota jikita isaa gara biyyaatti galchanuu fi zayitii nyaataa dhumate kan galchan Koorporeeshiinii Hojiiwwan Daldalaaf bara bajataa kanatti sharafni alaa hayyamameef kennamaafii akka jiruu fi hojii isaanii raawwataa akka jiran ibsan.

Ministeera induustiriitti instiityutiin misooma induustirii nyaataa, dhugaatii fi faarmaasiyutiikaalaa ji’oota jahaan bara bajataa 2014tti raawwii karooraa ilaalchisuun gabaasa dhiyeesseen; Adoolessa 1 bara 2013 hanga Muddee 30 bara 2014tti zayitii nyaataa toonii kuma 90 fi 741 biyya keessatti oomishamuu ibseera. Akkasumas zayitii nyaataa toonii kuma 600 fi kuma 79 fi 416 gara gabaa biyya keessaatti akka gale instiitiyuutichi ibseera.

Bitattoonni hedduunis hanqinni zayitii nyaataa jiraachuu eerani; qaala’insi gatichaa yeroo gara yerootti hammaataa akka adeemee fi kunis jireenya hawaasaa irratti dhiibbaa olaanaa uumaa jiraachuun isaanii ni dhaga’ama.


አዲስ ማለዳ 12 Gurraandhala 2014 No 35

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here