Ji’a itti aanu naannoowwan hongeen jirutti roobni akka roobu ibsame

0
648

Ji’a itti aanutti naannolee Affaarii fi Oromiyaa hongeen jirutti roobni idilee jiraachuu akka danda’u ejensiin meetirooloojii Itoophiyaa Addis Maaledaatti beeksise.

Hoogganaan sab-quunnamtii ejensii meetirooloojii Itoophiyaa Ahimaddiin Abdikariim Addis Maaledaatti akka ibsanitti; yeroo ammaatti qilleensi jiidhaan gara Itoophiyaatti seenaa kan jiru dabalaa dhufeera. Kanaan kan ka’e torban dhufu jechuunis Bitootessa 11 bara 2014 jalqabee ji’a tokkoof kaaba-bahaa; giddugaleessaa fi naannoowwan Itoophiyaa kibbaatti roobni kan idileetiin walitti dhiyaatu jiraachuu akka danda’u odeeffannoowwan raga meetirooloojii agarsiisaniiru jedhan.

Ji’a Gurraandhalaa darbee fi turban darbe dabalatee mallattoowwan uumama roobaa carraan jabaachaa itti deemuu danda’an bal’aa akka ta’u ejensiin meetirooloojii Itoophiyaa raga kennuun isaa hindagatamu.

Gama biraatiin ji’a darbe kaaba-bahaa; Itoophiyaa giddugaleessaa fi kibbi rooba kan idileetiin walitti dhiyaatu carraan argachuu itti danda’an bal’aa yoo tures; qilleensi jiidhaan gara Itoophiyaa seenaa ture hir’achuu isaa hordofee kutaalee Itoophiyaa adda addaatti ji’a gogaa ta’ee akka darbe eerameera.

Ahimaddiin itti dabaluunis torban itti aanuu jalqabee bakkeewwan armaan olitti eeramaniin cinatti naannoo Oromiyaa godinaalee Jimmaa fi Iluu Abbaa Boor; Wallaggaa bahaa fi lixaa; Shawaa-kaabaa; godinaalee Arsii fi Baalee; godina Booranaa; godina Gujii; akkasumas magaalaa Finfinnee dabalatee bakkawwan hedduutti jiidha muraasa wayita itti argatan akka ta’u himan.

Kana malees; naannoo Affaar godina sadii fi shan; naannoo Amaaraa Walloo-kaabaa fi kibbaa; Shawaa-kaabaa; godina Goojjam lixaa fi bahaa; Gondar-kibbaa; magaalaa Baahir Daarii fi naannoo ishee; naannoo Tigiraayitti godinaalee giddugaleessa bahaa fi kibbaa; naannoo kibbaatti haala godinaalee hunda jechuun danda’amuun; akkasumas naannoo Gambeellaa dabalatee bakkaawwan hedduutti roobni kan idileetiin walitti dhiyaatuu fi bakkeewwan muraasatti immoo rooba idileedhaa gadi ta’e akka argatan ibsameera.

Naannoleen Itoophiyaa hafan haala qilleensaa gogaa fi aduu akka ta’uu akka danda’an gabaasaaleen raagaa akka mul’isan hooggantichi dubbataniiru.

Itoophiyaatti bakkeewwan hongeen itti mudate jechuunis naannoo Oromiyaatti godinaalee Baalee fi Boorana; naannoo Affaar bakka tokko tokkotti haala murtaa’een jiidha argachuun isaanii kan eegamu yoo ta’u; kunis dhiyeessii bishaan dhugaatii beeladootaafi lafa dheedichaatiif faayidaa guddaa akka qabaatu amanama.

Hooggantichi walqabsiisuun ji’a kana naannoo Sumaaleetti carraan jiidhi itti argamu dhiphaa ta’uu waan danda’uuf hawaasni of-eeggannoo akka taasisuu fi mootummaanis akkuma baratame hojiiwwan barataman itti fufuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ejensiin meetirooloojii Itoophiyaa raaga waqtii arfaasaa ilaalchisee raaga kenneen; arfaasaan baranaa turuu akka danda’uu fi roobni idilee fi idileen gadii akka eegamu dursee beeksiseera. Hawaasni turees yoo ta’e jiidhaa fi bishaan argausirnaan kaayyoo barbaadamuuf akka itti fayyadamu; keessumattuu hidhoota madda anniisaatti bishaan argamu ho’a olaanaa cimuu wajjin walqabatee carraan gara urkaatti jijjiiramuu waan qabuuf sirnaan kaayyoo barbaadamuuf akka oolu hubachiisuun isaa ni yaadatama.


አዲስ ማለዳ Bitootessa 10 2014 No 39

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here