waa’een qaala’insa ji-reenyaa wayita ka’u yeroo ammaatti af-aan hawaasaatiin dursee kan dubbatamu “yaa zayitii” kan jedhu sagalee komiin itti hed-dummattuu dha.
Waa’een zayitii dhimmi qaala’insa jireenyaa kan akka kiraa manaa, geejjibaa fi dhimmoonni kanaan walqabatan biraa wajjin rakkoo uummata gaaga’aa jiru ta’ee yoo tures; tarii gatiin isaa yoo daba-leedha malee kan amma mul’ateen haal walgiteen gatiin isaa qaala’uu irra darbee sadarkaa baduu fi dha-bamuu irra hingeenye ture.
Tibbana garuu zayitii ilaalchisuud-haan kan hawaasa gaaga’aa jiru dabalamuu gatii isaa qofa osoo hin-taane inumayyuu dhabamuu isaa ti. Odeeffannoon dame kanaan qorat-aman akka mul’isanutti zayitii biyya alaatii galchuus ta’ee biyya kees-satti oomishuun hindhaabbanne.
saa bara 2013tti zayitii ilaalchisuud-haan odeeffannoon baase akka mul’isutti guddinni humna bitachuu uummata Itoophiyaa dhibbeen-taa lama yoo ta’u; fedhiin zayita nyaataa immoo ji’a tokko keessatti toonii kuma 74 ol; akkasumas wag-gaatti immoo toonii kuma 800 fi kuma 88 fi 679.
Boordiin zayita paalmii Maaleezhi-yaa waa’ee gatii zayitii paalmii qor-achuun odeeffannoo bara 2013tti baaseen; waggoota 11 darban keessatti baay’inni zayitii nyaataa gara biyya keessaatti seene daba-laa akka dhufe agarsiiseera.
Fakkeenyaafis bara 2003tti toonii kuma 200 fi kuma 58 ol; bara 2004 – 2006tti toonii kuma 300 fi kuma 15 hanga toonii kuma 300 fi kuma 89 olii; 2007 hanga kuma 2009tti toonii kuma 400 fi kuma 77 hanga kuma 500 fi kuma 19 ol ta’uun qo-rannoon mirkanaa’eera. Isa boodas bara 2010tti zayitiin toonii kuma 400 fi kuma 27 fi 797 gara biyyattii kan gale yoo ta’u; bara 2011 fi 2012tti immoo zayitiin gara biyyaatti gale toonii kuma 700 fi kuma 42 irraa gara miliyoona tokkoo; kana irra darbee bara 2013tti gara miliyoo-na tokkoo fi kuma 200 fi kuma 17 fi 903.4tti ol guddateera.
Kun hangi zayitii biyyoota alaatii galu yoo ta’u sadarka biyya kees-saattis yoo ta’e warshaaleen biyya keessa jiran oomishuu isaanii itti fufaniiru. Hata’u malee yeroo gara yerootti gabaa irratti hanqinni zay-itaa fi dabalamuun gatii mul’ataa kan dhufe yoo ta’u; tibbana immoo oomishichi sadarkaa dhabamuu irra gaheera. Dhiyeessiin isaa waggaa waggaadhaan kan dabalu erga ta’ee tarii yoo gatiin dabalame malee sababni zayitiin sirumaan baduuf maal irraa madde? Gaaffii jedhu namoonni baay’een irratti wal falmaa jiru.
Namoonni yaada kennan tokko tokko “zayitiin dachaadhaan olitti gatiin isaa dabalee gatiidhuma olaanaa kanaan bituudhaaf dhiyeessiin isaa dhabamuun; erga gara biyya keessatti seenee booda sharriin baay’een waan irratti hojjetamuuf” akka ta’e dubbatu.
Namoota komii dhiyeessan kees-saa miidhamaan qaamaa fi mana ciree xiqqoo qaban irraa galii arga-tanuun miseensota maatii isaanii afur akka jiraachisan kan ibsan Xi-laahun Balaay; “waa’een zayitaa na haarseera; rakkinichi immoo han-qina dhiyeessii qofa osoo hintaane zayitiin waan dhokfamuuf; gara bi-yya keessaatti erga seenee booda sharriin waan irratti hojjetamuufi” jechuudhaan Addis Maaledaatti hi-maniiru.
Itti dabaluunis; “kanaafis ha-waasni utuu rakkatuu torbeewwan dura zayitiin manneen kuusaatti kuufamee argame dhugaa ta’uu shirichaa haala hinhaalammneen kan mul’isuudha” jedhan.
“yoo barbaadan ni baasu; yoo barbaadan ni dhoksu” kan jedhan bulchaan maatii kun; torbsn dar-be zayitii argachuuf gara kutaa magaalaa Qiirqoos wayita adee-man zayitiin yoo argameyyuu way-ita qooddannaa isaa hojmaanni ture haqa-qabeessa akka hintaane qaamaan argamuun kan ilaalan dhugaa bahaniiru.
“A miidhamaa qaamaa waanin ta’eef biiroo keessa seeneen dab-aree eeggataa ture” kan jedhan namni komii dhiyeessan kun; ab-bootiin aangoo seenuudhaan akka barbaadan wayita fudhatan argeen “hojmaanni kun sirrii miti” jedhee dhugaa waanin saaxileef namoota dabaree eeggatan nutty kakaaste jechuudhaan wayita na yakkanitti baay’een gadde” jechuudhaan haa-la isaa Addis Maaledaatti ibsan.
Yeroo adda addaatti odeeffan-noowwan bahan akka agarsiisanu-tti; rakkoo dhiyeessii zayitiitiif akka sababaatti kan eeraman keessaa gama daldaltootaatiin kan hubata-mu gochaa zayita dhoksuu ti.
Itoophiyaadhaaf zayitni ji’a tok-koof barbaachisu liitira miliyoona 86 akka ta’e himama. Maalree na-moonni yaada kennan akka jedha-nutti zayitiin yeroo yeroon dhokfamu kun hanga barbaadamu argachuu irratti dabalataan gufuu ta’uu isaa ti. Itoophiyaa keessatti yeroo adda addaa zayitiin nyaataa dhokfamee akka argamu poolisii dabalatee qa-amoleen qooda qaban kan biraas wayita saaxilan ni dhaga’ama.
Fakkeenyaafis Gurraandhala 28 bara 2014 magaalaa Finfinnee ku-taa magaalaa Addis katamaa bakka Sidaamoo Taraa jedhamutti sakat-ta’a taasifameen zayitiin nyaataa kaartoonii kuma lamaa fi 600 ol daldaltoota saddeetiin dhokfamee argamuun isaa ni yaadatama.
Kanumaan walqabatees; kutaa magaalaa Addis katamaa aanaa saddeet bakka Sharaa Taraa jed-hamutti zayitiin liitira kuma 12 fi 944 okfamee argamuu fi too’annaa jala ooluun isaa himamee ture.
Haal walfakkaatuun; baru-ma kana Gurraandhala 30 kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii aanaa 12 mana-kuusaa daldalaa tokkoo keessatti qofa zayitiin liitirri kumni lamaa fi 380ni too’annaa jala oolu-un isaa ni yaadatama.
Bara 2014tti kan kanaan olitti eeramaniin dabalatatti yeroo adda addaatti zayitiin nyaataa dhok-famee kan argame yoo ta’u; go-chichi kan raawwatame waggaa kana qofa osoo hintaane waggoo-ta darbanittis akkasuma ture. Fak-keenyaafis Gurraandhala 6 bara 2013 kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo Mikaa’elii Jamoo naan-noo gaaraajii Anbassaatti zayitiin paalmii jarikaaniin miliyoona lamaa ol too’annaa jala ooleera jedhamee dhaabbileen miidiyaa adda addaa gabaasaa turuun isaanii hindagat-amu.
Daldalatoonni zayitiis ta’ee shaqaxa kan alaa galchan baay’in-aan. Kanuma mana kuusaatti kuusanii baasuudhaan akka raab-sanuu fi qinxaaboon gurguran ni beekama. Hojii isaanii baratamaa kana raawwatan gosaa fi baay’ina oomisha dhufee icitiidhaan qabuun hojmaata bu’uuraa akka ta’e wayita dubbatan ni dhaga’ama. Kana akka hinraawwanne tibbana akkuma ta-asifame man-kuusa isaanii seena-mee yoom akka fidanii fi akkamitti akka gurguran utuu hinqulqulla’in dhaalamuun isaa; seera-qabees-sota irrattis yaaddoo akka uumu gara fuula duraatti eenyu amanee zayitii baay’inaan fiduudhaan mana kuusaatti galcha jechuun han-qinichaaf ka’umsa akka ta’e waan itti fakkaate warri dubbatu ni jiru.
Faallaa kanaatiin akka ibsa komattootaa yoo ta’e; zayitiin dhok-fameera jedhame carraan too’an-naa jala itti oolu yoo jiraates; sa-baba dhokfamuu isaatiin wayita hawaasni barbaadutti gabaa irraa dhabamuu isaatiin dabalatatti qa-ala’insa gatiifis sababa ta’aa jira. Gama biraatiin zayitiin nyaataa dhokfamuu fi yeroo adda addaatti too’annaa jala oolu faayidaa ha-waasaatiif oolaa jiraayii kan jedhu gaaffii kan biraa ta’ee argameera.
Addis Maaledaanis komicha kaasuudhaan ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsaatti Ababaa Taammanaa wajjin kan turtii taa-siste yoo ta’u; isaanis kan ibsanu zayitiin dhokfamee argamu hawaa-sa qaqqabaa jiraachuu isaa ti.
Yeroo dhiyoo as kan mul’ate qaa-la’insa gatii fi hanqina dhiyeessiitiif furmaata fiduuf hojjetamaa jira kan jedhan Ababaan; zayitiin akka alaagalu ajajamuu isaa fi yeroo dhiy-ootti gara biyyaatti akka galu Addis Maaledaatti beeksisaniiru.
Gama biraatiin; tibbana erga zay-itiin bade turee booda dhaabbilee mootummaa jala jiranuuf hiramaa jiraachuu fi kutaa hawaasaa kan bi-raa qaqqabuu hafuun isaa namoo-ta hedduu biratti komii uumuu isaa Addis Maaledaan namoota yaada kennaniif irraa hubachuu dandees-seetti.
Miindaa koo ji’aa birrii kuma afur keessaa kuma lama kiraa manaa kaffalee; kan hafe baasiiwwan bi-raa fi geejjibaaf baasee; kana irra darbees birrii kuma tokkoon zayita bitee ijoollee koo sadan akkamittan bulchuu danda’a jechuun kan gaa-fatan haadha ijoollee Waagaayee Ayyaaloo jedhamanuu dha.
Komii dhiyeessituun kun tibba-na zayitiin hiramaa jiraachuu yaa-datanii; kutaaleen hawaasaa kan bi-raahoo hirachuun irra hinturreeyii? Qaamoleen dhaabbilee mootum-maa jala jiran faayidaa adda add-aatiin argachuu utuu danda’anii; kutan hawaasaa cunqurfamaa fi miindaa xiqqaa qabu eessatti haa kufu jedhame? jechuun gaafatanii-ru.
Bara 2013tti magaalaa Bureetti kan eebbifame qabeenyummaan isaa kan Balaayinee Kindee kan ta’e warshaan zayitii Fibeelaa fedhii zayitii Itoophiyaa keessa jiru dhib-beentaa 60 akka huwwisu wayita sanatti himamaa turuun isaa ni yaa-datama.
Odeeffannoon tajaajila istaatistiik-sii Itoophiyaa akka mul’isutti; bara 2014tti fedhiin zayitii ji’aan toonii kuma 75 fi 543; waggaatti immoo toonii kuma 900 fi kuma jahaa fi 525 yoo ta’u; hangi zayitii biyya keessaa dhiyaatu immoo ji’atti toonii kuma 69 fi 950; waggaatti toonii kuma 800 fi kuma 39 fi 405. Kanaanis waggaa keessatti qaawwaan dhiyeessii fi fedhii liitira kuma 67 fi 119 ykn dhib-beentaa 7.4 akka jiru odeeffannichi ni mul’isa.
Odeeffannicha irraa hubachuun kan danda’amu fedhiin bara 2015tti jiraatu yoo dabale malee hangi dhiyeessii akka hindaballee dha. Kanas ministeerri daldalaa fi walit-ti hidhamiinsaa qorannoo dursee ifoomseen ifa taasiseera. Bara 2 2015tti fedhiin zayitii ji’aan toonii kuma 77 ol yoo ta’u; waggaatti im-moo toonii kuma 900 fi kuma 24 fi 656 ta’uun isaa qorannichaan eera-meera.
Kanaanis hangi zayitii biyya keessatti dhiyaatu kan bara 2014tiin wal biratti wayita madaalamu wal-fakkaataa jechuunis ji’aan toonii kuma 69 fi 950; waggaatti toonii kuma 800 fi kuma 39 jechuu dha. Bara 2014tti qaawwaan dhiyees-sii fi fedhii gidduu jiru dhibbeentaa 7.4 yoo ta’u; kan bara 2015 immoo toonii kuma 85 fi 250 ykn dhibbeen-taa 9.22. kunis kan mul’isu fedhii nyaataa bara 2014 jiru caalaatti kan bara 2015 yoo dabales dhiyeessi-in garuu kan bara 2014 irraa adda akka hintaanee dha.
Qaawwaan fedhii fi dhiyeessii gidduu jiru kun oomishtoota zayitii xixiqqaa fi giddugaleessaa biyya keessa jiranuun; akkasumas zay-itii gabaa biliisaatiin biyya alaatii galuun kan guutamu akka ta’u odeeffannoon ministeera daldalaa fi induustiriitti instiitiyuutiin misooma induustirii nyaataa, dhugaatii fi faar-maasiyutikaalaa ni eera.
Egaa; qaawwaan kun kan guuta-mu kan biliisaan galuu fi warshaalee biyya keessa jiranuun erga ta’ee; midhaan dibataa zayita oomishuuf barbaachisan biyya keessatti oom-ishuuf sadarkaa dandeessisuun oomishamaa jiruu? Dhimmi jedhu gaaffii ka’u kan biraa ti.
Zayitii nyaataa oomishuuf kan gar-gaaran midhaan dibataa Itoophiyaa keessatti gahumsaan oomishamuu dadhabuun isaanii rakkoo uuma-meef sababa akka ta’ee fi furmaanni isaas humna guutuu fayyadamuud-haan midhaan dibataa oomishuu ta’uu isaa hayyoonni dinagdee ni dubbatau.
Midhaan dibataa qabatamaad-haan oomishuu dha malee zayitii toonii hanga kana galchuu fi oom-ishuun rakkinichi ni furama jechuun olola kan jedhan ogeessa dinagdee Daawit Kaasaa ti.
Akka ibsa Daawititti yoo ta’e; uu-mamuu rakkinichaatiif midhaan dibataa oomishuu hafuun saba-ba. Odeeffannoon instiitiyuutiin nyaataa, dhugaatii fi faarmaasi-yuutikaalaa baase akka mul’isutti; “bara 2007 hanga 2012tti waag-goota jiranutti lafa waliigalaan oom-isha midhaanii oomishuuf misoome keessaa midhaan dibataa misoom-suuf lafti qonnaa oole giddugalees-saan dhibbeentaa 6.61 qofaa dha.
Haala walqabateen midhaan di-bataa lafa qonnaa kana irraa oom-ishamu sadarkaa biyyatti midhaan oomishamu keessaa giddugalees-saan dhibbeentaa 2.71 qofa akka ta’e ragchi eereera.
Kana waan ta’eefis; humna oomi-sha midhaan dibataa oomishu gud-disuun rakkinicha caalaatti furuuf akka dandeessisu ragichaa fi ibsa Daawit irraa hubachuun kan dan-da’ame.
Daawit rakkina uumameef waraannii Raashaa fi Yuukireen sababa biraa ta’uu kaasuun; walit-ti bu’iinsi akkasii wayita uumamu waan harka namaa jiru argachuun tabba waan namatti ta’uuf oom-ishaan of danda’uun filatamaa ta’uu kaasaniiru.
አዲስ ማለዳ Bitootessa 24 2014 No 41



