Utubaa bulchiinsa biyya tokkoo kan ta’e heerri mootummaa wayita wixineeffamu lammii hunda sadarkaa sadarkaadhaan hirmaachisuu qaba. Garuu karaa faallaa ta’een heerri mootummaa tokko fedhii fi kaayyoo garee tokkoo bu’ureeffachuun yoo wixineeffame ka’umsa walitti bu’iinsaa ta’uu irra darbee diigamuu biyyaatiif sababa ta’a kan jedhan irra-caalaan isaanii ogeeyyii seeraa ti.
Ogeeyyiin tokko tokko waa’ee heera mootummaa wayita kaasan; biyyoonni carraan heera mootummaa isaanii ittiin fooyyeffatan bal’aa ta’uu eeruun; Ameriikaa akka fakkeenyaatti yeroo kaasan dhaga’amu.
Ameriikaan heera mootummaa ishee yeroo jalqabaatiif A.L.A. bara 1787tti erga hojii irra oolchitee booda yeroo 27 biyya fooyyessitee dha. Biyyattiin heericha erga baastee yeroo waggaa lama hinguunne keessatti jechuunis bara 1788tti fooyyessuu akka dandeesse ragaalee wabeeffachuudhaan hayyoonni ni dubbatu.
Itoophiyaattis heera mootummaa “ammayyaa” kan jedhamu bara 1923tti mootichi Hayile Sillaasee hojii irra akka oolu kan taasisan sanada isa jalqabaa ti.
Heera mootummaa isa lammaffaa kan jedhamu akkasuma Ertiraan weerara Ertiraa jalaa erga biliisomtee booda heera mootummaa bara 1923 fooyyessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef A.L.A. bara 1955tti fooyya’ee kan dhiyaate ture.
Inni sadaffaa fi heera mootummaa umurii gabaabaa qabu jedhamuu kan danda’u immoo bara 1979tti kan ragga’ee fi bara 1983tti sirni Dargii aangoo irraa wayita ari’ametti bara 1983tti kan haqamee dha.
Inni arfaffaa fi yeroo ammaa hojii irratti kan argamu heera mootummaa Riipubiliika Diimookiraatawaa Feederaalawaa Itoophiyaa yoo ta’u; wixinee heerichaa irratti ummanni irratti maryateera erga jedhamee booda miseensota mana maree saboota; sab-lammootaa fi uummattootaan bakka bu’an jedhamaniin Sadaasa 29 bara 1987 ragga’ee Hagayya 15 bara 1987 gaazexaa ‘Nagaaritiin’ labsamee hojii irra kan oolee dha.
Seera olaanaa seerota biyyattii ti kan ta’e heerri mootummaa kun; waliigalaan boqonnaawwan 11 fi keewwattoota 106 qabateera. Heerichi mirgoonni namoomaa fi biliisummaa uumama dhala namaa irraa maddan kan hinsarbamnee fi kan hindhorkamne ta’uu isaanii tumeera. Kana malees mirgoonni namoomaa fi diimookiraasii lammiiwwanii fi uummattootaa kabajamuu akka qaban ni dirqisiisa.
Bu’ura heera mootummaa kanaatiin mootummaa fi amantaan garaagara yoo ta’an; mootummaan dhimma amantaa keessa; amantaanis dhimma mootummaa gidduu akka hinseenne tumameera.
Heerri mootummaa yeroo ammaa hojii irra jiru ragga’uu isaa hordofees; koomishiiniin farra malaammaltummaa; koomishiiniin mirgoota namoomaa; dhaabbata abbagaar uummataa dabalatee dhaabbileen diimookiraasii kana fakkaatan kan biraa akka uumaman gargaaruu irra darbee; manneen murtii biliisaa fi dhaabbileen sab-quunnamtii walabaa biyya keenya keessatti akka hundaa’anuu fi akka daraaran dandeessiseera jedhama. Kanumaan walqabatees biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif filannoon paartilee hedduu akka adeemsifamu kan dandeessise heeruma mootummaa yeroo ammaa hojii irra jiru ta’uun isaa wayita himamu ni dhaga’ama.
Egaa heerichi yaad-rimeewwan ykn keewwattoota faayida-qabeessa hedduu yoo qabaates; keewwattoota seeraa achi keessa galuun irra hinturres qabateera jechuun qeeqni bal’aanis irratti dhiyaata.
Namoonni hedduun heerichi Itoophiyaa diiguudhaaf dabarsee kenna jechuun amanu. Kanaafis keessattuu keewwata saddeet waa’ee birmadummaa fi biyyaalessaa qabatee jiru keewwati 39 biyya balaaf kan saaxilan ta’uun isaanii ogeeyyii heera mootummaatiin yeroo ka’u dhaga’ama.
Heericha keessatti buufataaleen biyya diigaminsaaf saaxilan ni jiru jechuu hordofee heerichi jijjiiramuu qaba qaamoleen jedhan akkuma jiran; heerichi jijjiiramuu hinqabu jechuun kan falmanuu fi carraan sanadichi ittiin jijjiiramu yoo jiraate Itoophiyaan ni diigamti yaada jedhu guddisuun qaamoleen calaqqisiisanus ni jiru.
Yaadni wal-faallessu akka kanaa mootummaan yeroo ammaatti Itoophiyaa bulchaa jiru dhimmicha irratti ejjennoo qulqullaa’e akka hinqabaanne taasisuun isaa amanamaa dha.
Heerri mootummaa yaadni adda addaa itti ka’u kun yeroo ammaatti carraa jijjiiramuu ni qaba moo hinqabu gaaffii jedhu namoonni baay’een wayita kaasan dhaga’ama.
Ogeessi seeraa Kaappitaal Kibree heerri mootummaa Itoophiyaa hojii irra jiru gama hedduuwwan sirnaan keessummeessuu fi nageenya mirkaneessuutiin rakkoo kan qabu; walqixxummaas kan hinmirkaneessinee dha jedhu.
Ogeessi seeraa kun; heerichi tokkummaa biyyaa uumuu fi walitti hidhamiinsa uummataa gama gurmeessuutiin shoorri gumaache gadaanaa ta’uu xiyyeeffannaa itti kennaniiru.
Kanaanis; hericha guutummaadhaan jijjiiruun kan hinyaadamne ta’us; carraan ittiin fooyya’u garuu dhiyoo ta’uu isaa hinshakku jedhu.
Itoophiyaa keessatti waggoonni lamaanii fi sanaa olii garaagarummaan kan itti bal’atan; seenessi lammiiwwan walitti bu’iinsaaf saaxilanii fi walitti bu’insoonni enyummaa bu’ureeffatan bal’inaan kan itti mul’atan turan. Naannolee fi qaamoleen nageenyaa mirga ummataa eegsisuu irra wayita siyaasa meeshaa faayidaa taasisan adeemsa isaa taajjabneerra jedhan ogeessi seeraa kun.
Rakkoowwan wal irratti daddabalaman kanaaf immoo ka’umsi isaa heera mootummaa ta’uu isaa amanu.
Mootummaanis ka’umsi rakkoo wal irratti daddabalaman kanaa irra caalaan heera mootummaa ta’uu hubachuu fi gurmaa’insa nageenyaa madaaluun sakatta’uu akka qabu ogeessi seeraa Kaappitaal Kibiree dubbataniiru.
Itoophiyaa kan bulchaa jiru Paartiin Badhaadhinaa yeroon aangoo isaa utuu hinxumuramin; koomishiinii marii biyyaalessaa hundaa’ee fi dhaabbilee biro wajjin qindoomuun; qophii bal’aa uummata hirmaachise gochuun heera mootummaa kana yeroo gabaabaa keessatti jijjiiruu akka qabu ibsan.
Ogeessi seeraa kan biraa Abbabaa Akaaluu gama isaaniitiin; heerichi bifa lamaan gaaffiin irra-deddeebi’ame itti ka’aa jira jedhan.
Gama ‘TPLF’ fi naannoo Oromiyaatiin heerichi fooyya’uu hinqabu jechuun kan amanan ni jiru. Ummata naannoo Amaaraa fi saba Guraagee biratti faallaa kanaatiin heerichi akka jijjiiramu irra-deddeebiin kan wawwaatan akka jiran taajjabeera jedhan.
Abbabaan itti aansuunis; heericha fooyyessuudhaaf hojiiwwan hojjetamuu qaban baay’een akka jiran kan eeran yoo ta’u; mootummaan Badhaadhinaa Itoophiyaa bulchaa jiru paartilee siyaasaa morkattootaatiin gamatti; naannoo hanga aanaatti adeemuun kutaalee hawaasaa hundaa wajjin qophii bal’aa taasisuu fi yeroo fudhachuun heera mootummaa irratti maryachuu qaba jedhaniiru.
Ogeessi seeraa kan biraa Xigaabuu Dassaaleny gama isaaniitiin; heera mootummaa kana bara dhaloota kanaatti jijjiiruun hinyaadamu kan jedhan yoo ta’u; keewwattonni fooyya’anu garuu akka jiran hinshakku jedhaniiru.
Kanaaf immoo sababoota lama ka’aniiru. Tokkoffaan rakkoo amma Itoophiyaan keessa jirtuuf jechuunis; buqqifamuu ykn godaanuu lammiiwwanii fi rakkoowwan wal irratti daddabalam kan biraatiifis sababa waan ta’eef jedhan.
Kana malees; heerri mootummaa hojii irra jiru kun afaanii fi gosa irratti kan hundaa’e; lammii tokkoof abbummaa naannoo kan kennu; lammii biraa immoo ‘kara-deemtuu’ jechuun kan ramaduu waan ta’eef hawaasni baay’een hinfudhatu jedhaniiru.
Haala kanaan sirni uummanni Itoophiyaa garri caalu itti waliigalu akka jiraatu waan barbaachisuuf fooyya’insi heerichaa wal nama hingaafachiisu jedhu.
Hawaasni karaa nagaadhaan jireenya isaa qajeelfachuu akka danda’u; mirgi namoomaa fi diimookiraasii akka eegamuuf; jireenyi hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa akka gabbatu yoo barbaadame jijjiiramuun heera mootummaa dirqama ta’uu ogeessichi eeraniiru.
Xigaabuun ittuma fufuun; dhaloota itti aanuuf biyyaa fi mootummaa fooyya’e ijaaruun wayita yaadamu irra-caalaatti caaseffamni feederaalaa amma jiru afaanii fi gosaan caaseffamee ijaaramuu hinqabu jedhaniiru.
Daarikteerri giddugaleessa barsiisa heera mootummaa fi federaalizimii Dr. Hayileyyesuus Taayyee; biyyoonni sirna federaalaa hordofan heerri mootummaa baasan akka salphaatti kan fooyya’u miti jedhan.
Gama kanaan heerri mootummaa Itoophiyaa hojii irra jirus carraan itti fooyya’u fagoo akka hintaane ibsan. Heericha akka salphaatti fooyyessuun kan ulfaatu ta’uu hawaasni hubachuu qaba jedhaniiru.
Hayileyyesuus itti dabaluun; yeroo ammaa heerri mootummaa Itoophiyaa akka jijjiiramuuf kan gaaffii kaasan baay’ee yoo ta’an; gaaffiin isaanii akka eegametti ta’ee mootummaan aangoo irra jiru dhimmoota biyyaa irratti marii taasisuuf koomishiinii biyyaalessaa akka hundeesse eeraniiru.
Kanaanis marichi carraan bu’a-qabeessa ittiin ta’u yoo jiraate dhimmi heerichaa akka dhiyaatuu fi maricha booda taateen koomishiinichi waliigaltee irra ittiin gahu yoo jirate heerichi yeroo yoo fudhates carraan fooyya’uu itti danda’u akka jiru ibsaniiru.
Daarikteerri giddugaleessa barsiisa heera mootummaa fi federaalizimii kun dabalataan akka dubbatanitti; heerri mootummaa Itoophiyaa waliigaltee hawaasaa waan ta’eef miiraan kaka’anii jijjiiruunis ta’ee fooyyessuun akka hindanda’amne hubachuudhaan; marii bal’aa fi waliigaltee irra gahamee haalli itti fooyya’u yoo uumame gaarii ta’uu isaa eeraniiru.
አዲስ ማለዳ Ebla 8 2014 No 43



