Godina Oomoo kibbaa qonnaan bultoonni aanaa Salaamaagoo beenyaan lafaa utuu nuuf hinkaffalamin waggoota 10 guuteera jedhan

0
644

Naannoo saboota, sab-lammootaa fi uummattoota kibbaa godina Oomoo kibbaa aanaa Salaamaagootti qonnaan bultoonni hawaasa Diimee 50 ol ta’an lafti isaanii hojii daandiitiif jedhamee waggoota 10 dura fudhatame beenyaan isaa hanga ammaatti akka hinkaffalaminiif Addis Maaledaatti ibsan.

Bulchiinsi godinaa fi aanaa dhaabbata ijaarsaa biyya keessaa “Akiir Konstiraakshiin” jedhamuu wajjin ta’uun; gaaffii misooma bu’uraa qonnaan bultoonni hawaasa Diimee irra-deddeebiin dhiyeessan kaasuun fayyadamtoota tajaajila daandii taasisuuf waadaa seenaniifii waan turaniif; lafa isaanii waggoota baay’eef irraa oomishanii ittiin jiraataa turanii fi qabeenya isaanii guutummaa guutuutti hojii daandiitiif akka ooluuf kennanii turan. Laficha wayita hojii daandiitiif kennan gama godinaa fi aanaatiin kan waadaa seenameef kaffaltiin beenyaa yoo jiraates; waggoota kurnan darbaniif beenyaa lafaa waadaa seenameef akka hinargatin bakka buutonni hawaasichaa Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Fakkeenyaafis lafa qonnaa, gaagura kanniisaa lafa qonnaa isaanii irra turan, ashaakiltii boroo fi midhaan dhaabbii, bakkeewwan Waaqeffannaa fi awwaalaa utuu hinhafin kaffaltii beenyaa malee sababa hojii daandichaatiin kan diigamanii dha jedhameera.

Jiraattonni sadarkaa sadarkaadhaan qaamolee mootummaa aanaa hanga naannootti jiranutti komii fi hiyyata dhageessifachuun deebii gaarii eegaa yoo turanis; faallaa kanaatiin qonnaan bultoonni nagaan gaafficha dhiyeessan humnoota addaa naannichaa hidhataniin, poolisoota naannoo fi federaalaatiin utuu hinhafin doorsifamuu irra darbanii; qonnaan bultoonni gara waajjira poolisii aanaatti geeffamanii giddugaleessaan ji’a tokkoo fi isaa oliif hidhaa fi gaaga’amatti saaxilamuun isaanii eerameera.

Bulchiinsi aanichaa gaaffii kaffaltii beenyaatiif deebii sirrii kennuu fi komicha keessummeessuuf hayyamamoo akka hintaane qonnaan bultoonni ibsaniiru.

Kanumaan walqabatee; jiraattonni aanichaa manni barumsaa sadarkaa lammaffaa dhiyeenya isaaniitti akka ijaaramuuf bara 2002 irraa jalqabee waggoota walitti aanan kudhaniif gaaffii dhiyeessanii; bulchiinsi aanichaa manni barumsichaa bara 2009tti akka ijaaramuu fi bara 2011 irraa jalqabee adeemsi baruu fi barsiisuu akka jalqabamu uummata fuula duratti waadaa seenuun; yaa’ii mana maree aanaatiinis ragga’ee yoo tures; sababa ifatti hinbeekamneen waadaan seenamee haalamee manni barumsichaa hinijaaramu jedhamneerra jedhan.

Kanaanis; dhiyeenya keenyatti mana barumsaa sadarkaa lammaffaa waan dhorkatamneef ijoollee keenya barsiisuuf aanaalee kiiloo meetira 40 fi 50 nurraa fagaatanutti erguuf waan dirqamneef baasii hinbarbaachisnetti saaxilamneerra jechuun ibsaniiru.

Kanaan dabalatattis; qonnaan bultoonni dargaggootaa haaraan oomishanii jireenya isaanii kan ittiin jijjiirratan lafti isaan barbaachisaa dhufuu isaa hordofee bara 2000 irraa jalqabee lafti qonnaa akka kennamuuf gaaffii kan dhiyeessan yoo ta’es; kan lafa hinqabne calalaatii isiniif kenninaa jechuun alatti; hanga yoonaatti aanicha irraa deebii argachaa hinjirru jechuun jiraattonni dubbataniiru.

“Bara 2012ttis akkasuma dargaggoota qonnaan bultootaa boroo qofa qabanuu fi lafa qonnaa hinqabne addaan baasaa ergaa; yeroo ji’a tokko hinguunne keessatti gaaffiin lafa keessanii deebii argata” xalayaan jedhu aanaadhaan barreeffamee uummata maryachiisuun erga abdii kennee booda hinraawwanne jedhameera. Waliigalaan waggoota 13f jiraattonni gaaffii kan dhiyeessan yoo ta’u; waggaa waggaadhaan waadaa seenuu irra darbee deebii qabatamaan kennamaafii akka hinjirre dubbataniiru.

Addis Maaledaan hoogganaa koomunikeeshiinii mootummaa aanaa Salaamaagoo Tarikuu Afiitsootiif irra deddeebiin waamichi bilbilaa taasiste hinmilkoofne. Hoogganaan biiroo koomunikeeshiinii mootummaa godina Oomoo-kibbaa Malaakuu Lammaa dhimmicha irratti gaaffii Addis Maaledaan kaaseef deebii kennuuf fedha akka hinqabne ibsuun bilbila cufataniiru.


አዲስ ማለዳ Ebla 8 2014 No 43

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here