Gatiin boba’aa dabalamuu isaatiin konkolaachistoonni fedha isaaniitiin gatii geejjibaa walakkaa ol dabalaniiru

0
811

Gatii boba’aa tibba kana dabalame hordofuudhaan imala magaalaa Finfinneetii gara Itoophiyaa kaabaatti taasifamu irratti konkolaachistoonni fedha ofii isaaniitiin gatii geejjibaa dabaluu isaanii Addis Maaledaan hubatteetti.

Dabalati taasifame mootummaadhaan utuu hintaane konkolaachistoonni ofii isaaniitiin kan taasisan yoo ta’u; tajaajilamtoota geejjibaa hunda baasii olaanaa hinbarbaachifnetti akkasumas gidiraatti kan saaxilu ta’uu Addis Maaledaan imaltoota irraa dhageesseetti.

Fakkeenyaafis Addis Maaledaan gatii geejjibaa magaalaa Finfinneetii hanga magaalaa Laalibalaatti jiru beekuuf yaalii taasifteen; Finfinnee hanga Dabre-Biraan kanaan dura birrii 90 ture gatiin geejjiba nama tokkoo erga gatiin boba’aa dabalamee as birrii 150 ta’eera.

Haala walfakkaatuun Dabre-Biraanii hanga Kamiseetti gatiin geejjibaa yoo xiqqaate birrii shantamni kan itti dabalame yoo ta’u; Kombolchaa hanga Dasseetti birrii 20 kan ture immoo amma birrii 30 ta’eera. Dassee hanga magaalaa Laalibalaatti gatiin geejjibaa birrii 192 ta’uun isaa kan beekamu yoo ta’u; Ebla 30 bara 2014 jalqabee imaltoonni birrii 300 kaffalaa jiraachuu isaanii Addis Maaledaan mirkaneessiteetti.

Waldiyaa hanga Laalibalaattis akkasuma gatiin geejjibaa duraan ture birrii 120 yoo ta’u; gaafa boba’aan dabalamee jalqabee birrii 80 hanga 150tti dabaleera. Magaalaa Laalibalaatii hanga Baahir Daarittis akkasuma birrii 250 irraa gara birrii 300tti akka ol ka’u taasifamee tajaajilli geejjibaa akka kennamu beekuun danda’ameera.

Addis Maaledaan gaafa gatiin boba’aa dabalame Ebla 30 bara 2014 jalqabee gatii geejjibaa dabalame ilaalchisuun Finfinnee – Baatuu – Shaashamannee – Hawaasaa; Finfinnee – Jimmaa; Finfinnee – Baahir Daar – Gondor; akkasumas magaalota Itoophiyaa biraatti yaalii qulqulleeffannaa taasifteen; gatii idilee hanga Ebla 30 bara 2014tti tureen imalchiisaa hinjiran. Yoo xiqqaate gatiin geejjibaa walakkaa oliin dabalameera.

Dabalamuu gatii geejjibaatiin cinatti bakka baay’eetti keessumattuu imalli Finfinnee irraa gara naannolee fi bakka tokko irraa gara biraatti taasifaman too’annaan tiraafiikii cimaan waan hintaasifamneef humnaa ol imalchiisuudhaan konkolaattonni balaatti saaxilamaa jiraachuu Addis Maaledaan taajjabdeetti. Hanga yoonaattis damee geejjibaa irratti komiin irra-deddeebi’uun yoo ka’es rakkinichi isaa hammaatu malee wayita furamu akka hinmul’anne imaltoonni ni komatu.

Ministeera geejjibaatti daarikteerri daayirektoreetii tajaajila geejjiba lafoo Yirgaa Taaddasaa; waa’ee dabalamuu gatii geejjibaa jedhame wanti beekan akka hinjirree ibsan. Garuu gatiin boba’aa dabalamuu hordofuun sirreeffamni gatii geejjibaas akka taasifamu eeraniiru.

Kanaanis “ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo irraa xalayaan sirreeffama gatii wayita nu gahu isa bu’ureeffachuun dameewwan tajaajila geejjibaa hunda irratti sirreeffamni gatii ni taasifama” jechuun dubbataniiru.

Ebla 30 bara 2014 jalqabee sirreeffama gatii boba’aa taasifameetiin beenziinii liitirri tokko birrii 36 fi saantima 87; naafxaa adiin liitiraan birrii 35 fi saantima 43; keeroosiiniin liitiraan birrii 35 fi saantima 43; akkasumas boba’aan xiyyaaraa liitiraan birrii 78 fi saantima 87 akka ta’u murtaa’uu isaa ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo beeksisuun isaa ni yaadatama.


አዲስ ማለዳ Caamsaa 6 2014 No 48

 

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here