Hangi dhibeef saaxilamuu dubartootaa kan dhiiraa dhiibbantaa 50 caala

0
1033

Hangi gosoota dhibeeaddaaddaaf saaxilamuu dubartootaa dkan dhiiraarra kan ta’u,”giddu galli leenjii Yoonsee Giloobaal”qorannoon mirkaneessuun isaa beeksise.

Kunis hangi ogosoota dhibee addaaf saaxilamuu,dubartootaa irratti dhiibbantaa 75.5 yoo ta’u,dhiirota irratti garuu dhiibbantaa 25.5 jechuun giddu galichi ibseera.

HIV eedsiin hangi dubartootaa irratti mul’atudhiibbantaa 1.9 yoo ta’u,dhiirota irratti garuudhiibbantaa 1 ta’uu isaatiin haalli fayyaa fi lubbuu jiraachuu dubartootaa akka hir’atu taasiseeradha kan jedhame.

Gidduu galichi qorannicha bu’uura godhachuun akka ibsetti,baay’ina lakkoofsa uummata Itoophiyaa keessa walakkaan dubartootaa yoo ta’u,heeruma umurii malee dhaqna qabaa,butii fi hirkattummaa dinagdee fi rakkoolee biroof saaxilamoodha jedhameera.

Biyyoota Afriikaa Sahaaraa gadii keessaa,Itoophiyaan biyya Wal wixummaan korniyaa gadi Aanaa ta’e keessatti mul’atu ta’uu ishee eeruun,dubartootni dhiirota waliin Wal bira qabamuun yommuu ilaalamu fayyaa,barnootaa akkasumas dhimmoota mirga namoomaan fayyadamummaan isaaniixiqqaa ta’uunis ibsameera.

Dubartootni Umuriin isaanii 20 hanga 24  ta’an dhiibbantaa 14.1 kan heeruman umurii isaanii waggaa 15 gaditti yoo ta’u,dhiibbantaa 40.1 ammoo umurii isaanii waggaa 18 gaditti ta’uunis eerameera.

Dhimmi Kun naannolee giddutti gargar ta’us naannoo Amaaraatti baay’ee olaanaadha jedhameera.Heerumni umurii malee fi ulfi hin barbaachifne dubartootni hiyyummaa keessa akka jiraatan kanneen isaan taasisanii fi Itoophiyaatti dubartootni Umuriin isaanii waggaa 15 hanga 19 gidduu jirudhiibbantaa 13 umurii isaanii malee akka dahan ibsameera.

Gama biraatiin giddu galli fayyaa idila addunyaa Yoonseewayita sagantaa hojiirra oolmaa qorannoo biyyaaleessaa Qaama Piroojektii Itoophiyaatti namoota miiliyoona 22.6 ol fayyadamoo taasisuu kan ta’e qopheessetti akka ibsetti,biyyatti bakkeewwan garagaraatti qorannoo maatiiwwan Kuma 14 fi 452 irratti taasifameen maatiiwwan dhiibbantaa 54.1 ta’n fayyadama karoora maatii irratti ilaalcha badaa ta’e kan qaban ta’ee argameeradha kan jedhame.

Gama Hirmaattota qoranichatiinis dhibbantaa 95 kanneen ta’an mala ittisadahumsaa eessaa akka argatan hin beekan yookaan beekumsi waa’ee mala ittisa dahumsaa ammayyaa qaban gadi aanaadha jedhameera.

Akka fakkeenyattis naannoo somaaleetti  hangi mala ittisa dahumsaa dhibbantaa 3 ta’uun ibsameera.

Fayyaan dubartootaa,hiyyummaa,hir’ina nyaata madaalamaa fi tajaajila fayyaa gahaa akka barbaadanitti argachuu dhabuurra kan ka’e,karaa hin taanee kan hojjetame ta’uudha gidduu galeessichi eereera.

Qorannoo idila addunyaa qoratameenis yeroo weerarakanattidahumsi ogeessota leenji’aniin raawwatamu dhibbantaan 27 gadi bu’eera jedhameera.

Lakkoofsi namoota tajaajila hawaasummaa argachuu barbaadaniis dhibbantaa 27 gadi kan bu’e yoo ta’u,tajaajilli dahumsaa of eeggannoo kennamus dhibbantaa 16 gadi bu’uus ibseera

Qorannoon Giddu galichi qoradhe jedhe naannolee Amaaraa,Oromiyaa,Sidaamaa,Somaalee fi kibbaa kan hammateedha jedhameera.Qorannicha keessatti Aanaalee 48,gandoota 918 fi maatiiwwan Kuma 14 fi 452 kan hamnataman ta’uunis eerameera

Giddu galli fayyaa idila addunyaa Yoonsee teessoo isaa Kooriyaan kibbaa kan taasifate Yunivarsiitii Yoonseen kan hundaa’ee fi sadarkaa addunyaatti fayyaa Hawaasaa irratti xiyyeeffatee dhaabbata hojjetudha.


አዲስ ማለዳ Caamsaa 20 2014 No 50

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here