Sagantaa Cidhaa fi eebbaaf ammoo birrii Kuma 200 fi Kuma 50 kanfalama jedhame.
Addababayii masqalaatti konsertii muuziqaa qopheessuuf hanga birrii miiliyoona lamaa akka kanfalchiisu giddu galli agarsiisa Finfinnee Addis Maaledaaf ibseera.
Addababayichaatti sagantaawwan adda addaa qopheessuuf gatiin kiraayii isaa adda kan jedhame yoo ta’u, konsertii muuziqaa qopheessuuf kanfaltiin isaa hanga birrii miiliyoona lama ta’uu giddu gala agarsiisaa Finfinneetti Hogganaa olaanaan dhaabbata misooma gabaa Xilaahuun Taaddasaa Addis Maaledaatti himaniiru.
Kanfaltiin isaa miiliyoona lama kan ta’e konsertiin baasii guddaa waan gaafatu ta’uus ,hoogantichi itti dabaluun himaniiru.
Konsertiiwwan ilaalchisees namootni hedduun gaafachuu fi sagantaan qabamuufi hoggantichi kaasaniiru.
Cidha ilaalchisee garuu hanga ammaatti sagantaa cidhaaf Namni haasofsiise hin jiru kan jedhan Xilahuun, cidhaa fi eebbaaf hanga ammaatti birrii Kuma 200 fi Kuma 50 kan kanfalchiifnu jedhaniiru.
Addababayichattii sagantaan cidhaa gaggeeffamee kan hin beekne ta’us, hangi kanfaltii isaa garuu birrii Kuma 200 fi Kuma 50 akka ta’u, murteessuu isaanii ibsaniiru.
Sagantaa eebbaa ilaalchisee garuu, koollejjiin Adimaas kana dura addababayichaatti gaggeessee akka ture hoggantichi akka fakkeenyatti eeraniiru.
Akkasumas addababayichatti suuraa ka’uuf kanfaltiin isaa birrii 2,500 ta’uu eeraniiru.
Kanneen armaan olitti eeramaniin dabalata,paakeejii tajaajila dhaabbii konkolaataa akka kennus kan ibsame yoo ta’u,kanfaltiin isaas sa’atiitti birrii 10 ta’uu,Xilahuun Addis Maaledaatti himaniiru.
Addababayii jechuun irra caalaa ayyaanota uummata fi taateen adda addaa kan itti adeemsifaman ta’u, kan himan hoggantichi, addabayicha waldaaleen daldalaa bulchuuf bulchiinsa magaalichaa irraa yeroo fudhatan, hojiin isaanii yeroo taateen adda addaa qophaa’an konkolaataa dhabuu, dunkaana 30 kireessuu, iskiriinota jaha maqaa boorichaan paakeejjiin fayyadamsiisuudha jedhaniiru.
Addababayiin masqalaa ibsituu Finfinnee Isa guddaadha kan jedhan obbo Xilahuun, giddu gala magaalichaatti sadarkaa paakeejjiin konsertiiwwan muuziqaa, eebba koollejjiiwwanii, sagantaawwan gabaasa waggaa Baankii qopheessuuf kiraayii akka kanfalchiisan dubbataniiru.
Hoggantichi Addis Maaledaatti akka himanitti yoo ta’e, sagantaawwan armaan olitti tarreeffamaniif fayyadamtootni kiraayii kanfalanis sagantaaleen addababayiitti qophaa’an kanfaltii tokkollee hin kanfalchiifne akka jiranis kaasaniiru.
Akka fakkeenyattis sagantaaleen Amantaa akkasumas ayyaanota uummataa waliin Wal qabatee qophaa’aniif kanfaltii kan hin kanfalchiifne ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas qaamaaleen sagantaalee uummataaf fayyadan tokko tokko jechuunis namoota saalessa sammuu qabanii,arjooma dhiigaa fi sagantaaleen kanneen biroo kana fakkatan qopheessaniifis addababayichi tajaajila tolaa kennaa jiraa jedhameera.
Qaala’insa jireenyaa hubannoo keessa galchuun hanga ammatti gosti paakeejjii fooyya’aan kan hin jirre ta’uus himaniiru.
Gama biraatiin paarkiiwwan haaraa biroo magaalaa Finfinnee keessa jiran keessa galtee suuraa cidhaa ka’uufis kanfaltiin isaa birrii Kuma 35 ta’uu beekuun danda’ameera
Akka fakkeenyaattis addababayii michoomaa keessatti suuraa cidhaa ka’uuf kanfaltiin isaa Kuma 35 ta’uu,namootni Addis Maaledaan bakkichatti argate dubbataniiru.
Addababayiin michoomaa kanaan dura suuraa cidhaaf birrii Kuma 40 kanfalchiisan ture.
Addababayiin masqalaa mootummaa fi mana Amantaa kiristaanaa Ortodoksii gidduutti mormii kan kaase ta’uun isaa ni yaadatama. Addababayiin Kun birrii biiliyoona 2.5’niin suphaa fi hojiin ijaarsaa taasifameefi kan xumurame Waxabajji bara 2013 ta’uun isaa ni yaadatama.
አዲስ ማለዳ Waxabajjii 11 2014 No 53


