Misooma bunaa tekinooloojiidhaan deeggaruun omishtummaa isaa guddisuuf bajati yuuroo miliyoona 14 kan kan ramadameef piroojeektiin “EU Cafe project” jedhamu akka jalqabamu abbaan taayitaa bunaa fi shaayee Itoophiyaa beeksise.
Abbaan taayitaa bunaa fi shaayee Itoophiyaa Addis Maaledaatti akka beeksisetti; misooma bunaa tekinooloojiidhaan deeggaruun omishtummaa isaa guddisuuf kan gargaaru piroojeektiin Gamtaa Awurooppaatiin yuuroon miliyoonni 14 ramadamee fi “EU Café Project” jedhamu waggaa dhufu jalqabama.
Piroojeekticha jalqabuuf adeemsonni qophii dursaa jalqabamuu qaban raawwatamaa akka jiranuu fi waggaa itti aanu ji’oota jalqabaa irraa kaasee garuu guutummaan hojii irra akka oolu eerameera. Piroojeektichi naannolee Itoophiyaatti argaman shan jechuunis naannoo Oromiyaa, Amaaraa, naannoo ummattoota kibbaa, naannoo Sidaamaa fi naannoo Itoophiyaa kibba-lixaatti aanaalee buna biqilchan 28 keessatti hojii irra akka oolu himameera.
Piroojeektichi waggoota shaniif kan hojjetamu yoo ta’u; kaayyoon isaa ijoon yeroo jedhame keessatti qonnaan bultoonni misooma bunaatti bobba’aniif leenjii kennuun tekinooloojiitti fayyadamanii akka hojjetan gochuu fi meeshaalee barbaachisanuun gama deeggaruutiin hojjeta jedhameera.
Gama kanaanis misooma bunaa tekinooloojiidhaan deeggaruu caalaatti oomishtummaa isaa guddisuuf shoora olaanaa akka qabu Addis Maaledaan abbootii taayitaa irraa dhageeseetti. Hooggantoonni adda addaa abbaa taayitichaa jala jiran leenjii akka fudhatanii fi qaamoleen kunis naannolee eeramanitti qonnaan bultoota fedhii qabanii fi bakka adda addaatti argamaniif tekinooloojii wajjin haala wal-qabateen leenjii kennuufii jalqabaniiru jedhameera.
Leenjichi yeroo yeroon akka kennamuu fi qonnaan bultoonni misooma bunaa karaa kamiin fayyadamanii yoo hojjetan oomisha fooyya’e argachuu akka danda’aniif hubannoo kan horachiisuu dha jedhameera.
Haala hanga ammaatti jiruun naannoo Oromiyaatti godinaalee Harargee lixaa fi Arsii fi; naannoo Itoophiyaa kibba-lixaatti qonnaan bultoota magaalaa Miizan-Amaanitti argamaniif adeemsi leenjii kennuu kan jalqabame yoo ta’u; bakka adda addaatti socho’uudhaan hojiin leenjicha itti fufsiisuu fi cimsuu akka itti fufu eerameera.
Piroojeekticha duraan jalqabuuf yoo karoorfamee tures; sababa weerara Koviid 19tiin yeroon isaa akka achi dheerate himameera. Yeroo ammaatti weerarri Kooviid 19 jijjiirama agarsiisuu isaa hordofeeqonnaan bultoonni buna misoomsan hojii isaaniitiin cinatti bishaan lafa keessaa baasuuf kan gargaaru meeshaa tekinooloojii deeggaruu fi leenjiiwwan adda addaa kennuudhaan damicha guddisuuf piroojeektichi akka gargaaru eerameera.
Piroojeektichi Biraaziilii fi biyyoota biraa irraa sirna tekinooloojiidhaan deeggarame fiduun Itoophiyaanis ittiin hojjechuu yoo jalqabde oomishaa fi oomishtummaa guddisuudhaan galii sharafa alaa buna irraa argamu guddisuuf gargaara jedhameera.
Itoophiyaan oomisha bunaatiin biyyoota adunyaa tokkoffaa hanga 10ffaa keessatti kan argamtu yoo ta’u; sharafa alaa argachuufis bunni gabaa adunyatti dhiyeessitu gahee olaanaa qabata.
አዲስ ማለዳ Waxabajjii 18 2014 No 54



