Gabaasni dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti jaarmiyaan gargaarsa daa’aimmanii (UNICEF) tibbana ifa taasifame akka mul’isetti; naannolee Itoophiyaa hongeen uumametti heerumni daa’immanii ariitii olaanaadhaan dabalaa dhufuu isaa ti. Keessumattuu hongeen kan itti hammaate naannoo Sumaalee bakka tokko tokkotti daa’imman umuriin isaanii waggaa 12 ta’e utuu hinhafin karaa maatii isaaniitiin gaa’ilaaf kennamaa jiraachuun beekameera.
Dhaabbanni idil-adunyaa kun raga lakkoofsaan deeggarame argadheera jechuun torban kana keessaa akka ifoomsetti; waggoota 30 darbanii asitti hir’ataa kan ture heerumni umurii malee ji’oota arfan darbanii as ariitii olaanaadhaan dabalaaa jiraachuu isaa ti. Kanaafis sababa kan jedhame waggoota arfan darban roobni yeroo isaa eegee roobuun irra ture dhufuu hafuu isaatiin hongee uumamee dha.
Du’uu fi godaanuu namoota baay’eetiif akkasumas dhumaatii beeladoota isaaniitiif sababa kan ta’e hongeen kun heeruma daa’immanii hir’achaa ture akka haaraatti akka ka’u taasisuun isaa himameera. Maatiin waan ijoollee isaanii nyaachisan wayita dhaban filannoo taasifachuun kan fudhatan shamarran isaanii bifa heerumaatiin dureeyyota humna qabanuuf kennuu dha jedhameera.
Kunis lakkoofsa maatii isaanii nyaata barbaadanii hir’isuu isaan dandeessisuun gamatti; maatiin daa’imman umurii isaanii malee heerumanuu bifa naariitiin galii akka argatan waan isaan dandeessisuuf gochcichi lakkoofsa olaanaadhaan dabaleera jechuun jaarmiyaan gargaarsa daa’immanii dhaabbata mootummoota gamtoomanii beeksiseera.
Waggoota 40 keessatti argamee kan hinbeekne hongee hammaataan Afriikaa-bahaa mudachuu isaa hordofee heeruma daa’immanii ilaalchisuun fooyya’insi mul’ataa ture duubaatti deebi’eera. Heerumni daa’immanii ji’oota afur qofaa keessatti giddugaleessaan dacha sadiin guddateera jedhameera. Aanaalee tokko tokkotti dachaa lamaan guddachuun isaa kan galmaa’e yoo ta’u; haalli isaa waliigalaan wayita ilaalamu baay’ee yaaddessaa ta’uun isaa ibsameera.
Naannoo Sumaalee Itoophiyaatti keessumattuu yeroo walfakkaataa bara darbee wajjin wayita wal-cinatti ilaalamu heerumni daa’immanii daraan dabaleera. UNICEF akka jedhetti odeeffannaan kun kan argame odeeffannoo bakka abakkaa bahe irratti hundaa’uun yoo ta’u; daa’imman ijoollummaa isaaniitiin akka heeruman taasifamanu namoota umuriin isaanii dacha shaniin isaan caalutti heerumuuf dirqamu jedhameera.
Dhaabbatichatti itti waamamaan friikaa bahaa fi kibbaa Andii Biruuks yaaddessummaa gochichaa wayita dubbatan; maatiin kan kana godhan hammeenyummaa gochaa isaanii utuu hinhubatin hafanii osoo hintaane filannoo dhabuudhaan akka ta’e ibsan. Maatiin daa’ima waggaa 12 utuu hinhafin heerumsiisan ijoolleen isaanii beelaan jalaa dhumuu irra yoo heeruman wayya jechuudhaan akka ta’e eeran.
Rakkinichi kan qofa osoo hintaane; daa’imman namoota gurguddaatti akka heeruman dirqamuun isaanii rakkoo biraatiif isaan saaxila. Akkaataa aadaa isaaniitiinis kittaanaan daa’immanii yoo tures hir’achaa kan ture deebi’ee akka dabalu hongeen taasisuun isaa eerameera.
Heerumaaf akka haala dureetti kan fudhatamu kittaanaan dubartootaa kun daa’imummaa isaaniitiin waan raawwatamuuf; maatiin ijoollee isaanii heerumsiisuuf wayita hinmamnee fi wayita barbaadanutti; barbaadamummaan ijoollee isaanii akka dabaluuf jecha barsiifata hammaataa hafaa ture kana akka irratti raawwatanu ibsameera.
Heerumni daa’immanii ji’oota arfan darbanitti daraan dabaluu isaa duras heerumni umurii malee naannolee Itoophiyaa adda addaa keessa akka ture qu’annoowwan adda addaa ni mul’isu. Fakkeenyaaf kutaalee naannoo Sumaalee yeroo ammaa hongeen keessatti uumametti waggaa darbe lakkoofsi daa’imman heerumaaf kennamanii daraan olaanaa ture.
Waggaa dura gaa’ila kutaalee Sumaaleetti raawwataman keessaa dhibbeentaa 40 kan ta’an daa’immanii fi guddattooti waggaa 18 gadii kan gaa’ila umurii malee itti raawwatan ture. Lakkoofsi ji’oota arfan darbee akka agarsiisutti garuu gaa’illi umurii malee amma raawwatamu kan bara darbee irra dachaa sadii fi lamaan akka dabalee dha.
Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii heeruma daa’immanii hambisuuf akka ajandaatti qabatee socho’uu erga jalqabee yoo tures; waggoota 30 darbanitti Itoophiyaatti hojii garii hojjetee akka ture dubbata. Waggoota 30 dura gaa’illi ijoollee waggaa 18 hinguutiniin raawwatamaa ture dhibbeentaan torbaatamni fooyya’insa agarsiisuun gara dhibbeentaa 40tti bu’ee ture jedhamuu dhaabbatichi gabaasa isaatiin mul’iseera.
Waggoota darban walitti fufuun hongeen uumame hojii barootaan raawwataman gara duubaatti deebiseera kan jedhe dhaabbatichi; lubbuu namaa hambisuun hojii isa duraa ta’us hawaasni fulla’insaan jireenya isaa ittiin qajeelfachuu danda’u yoo hinmijeeffamneef kan caalaatti hammaatu uumamuu akka danda’u eeree jira.
Daa’imman umurii malee wayita heeruman kan uumamu rakkoon fayyaa fi xiin-sammuu akkuma jirutti ta’ee; karaa jireenya hawaasummaa isaaniitiinis dhiibbaan irraan ga’u salphaa miti. Sababa kanaanis barnoota isaanii akka addaan kutan taasisuun isaas rakkoowwan hawaasummaa akka qoodamuu fi salphaatti furamuu hindandeenye hordofsiisuu danda’a.
Gara bara duraaniitti kan deebisu hongeen kun hanga ammaatti dubartoota hinheerumin baay’ee barnoota irraa addaan baaseera. Sababa hongeetiin baay’inni lammiiwwan gara mana barumsaatti hindeemnee olaanaa akka ta’e tilmaamameera. Dhaabbileen barnootaa barattoonni guutummaadhaan keessaa hafanis balbala isaanii cufatanii hojii baruu fi barsiisuu addaan akka kutan ibsameera.
Sababa kanaanis guddattoonni baratanii jireenya isaanii fooyyeffachuu yaadaa turan karaa itti hinkaroorfatiniin jireenya isaanii akka qajeelchan hongeen dhiibbaa olaanaa taasisuun isaa himameera. Kun wayita ta’u naannichaas ta’ee biyyattii keessatti humni namaa barate akka hinjiraanne waan taasisuuf adeemsa guddinaa duubatti deebisa jechuun yaaddeessaa ta’uu dhimmichaa kan hubatan wayita dubbatan dhaga’ama.
Gabaasa umurii malee heerumuu daa’imman kanaa dhaabbileen sab-quunnamtii adunyaa Al-Arabiyaa fi Biluumbarg gabaasaniiru. Taateen kunis Itoophiyaa qofaatti osoo hintaane olla keenya Sumaaliyaa fi Keeniyaa keessatti akka mul’atu himameera.
Itoophiyaan bara 2020 hanga ammaatti waggoota jiran lamaanitti daa’imman heerumsiisuun ykn kan daa’imman umurii malee itti heeruman ta’uun biyyoota adunyaa keessaa sadarkaa arfaffaa irra kan teesse yoo ta’u; daa’imman miliyoona 2.2 ta’an umurii malee biyya gaa’ilaaf itti kennamanii dha jedhameera. Sadaffaa kan taate Naayijeeriyaan daa’imman miliyoona 3.7 heerumsiisuun Afriikaa keessaa tokkoffaa yoo taates; adeemsi Itoophiyaa akkanaan itti fufnaan Naayijeeriyaa dursuuf yeroo akka itti hinfudhanne ibsameera. Daa’imman umurii isaanii malee heerumsiisuun kan dursan Indiyaan miliyoona 12n; Baangilaadish miliyoona afuriin kan walitti aanan yoo ta’u; hiyyummaa fi qaala’insi jireenyaahammaachuu rakkinichaatiif akka sababaatti kaafamu.
Hammaachuu heeruma daa’immaniitiif sababa biraa kan ture weerara vaayireesii Koroonaa ti. Taateen kun namoota hedduu wayita mana keessa oolchetti barattoonni miliyoonaan lakkaa’aman barnoota addaan kutuun mana ooluuf dirqamanii waan turaniif heerumni daa’immanii dabalee ture. Wayita sanatti qaamoleen rakkinicha ilaalan dhaabsisuuf yaalaniiru. Waggaa lama dura haala kanaan heerumuuf ka’anii kan heerumni isaanii addaan cite daa’imman 500 ta’an ji’oota lama qofa keessatti Itoophiyaa-kaabaa keessaa baraaruun akka danda’ame Rooyiters dubbisiisee ture.
Falmitoonni mirga namoomaa akka garbummaa hammayyaatti kan ilaalan heeruma daa’immanii hambisuuf wayita tattaafatan mul’atu. Wayita bu’aa dadhabbii isaanii ilaalanutti garuu; balaan uumamaa fi waraana kan fakkaatan sababoonni nam-tolcheen harka duwwaatti akka isaan hambisan dubbatu.
Dhaabbileen idil-adunyaa UNICEF fakkaatan heerumni daa’immanii fooyya’ee ture sababoota adda addaatiin dabalaa akka dhufe dubbataa jiru. Itoophiyaan daa’imman miliyoona 15 ta’an umurii heerumanii haadha warraa ta’uun keessa jiru jedhee kan amanu dhaabbanni kun; A.L.A. bara 2030tti dabalataan daa’imman miliyoonni 13 umurii isaanii malee akka heeruman ta’uu danda’a yaaddoo jedhu kaa’ee ture. Dabalatichaaf immoo sababa olaanaa taasisuun kan kaa’e hiyyummaa dha.
Umurii malee heerumuun daa’immanii hammeenyummaa isaa bifa adda addaatiin ibsuun akka danda’amu ogeeyyiin ni dubbatu. Barnoota isaanii addaan kutuun carraan adda addaa akka isaan jalaa miliqu taasisuu isaa malee; fayyaa isaanii irrattis rakkoo uumuu ni danda’a. saamicha humnaatti isaan saaxiluu caalaatti; qaaxxee koorniyaatti akka saaxilamanuuf sababa ta’a. jireenya gadadoo akka jiraatan gochuu isaa caalaatti; wayita da’insaatti carraan du’uu itti danda’an olaanaa ta’uu isaatiin; fooyya’insi ture akka itti fufuu fi gara turetti akka deebi’uuf atoomuu barbaachisa jedhameera.
Rakkinicha furuuf seera dirqisiisaa baasee kan cabsan seeratti dhiyeessuun akkuma jirutti ta’ee; barsiisuu fi rakkoo isaanii gochichatti isaan dhiibu hir’isuun suuta suutaan shoora waan qabuuf nuffii malee hojjechuu akka barbaachisu ogeeyyiin ni dubbatu. Adeemsichi kan adabsiisu ta’ee maatiin adabbicha akka sodaatan taasisuun adeemsa hafuu hinqabne yoo ta’es; du’aa fi hiyyummaa keessaa adabbicha wayya jechuun akka itti hinseennee fi jireenya daa’immanii akka hinballeessineef ariitii fi xiyyeeffannoo olaanaadhaan waa’ee dhimmichaa lallabuu akka barbaachisu ogeeyyiin itti waliigalu.
Maanguddoota biyyaas ta’ee dammaqsiitota hawaasaa; abbootii amantii fi namoota beekamoo qabachuun yaaddeessummaa rakkinichaa akka hubatan taasisuun kutaalee hawaasaa gochichatti hirmaatan akka barsiisan taasisuunis faayida-qabeessa ta’uun isaa ni amanama.
አዲስ ማለዳ Waxabajjii 25 2014 No 55



