Buqqaafamtoonni Wallaggaatti akka deebinuuf dirqamneerra jedhan

0
991

Naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa lixaa aanaa Gimbii ganda Toleetii nageenya isaaniitiif yaadda’uun buqqaafamtoonni gara Finfinnee dhufaa turan 64 magaalaa Holataa irratti qaamolee nageenyaa mootummaatiin gara turanitti deebi’uuf dirqamuu isaanii Addis Maaledaatti beeksisan.

Lammiiwwan komii isaanii Addis Maaledaatti himan naannoo Oromiyaa godina Wallagaa lixaa aanaa Gimbii ganda Toleetti ammas yoo ta’e haalli nageenyaa amansiisaa dha jechuun akka hindanda’amnee fi namoonni baay’een mana isaaniitii buqqa’uun buufataalee qubataa fi bakka adda addaatti godaanaa jiru jedhaniiru.

Itti dabaluunis; namoonni nageenya isaaniitiif yaadda’an 64 ta’an naannoo jiraatanuu Waxabajjii 29 bara 2014 gatii geejjibaa birrii 700 kaffaluun utuu gara Finfinnee dhufaa jiranuu wayita magaalaa Holataa ga’an poolisii naannoo sana jiruu fi qaamolee nageenya kabachiisanuun gara dhufanitti deebifamuuf dirqamaa jiraachuu ibsaniiru.

Konkolaataan lammiiwwan kana imalchiisee dhufe namoota kana qabatee gara dhufetti akka deebi’u ajejuu malee humnoonni nageenyaa sababa biraa hinkeenye jedhameera.

Jiraataa naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa lixaa aanaa Gimbii ganda Tolee kan ta’an Kaasalem Wandimnew Addis Maaledaatti akka ibsanitti; maatii fi qabeenyaa isaanii garee ABO Shaneetiin dhabaniiru. Haalli naannaa sana jirus nageenya isaaniitiif amansiisaa akka hintaane eeran.

Lubbuu ofii isaanii fi kan mucaa isaanii baraaruuf bakka jiraatanuu geejjibaaf birrii 700 kaffaluun gara Finfinnee dhufaa utuu jiranii; magaalaa Holataa irratti akka deebi’anu dirqisiifamanii Waxabajjii 29 bara 2014 buufata poolisii Ambootti konkolaataa keessa akka bulan taasifamuu ibsaniiru.

“Bultii guyyaa tokkoo booda geejjiba ittiin dhufneen gara naannoo keenyaatti nu deebisanii akka deemnu taasifamneerra” kan jedhan yoo ta’u; ammas taanaan yaadoo irraa biliisa akka hinta’in dubbataniiru.

Kaasaalem ittuma dabaluun; roorroo isaanii dhaggeeffachuun rakkoon nageenyaa naannoo isaanii jiru fulla’insaan akka furamu yookaan naannoo nagaa qabu haala itti qubatan yookaan akka deeman haalli akka mijeeffamuuf gaafataniiru.

Zinaabee Misgaanaawu naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa lixaa aanaa Gimbii ganda Tolee kan jiraatan yoo ta’u; hanaga Addis Maaledaan odeeffannoo kana qindeessitetti garee Shanee naannoo sana jiruu fi achitti ripheen namoonni ajjeefaman ni jiru jedhaniiru.

Torban tokkocha darbe qofa keessa namoonni torbaatamni garichaa ajjeefamanii awwaaluu isaanii kan kaasan Zinaabeen; isaanis nageenya isaaniitiif yaadda’uun bakka jiranuu maatii isaanii wajjin gara Finfinnee dhufuuf adeemsa irra wayita turanitti magaalaa Holotaa yeroo gahan qaamoleen nageenyaa magaalattii keessa jiraniin gara dhufanitti deebi’uuf dirqamuu isaanii dubbataniiru.

Gaafa dhufan sana jechuunis Waxabajjii 29 bara 2014 galgala konkolaataa ittiin dhufaniin buufata poolisii magaalaa Amboo akka bulan kan taasifaman yoo ta’u; Waxabajjii 30 bara 2014 humna nageenyaatiin marfamnee gara dhufnetti deebi’uuf dirqamneerra jedhan.

Addis Maaledaan biiroo koominikeeshiinii mootummaa naannoo Oromiyaa fi koomishiinii poolisii naannichaa waa’ee dhimmichaa gaafachuuf yaaliin taasiste kan hinmilkaa’in yoo ta’u; wayita dhaabbileen kun deebii kennuuf fedha horatanitti kan keessummeessinu ta’a.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here