Hidhamtoonni yookaan sirreefamtoonni seeraa fi shakkamtoonni turtii isaanii buufata poolisii fi mana sirreessaatti mootummaan mirga namoomaa isaanii kabachiisuun gamatti lammiiwwan badii isaanii irraa baratan horachuuf dirqama akka qabu seericha irra taa’ee jira.
Kana irra darbees wayita adabbii isaanii xumuranii bahan hawaasaa wajjin wayita walitti makaman; lammiiwwan itti gaafatamummaan itti dhaga’amuu fi seera kabajan akka ta’anu dandeessiuun dhimma dirqama ta’uu dha.
Garuu; namoonni yakkaan shakkamanii utuu mana murtiitti hindhiyaatin sa’atii 48 irra yoo darban; qaamolee nageenyaatiin ukkaamfamanii fudhatamanii manni hidhaa itti argaman utuu hinbeekamin guyyaan yoo fagaatee fi sirreeffamtoonni seeraa manneen sirreessaatti argaman rakkoon fayyaa isaan mudatee yeroodhaan tajaajila wallaansaa utuu hinargatin hafuu fi sarbamni namoomaa kanaan walqabatanuu fi kan biraa irra-deddeebiidhaan mul’atu.
Sarbamni kun wayita mul’atan rakkoowwan akka sirreeffaman qaamolee mootummaatiif koomishiiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa fi yaa’iin mirgoota namoomaa Itoophiyaa irra-deddeebiin lallabuun isaanii ni hubatama.
Dabalataan hidhamtoonni garaagarummaan kamiyyuu uttu isaan hinmudatin hundumaa qixxeetti ilaaluu, sirreeffamtoota gidduu daraagarummaan koorniyaa, afaanii, amantaa, ilaalcha siyaasaa, miseensummaa sabaa, bakka hawaasummaa fi sababa lammummaatiin garaagarummaan akka isaan hinmudanne Addis Maaledaatti kan ibsan ogeessa seeraa Xigaabuu Dasaalenyi.
Mirgoonni kun guutummaadhaan raawwatamaniiru jechuuf nama hindandeessiu kan jedhan ogeessi seeraa kun; seeraan ala hidhaa kan raawwatan, namoota dhuunfaa yakkaan shakkaman bu’ura yeroo seera irra taa’eetiin qaamoleen mootummaa mana murtiitti hindhiyeessine qaawwaa isaanii sirreessuu qabu jedhaniiru.
Dabalataan kabaja namoomaa karaa mirkaneessuun; haala haamilee fi qabatamaa akkasumas heera mootummaa fi seerota kanaan cinatti bahan guutummaadhaan haala wal simuun hidhicha raawwachuun dirqama isaa ti jedhan.
Adunyaa keenya irratti yakkaan kan shakkamanii fi itti murtaa’ee too’annaa seeraa jala kan jiran; haala kamiinuu namoota hidhamanii jiran qabiinsa faallaa farra namoomaa irraa eeguu fi ulfina namoomaa fi mirga isaanii kabachiisuufis waliigalteewwan idil-adunyaa hedduu fi seeronni; akkasumas konvenshiinonni kan bahan yoo ta’u; Itoophiyaanis waliigalteewwan kana fudhachuu fi heera mootummaa keenya keessa galchuun hojii irra oolchaa jirti.
Keessumattuu labsiin mana sirreessaa federaalaa lakk 1174/12 heera mootummaa Riipubiliika Diimookiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa fi seerota heera mootummaa bu’ureeffachuun bahan; waliigalteewwan idil-adunyaa biyyattiin fudhatte; akkasumas sadarkaalee qabiinsa hidhamtootaa fudhatama idil-adunyaa qaban haala kabajeen seera baasuun ishee kan dagatamu yoo hintaanes; raawwiin isaa garuu kan wal nama gaafachiisu ta’uu namoonni baay’een wayita kaasan dhaga’amu.
Fakkeenyaafis koomishiiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa waggaa darbe jechuunis Sadaasa 11 bara 213 hanga Amajjii 04 bara 2013 yeroo jiru keessatti haala qabiinsa hidhamtootaa naannoo Oromiyaa keessa jiru ilaalchisuun buufatalee poolisii filataman 21 keessatti too’annaa taasisuun isaa ni beekama.
Buufataalee poolisii koomishiinichi daawatetti haalli qabiinsa mirga namoomaa daraan yaaddessaa fi atattamaan sirrachuu akka qabu gabaasichi mul’iseera.
Buufataaleetti namoonni baay’een ajaja manni mutii malee; ‘haala yerootiin kan shakkaman jechuun hidhamuu isaanii’ kana keessaa baay’een utuu qoratamuu hinjalqabamanii fi mana murtiitti utuu hindhiyaatin yeroo seeraan ka’ame caalaa hidhamanii akka turan ragaaleen amansiisaan dhiyaataniiru jedhan.
Dabalataanis; buufataalee poolisii baay’eetti abbaan alangaa ragaa gahaa sababa hinqabneef murteen hinhimachiisu jedhu kan itti murtaa’e ykn bu’ura ajaja mana murtiitiin shakkamtoonni gadhifamuun irra turan hirmaattota haadhoo dha ykn “yakka biraatiin barbaadamu” jedhamuun sirnaan ala hidhmanii akka uran taasifamaniiru.
Hooggantoonni buufataalee poolisii adda addaa “haala yerootiin shakkamanii” hidhamtoota hidhaman dhimmi isaanii kan ilaalamu manneen mare godinaa fi aanaalee dhaabbatanin waan ta’eef; shakkamtoota baay’ina qaban seeraan keessummeessuu irra aarsaa murteewwan siyaasaa fi kan bulchiinsaa akka ta’an taasisaniiru jedhu.
Hidhamtoota buufataalee poolisii koomishiinichi too’annaa itti taasisu gidduudhaa muraasni poolisoonni wayita itti baay’isan; akkasumas buufataalee buufata poolisii keessatti sababoota adda adaatiin kan reebamanii fi miidhaa qaamaa yeroo fi dhaabbiitiif ramadaman jiraachuu gabaasichi mul’iseera.
Dabalataan gareen hordoffii koomishiinii mirgoota namoomaa Itoophiyaa buufataalee poolisiidaawate hedduu keessatti shakka,toonni kutaalee qulqullinni isaanii hineegamnee fi dhiphatan haala fayyaa isaanii miidhuun akka qabaman; dhiyeessii nyaataa akka hinjirre akkasumas dhiyeessiin tajaajila bishaanii kan mana boolii fi wallaansaa rakkootu jira.
Abbaan alangaa waliigalaa Oromiyaa sarbama mirgoota namoomaa eeraman kana ilaalchisuun koomishiinii poolisii Oromiyaa wallin garee qorannaa hundeessuun hojii calaluu hojjechuu isaa ibsee; argama isaanii waakkachuun deebii bal’aa kennuu isaa koomishiinichi ibseera. Rakkoowwan kun atattamaan akka furamanuu fi miseensonni poolisii hidhamtoota irratti miidhaa mirgaa raawwatan itti gaafatamtoota akka ta’anu gaafateera.
Koomishiinichi dabalataan naannoo Sumaaleetti qabiinsa hidhamtootaa ilaalchisee bakkeewwan fooyya’insi keessatti mul’ate jiraatus; ammas bakkeewwanii fi dhimmoonni fooyya’uu qaban baay’een jiraachuu dubbateera.
Koomishiinichi Bitootessa 13 bara 2013 hordoffii arifataa buufataalee poolisii magaalaa Jigjigaatti taasise dabalatee irra-deddeebiidhaan buufataalee poolisii fi manneen sirreessaa kutaalee nannichaa adda adaatti argaman daawachuun haala qabiinsa mirgoota namoomaa hidhamtootaa ilaalchisuun hordoffii taasiseera.
Hooggantoota hidhamtootaa; kan qajeelchota poolisii fi manneen sirreessaa; akkasumas kabachiistota seeraa fi qaamolee bulchiinsaa naannichaa dhimmichi isaan ilaalu kan biraa wajjin maryateera.
Hordoffichaan bakkeewwan daawataman keessaa keessattuu qajeelcha poolisii kaawunsilii magaalaa Jigjigaa barsiifataan Haavaanaa jedhamee beekamutti bakki turtii shakkamtootaa fi ganda 04tti dhiyeenyatti kan argamu bakki tursiisaa kaawunsilichaatti haalli qabiinsa shakkamtootaa daraan yaaddessaa ta’ee akka arge kan ibse yoo ta’u; akka fooyya’anus akeekkachiiseera.
Dhimmi mirgoota namoomaa hidhamtootaa irratti raawwatamu yaaddessaa ta’uu koomishiiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa fi yaa’iin mirgoota namoomaa Itoophiyaa irra-deddeebiin kan beeksisan yoo ta’es; hidhamtoota irratti kan raawwataman qabiinsaa fi mirga namoomaa ilaalchisuun yaaddessummaan isaa ammas itti fufeera.
Dura taa’aa itti aanaan mirgoota namoomaa Itoophiya Zeyyedee Gabre Tsaadiq Addis Maaledaan akka jedhanitti; yaa’ichi hanqinni hojjetaa waan jiruuf manneen sirreessaa Itoophiyaa keessa jiran hundatti socho’eera yoo hinjedhamnes; magaalaa Finfinneetti; naannoo Oromiyaa bakka tokko tokkotti; manneen sirreessaa argamanutti socho’uudhaan haala hidhamtoonni itti jiran taajjabuun danda’ameera jedhan.
Karaa kanaan yaa’ichi; hidhamtoonni yakkaan shakkamuun mana murtiitti utuu hindhiyaati yoo hafan; akkasumas mana murtiitti dhiyaachuu yoo danda’anis; hidhamtoota murtee hinargatinii fi mana murtiitti murteen hidhaa itti murtaa’ee jiru haala isaan ilaallatu taajjabuun akka danda’ame ibseera.
Dura taa’aa itti aanaan kun ittuma dabaluun; fakkeenyaaf yaa’ichi waggaa keessa jirru kanabuufataalee poolisii wayitii daawatan gaazexeessitoota hidhaman; miseensota paartii ittiin galee hir’inni haala qabiinsa mirga namoomaa fi namoonni dhuunfaa kan biraa hanqina haala qabiinsa mirga namoomaa akka qabu kan taajjabe yoo ta’u; hir’inni akka sir’atan buufataalee poolisii fi qaamolee mootummaa dhimmichi isaan ilaalutti gama beeksisuutiin itti gaafatamummaa qabu bahaatera jedhaniiru.
Dura taa’aa itti aanaan ittuma aansuun; wayita tasa sakatta’insa arge namoonni seeraan ala hidhaman akka isa mudatanii fi wayita yaa’ichi haala itti hidhaman gaafatu; buufataaleen poolisii jibbisiisuudhaan deebii quubsaa utuu hinkennin haalli hidhamtoota itti gadhiisan ni jira.
Yaa’ichi gochaawwan akkanaa akka sirratanuuf irra-deddeebiin wawwaataa akka jiruu fi yeroo itti aanuttis sakatta’insa tasaa taasistanu sakatta’insa tasaatiin dabalatatti dhimmoota xiyyeeffannoo kennuun hojjetamuu dha jedhaniiru.
Dura taa’aa itti aanaan ittuma fufuun; yaa’ichi manneen muteetiin murteen itti kennamee namoota hidhaatti argaman wayita daawate sarbi mirga namoomaa raawwataman tokko tokko jiraachuu mirkaneessineerra jedhan.
Gama kanaan manneen sirreessaa keessatti qulqullinaa fi dhiyeessii nyaataa; tajaajila wallaansaa argachuu dhabuu wajjin walqabatee rakkoowwan ka’an akka jiran yaa’ichi kan mirkaneesse yoo ta’u; qaawwaan akka sirratanuuf manneen sirreessaa fi qaamolee mootummaatti beeksifameera.
Yaa’ichi yeroo itti aanutti humna namaa sirreessuun; mana murtiitti utuu hindhiyaatin murtee kan hinargatin fi yeroon hidhaa itti murtaa’ee namoonni manneen sirreessaa fi buufataalee poolisiitti argaman fi haala keessa jiran ilaalchisuun hojiiwwan hojjetu mul’isanii akka itti fufsiisan himameera.
Dabalataan; hidhamtoota irratti sarbamni namoomaa akka hinraawwatamneef tattaaffii taasisuun cinatti hawaasaaf, mootummaa fi qaamolee qooda keessaa qabanitti beeksisuun warra gahee qaban beeksisuun xiyyeeffannaan akka hojjetan dura taa’aa itti aanaan eeraniiru.
Geessi seeraa Xigaabuu Dassaaleny gama isaaniitiin; heera mootummaa keewwati 18 namni kamiyyuu yakkaan shakkamee qaamolee seeraatiin carraan hidhamuu itti danda’u ni jira jedhu. Bu’uura heera mootummaatiinis miga shakkamtootaa eeguu; biliisummaa nageenyaas akka eegamu taasisa.
Gama poolisiitiin; shakkamtoonni erga qabamanii booda sa’atii 48 keessatti dirqama mana murtiitti dhiyeessuu fi mana murtiitti erga dhiyaatanii booda manni murtichaa wabiidhaan akka gadhiifamu erga murteessee poolisiin ajajicha hojii irra oolchuu akka barbaachisu ogeessichi eeraniiru.
Garuu manni murtii namoota wabiidhaan akka gadhiifaman hayyamuuf poolisiin ajajicha akka cabsu mul’achaa fi calallii dabalaatiif akkasumas ol-hiyyatan gaafadha jechuun haalli hidhamtoota itti hingadhiifne akka jiru ibsan.
Dabalataanis; poolisiin karaa mana murtiitiin; qorannoo dabalataaf jechuun guyyoota qorannoo 14 adeemsi itti hayyamamu akka jiruu fi yeroo kanattis qorannoo dabalataa taasisaa mana murtiitti dhiyaachaa kan xumure akka dhiyeessu akkasumas kan hinxumurin haala irra gahe beeksisuu akka qabu himaniiru.
Gama biraatiin; itti murtaa’ee mana sirreessaa kan jiran qabaa isaanii ilaalchisee hanga humni hayyame hundaan hanga dinagdeen Itoophiyaa hayyameen tajaajila hawaasummaa, kan nyaataa, kan uffataa, kan wallaansaa, kan xiinsammuu, tajaajila gorsaa fi tajaajiloota biraa dabalatee deeggarsii fi kunuunsi akka taasifamuuf seerichi ni ibsa.
Hidhamtoonni gaaddisa seeraa jala taa’anii dhaadachuu, arrabsoo fi doorsisni akka isaan hinqaqqabnee fi mirga namoomaa isaanii, akkasumas ulfinni isaanii akka eegametti gama mana murtiitti dhiyaachuutiin manneen sirreessaa itti gaafatamummaa guddaa akka qaban ogeessichi ibsaniiru.
Dabalataan; yeroo manni murtee isaanitti murteesse xumurun cinatti bulchiinsi mana sirreessichaa qajeelfama hojmaataa qabuun yeroo amakiroo isaanii hir’isuu fi hidhamtoonni yeroo hidhaa isaanii erga bira xumuranii booda mirgi gara hawaasaatti makamuuf qaban kabajamufii qaba.
Garuu; faallaa isaatiin mirgi hidhamtootaa utuu hineegamin carraan itti hafan jiraachuun gamatti; hanqinni poolisiin dabaaluu fi konkolaataa fi sababoota dhimmichaan walqabatan akka sababaatti kaasuun hidhamtoonni mana sirreessaa keessatti kiliniika argamun olitti tajaajila wallaansaa carraan itti hinarganne akka jiruu fi mirgi isaaniis utuu hinkabajaminiif carraan itti hafu akka jiru beeksisan.
Hojmaanni akka kanaa heera mootummaa kan cabsee dha kan jedhan ogeessichi; manneen sirreessaa ulfina xiin-sammuu fi namoomaa isaanii gama eeguutiin akkasumas humnaa fi gahumsa sirreeffamaa gama gabbisuutiin itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan ogeessichi gaafataniiru.


