Oomishaaleen biyyoota ollaa irraa gara Itoophiyaatti galan yeroo gara yerootti dabalataa olaanaa agarsiisaa jiraachuun ibsameera.
Koomishineerri koomishiinii gumurukaa Dabalee Qaabataa; oomishaaleen kun konkolaataa, sibiila, meeshaalee jijjiirraa (spare parts) oomishaalee eleektirooniiksii ta’uu fi waliigalaan gosa gosaan miliyoona 60 ol akka ta’an ibsanii; yeroo gara yerootti dabalaajiru jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Fakkeenyaafis bara 2013tti waliigalaan hanga galii biyyaalessaa (import volume) keessaa dhibbeentaa 41 akka ta’ee fi hangi isaas toonii miliyoona 5.6 akka ga’u kaasanii; kan bara darbee hangam akka ta’e yoon yaadachuu baadhes kanaa gadi ture jechuun dubbataniiru.
Oomishaaleen haala kanaan galan dhiibbaan isaanii olaanaa ta’uu ibsanii; fakkeenyaafis oomishaaleen Chaayinaa irraa kallattiidhaan gara Itoophiyaa dhufan Jibuutii irra akka turan taasifama. Kunis fedha Jibuutii irraa kan madde ta’uu danda’a; kana malees dadhabina dhaabbilee keenyaa fi fichisiistotaa ta’uu danda’a erga jedhanii booda; kun garuu meeshaaleen buufataalee doonii irra wayita turan carraan dhaalamuu ykn barri tajaajila isaanii xumuramuu danda’a jedhaniiru.
Biyyas baasii sharafa alaa olaanaaf akka saaxilu eeranii; meeshaaleen hinbarbaachisnes karaadhuma kanaan biyyoota olla irraa gara Itoophiyaatti geejjibamuu akka danda’an hubachiisan.
Kun kan ta’e gara caalu qindoomina dhabuu fi dadhabina dhaabbileetiin akka ta’e kan dubbatan koomishineerichi; sirna daldalaa kana dhaabbileen hoogganan hundi kan gahumsaa fi qindoomina qaban yoo hintaane; tokko wayita hayyama kennu kan biraa immoo kan duubatti harkisu yoo ta’e rakkinichi ni hammaata jechuun dubbatan.
Dabalataanis Itoophiyaan kan buufata doonii hinqabne ta’uu akka sababaatti kan kaasan Dabaleen;biyyoonni olla kutaa daldala biiliisaa qaban rakkoo kan biraa ta’uu isaanii fi hanga ammaattis akka biyyaatti kutaa daldala biliisaa akka hinhundeeffanneef gufuu ta’ee turuu ibsaniiru.
Waliigalaan sirna daldalichaa si’oomsuuf qindoominni dhaabbilee cimaan hundeeffamaa hinjiru kan jedhan koomishiinerichi; dhaabbanni keenya keessumattuu kana dandamachuu utuu hindanda’in hafeera jechuun kaasanii; dhimmichi furmaanni barbaadamuufii akka qabu eeraniiru.
Kana waan ta’eef rakkina kana gama furuutiin shoora olaanaa akka gumaachu kan himameef fi dinagdee biyyaatiif shoora olaanaa ni qabaata kan jedhame naannoo kutaa daldala biliisaa Itoophiyaa keessatti hundeessuuf karoorfamuun isaa beekameera.
Adunyaa irratti biyyoonni baay’een tooftaa kanaan fayyadamtoota olaanaa wayita ta’anu; biyyoonni olaas sirna kutaa daldala biliisaa dursanii jalqabuu isaaniitiin fayyadamtoota ta’uun isaanii ibsameera.
Itoophiyaatti kaawunsiiliin loojestiiksii biyyaalessaa naannoo dinagdee addaa (special economic zone) hundaa’uu qaba murtee jedhu dabarsuu isaa hordofee; kana jalqabsiisuuf hojiin kan hojjetamaa jiru yoo ta’u; yeroo dhiyootti magaalaa Dirre Daawaatti kutaan daldala biliisaa ni hundeeffama jedhameera.
Kana ilaalchisuun ministeerri geejjibaa fi loojestiiksii qaamolee dhimmichi ilaaluu wajjin marii dhiyeenya kana taasiseen; magaalaan Dirre Daawaa bakki argama ishee fi misooma bu’uraalee damee kanaaf qabduun filatamuu ishee ministirri geejjibaa fi loojestiiksii Daagimaawiit Mooges himaniiru.
Kanaanis dhiyeenya buufataalee doonii Jibuutiif dhiyeenya qabdu akkasumas geejjiba baaburaatiin kan walitti hidhamte ta’uu ishee; buufanni qubata xiyyaaraa sadarkaa adunyaa magaalattii keessa jiraachuu fi paarkiin induustirii sheediiwwan hedduu qabu jiraachuu isaa ti jechuun ibsaniiru.
Akkasumas buufanni doonii gogaan magaalattii keessatti argamuu fi carraan gabaa sababoota dabalataa ta’uu isaanii eeruun; kutan daldala biliisaa Dirre Daawaatti jalqabamuun babal’ataa akka deemu kaasaniiru.
Kutaa daldala biliisaa (free trade zone) wayita jedhamu kaampaanonni idil-adunyaa oomishaalee isaanii bakka tokkotti gurgurtaaf kan itti dhiyeessan sirna gabaa ashuura irraa biliisa ta’e dha jedhameera. Adunyaa irratti biyyoota baay’ee keessatti kan argaman kutaaleen daldala biliisaa kumaatamaan lakkaa’aman akka jiran ni beekama.


