መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiBarsiisonni sadoo hojii dhaabuu taasisuuf marii irra jiraachuun dhaga’ame

Barsiisonni sadoo hojii dhaabuu taasisuuf marii irra jiraachuun dhaga’ame

Dabalanni miindaa xiqqaa ta’uu fi rakkoowwan furmaata hinargatin wal irratti tuulamuun baay’achuu isaaniitiin sadoo hanga hojii dhaabuutti gahu taasisuuf marii irra jiraachuu isaanii barsiisonni Addis Maaledaatti ibsan.

Lakkoofsaan kan heddummatanii fi barsiisonni maqaa isaanii ibsuu hinbarbaadin Addis Maaledaatti akka himanitti yoo ta’e; waldaa barsiisotaa Itoophiyaatiif irra-deddeebiin gaaffii yoo dhiyeessanis irra-caalaatti dhimmi miindaa, durgoo kiraa manaa akkasumas sirreeffama guddina sadarkaa dhabuun isaanii hojii isaanii irratti dhiibbaa uumeera. Kana hordofees hojii dhaabuuf akka dirqaman Addis Maaledaatti himaniiru.

Komichi kan dhiyaatu barsiisota sadarkaa dhaabbilee barnootaa hundatti argamanuun yoo ta’u; tibbana kan taasifame dabalata miindaa birrii 750 irraa ka’uun garuu barsiisonni yuunivarsiitii dhimmichaan baay’ee gaddisii dha ittiin jedhaniiru.

Barsiisota yuunivarsiitii irratti sadarkaa jalqabaatti komii kan kaase dabalati miindaa akka taasifamuuf gaafachaa turanii kan dabalameef birrii 750 qofa ta’uu isaatiin qaala’insa jireenyaa dandamachuu dadhabuu isaanii ti.

Qaala’insi jireenyaa hawaasa hunda biratti rakkisaa ta’uu kan kaasan barsiisonni; akka barsiisaatti komii gama isaanii wayita kaa’an “miindaan akka nuuf dabalamu nuuf hayyamamee erga eeggachaa turree booda; wayita gatiin asbeezaa tokkichaa samii tuqetti birrii 750 qofa dabaluun tuffiis dabalateetu” jedhan. Mootummaan miindaa barsiisotaa ilaalchisee qorannoon taasisa erga jedhee booda gatiin asbeezaa torbanitti yeroo sadii fi afur wayita qaala’utti birrii 750 qofa dabaluun qoosuu dha jechuun komii isaanii dhageessisaniiru.

Hojiin tuffii nutty deddeebi’eera kan jedhan komii dhiyeessitoonni kun; kanaan dura miindaan akka dabalamuuf irra-deddeebiin gaaffii dhiyeessaa turanii birriin 400 qofti akka dabalameef yaadatanii; ammas irra-deebiidhaan nutty qoosameera jedhan. Waldaan barsiisotaa Itoophiyaa kanaan dura kan ture “dabalata miindaa gadaanaa birrii 400” irratti akka waldaatti komii dhiyeessuu utuu qabuu callisee hafuu isaa kan eeran barsiisonni kun; ammas irra-deebiin wayita nutty qoosamu deebii hinkennine jedhaniiru.

Kana waan ta’eef “waldichi gara mootummaa miindaadhaan nu hacuucuutti duufaa jira” qeeqni jedhu barsiisota komii dhiyeessaniin eerameera.

Komiin barsiisonni sadarkaa lammaffaa irratti kaasan durgoo kiraa manaatiif kaffalamuun mana kireeffachuun akka hindanda’amnee dha. Durgoon mootummaan kiraa manaatiif jechuun nuuf kaffalu birrii 800 kan jedhan barsiisonni; kana irraas ashuuraan wayita kutamu birrii 520tu hafa; kanaan mana kireeffatanii jiraachuun ni danda’ama? Jechuun gaafataniiru.

“Gochaa kana qoosaa malee hiika maaltu kennamaaf; nuyi haala biyyi keenya keessa jirtu hubachuun callisne malee miindaan nuuf kaffalamu daraan gadaanaa dha; barsiisaan umurii isaa guutuu barnootaaf oolche hojii qacarameera jedhamee huccuu jijjiirratu dhabee qaaniin hanga itti cimtutti barataa fuula dura dhaabbataa jira. Barsiisaan agabuu isaa kutaa seenus ni jira. Miindaa nuuf kaffalamuun jiraachuun yoo hindanda’amne hojjechuun keenya hiika waan hinqabneef hojii ni dhaabna”yaadonni jedhan ka’aniiru.

Hanga ammaatti rakkoowwan dachaan Itoophiyaa keessatti mul’atan nu yaaddessuu isaatiin callisnee yoo turres amma garuu miindaa nuuf kaffalamuun jireenya dandamachuu hindandeenye; ummanni rakkoo keenya ifatti nuuf habeeku; mootummaan furmaata atattamaa nuuf ha kennu wayita jedhan dhaga’amaniiru.

Barsiisonni sadarkaa lammafaa fi tokkoffaa gama isaaniitiin “miindaan nuuf kennamu gadaanaa ta’uun akkuma jirutti ta’ee hooggantoonni manneen barnootaa sababoota adda addaatiin miindaa keenya kutu” jedhaniiru.

Pirezidaantiin waldaa barsiisotaa Itoophiyaa Yohaannis Bantii komii ka’eef deebii kennuuf fedha hingodhanne. Deebii kennuuf kan fedha dhaban “natty hintolle” jechuun bilbila cufaniitu.

Xiqqaachuun miindaa qaala’insa jireenyaa dandamachuuf qormaata ta’uu isaa barsiisota qofa osoo hintaane namoonni damee hojii biraatti bobba’an hundi wayita hammeessanuu fi “hojjetaa mootummaa ta’uu hinbarbaachisu” wayita jedhan dhaga’amu.


አዲስ ማለዳ Adoolessa 9 2014 No 57

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች