Bara bajataa 2014tti foonii fi oomisha hafee qalmaa gara alaatti ergame irraa galiin doolaara miliyoona 100 fi milyoona 21 argamuu instiitiyuutiin misooma beeladaa Itoophiyaa Addis Maaledaatti beeksise.
Daarikteerri koomunikeeshiinii instiitiyuutii misooma beeladaa ItoophiyaaDabalee Lammaa Addis Maaledaatti akka ibsanitti; bara bajataa 2014 instiityuutichi oomishaalee adda addaa kutaalee nuusaa lamatti qooduun gara biyyoota alaatti erguun galii fooyya’e galmeessiseera jedhan.
Adoolessa 1 bara 2013 hanga Waxabajjii 30 bara 2014tti yeroo jirutti kutaa nuusa duraatiin foon hoolaa fi re’e toonii kuma 15 fi 510; foon horii maalaa toonii kuma lmaa fi 100 ol; haftee qalmaa kuma lamaa fi 600 ol; foon harree toonii kuma afurii fi 900 ol; waliigalaan foonii fi haftee qalmaa toonii kuma 22 fi 689 gara biyyoota alaatti erguu danda’uu daarikteerichi eeraniiru.
Oomishaalee kana irraa galiin doolaarii miliyoona 100 fi miliyoona 19 caalu kan argame yoo ta’u; gama raawwiitiin dhibbeentaa 123.6 milkeessuun danda’ameera jedhan.
Instiitiyuutichi bara bajataa 2014 foonii fi haftee qalmaa toonii kuma 18 fi 348 erguuf kan karoorfatee ture yoo ta’u; gama karooraatiin oomisha toonii kuma afurii ol erguun akka danda’amee fi bu’aa fooyya’e akka galmeesse eerameera.
Kutaa nuusa lammaffaatiin akkasuma damma toonii kuma 13.4 fi 653 ol; gagaa toonii 233 ol; oomisha qurxummii toonii 342 ol; aannan liitira miliyoona 1.229 ol; nyaata beeladaa toonii kuma jahaa fi 468; nyaata lukkuu toonii kuma 100 fi kuma 23 fi 220 ol; waliigalaan doolaarri miliyoonni lamaa ol irraa argamuun himameera.
Waliigalaan; kutaalee nuusa lamaaniitiin galiin doolaarri miliyoona 100 fi miliyoonni 21 kan argame yoo ta’u; oomishni dhibbeentaa 95 ta’u gara biyyoota Emireetota Arabaa fi Saa’udii Arabiyaatti kan ergame yoo ta’u; kan hafe dhibbeentaan shan gara biyyoota adda addaatti ergamuu daarikteerichi dubbataniiru.
Bara bajataa 2013tti oomisha adda addaa gara biyyoota alaatti ergame irraa argamee kan ture doolaara miliyoona 82 akka turee fi kan bara 2014 wajjin wayita madaalamu doolaara miliyoona 28n caalmaa akka qabu himan.
Instiitiyuutiin misooma beeladaa Itoophiyaa gama karrora qabateetiin galii fooyya’aa galmeessuu kan danda’e qaawwaa kanaan dura ture sirreessuun dhimmoota sadii irratti xiyyeeffatee hojjechuun akka ta’e himameera. Kanaan dura qaawwaa kan qaban daldala kontiroobaandii irratti too’annaa jabeessuu danda’uun isaa shoora akka gumaache daarikteerichi ibsaniiru.
Sadarkaa lammaffaa irratti hongee Itoophiyaa keessa ture hordofee qonnaan bultoonni beelada bal’inaan gabaatti dhiyeessuu fi galteewwan bal’inaan dhiyaachuu isaanii hordofee warshaaleen oomishaalee foonii fi hafteewwan qalmaa haala gahaa ta’een oomishanii erguu waan danda’aniif jedhameera.
Sadarkaa sadaffaa irratti qaamolee kanaan dura daldala seeraan alaatti bobba’uun hojjetaa turan irratti too’annaa cimaa taasisuu fi daldala seeraan alaa keessaa akka bahan taasifamuu isaatiinbara bajataa 2014 galii woyyaa’e galchuu danda’uun himameera.
Instiitiyuutiin misooma beeladaa Itoophiyaadamicha guddisuu fi hojmaata horsiisaan bultoonni itti fayyadamtoota ittiin ta’an diriirsuun galii damee kana irraa argamu guddisuuf akka hojjetu eerameera.
አዲስ ማለዳ Adoolessa 16 2014 No 58



