Dhaabbilee sanada burjaajessanii fi dirqama waliigaltee isaanii hinbaane 58 irratti tarkaanfiin fudhatame

0
689

Dhaabbilee daldalaa sanada burjaajessanii fi dirqama waliigaltee isaanii hinbahatin 58 irratti tarkaanfiin fudhatamuu abbaan taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa Addis Maaledaatti beeksise.

Darikteerri koomunikeeshiinii abbaa taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa Sexxeny Galaan Addis Maaledaatti akka ibsanitti; bara 2014 yeroo adda addaatti dhaabbilee mootummaatiif meeshaalee isaan barbaachisu dhiyeessuuf caal baasii moo’atanii waliigaltee isaanii hojii irra hinoolchinii fi yakkoota seeraan alaa kan biraatti hirmaataa ta’anii argaman dhaabbilee dhuunfaa 58 ol irratti tarkaanfiin fudhatameera jedhan.

Konstiraakshiinii fichisiisaa fi daldala dimshashaa Gadaamaayituu; meeshaalee barreeffamaa Ruubiisk; daldala Mulaat Ambal; daldala dimshashaa Seeneet; tajaajila qulqullina waliigalaa Kinde Birtuu dabalatee dhaabbileen daldalaa 58 ol dhaabbilee mootummaa adda addaatiif meeshaalee dhiyeessuuf caal baasii yoo moo’atanis waliigaltee isaanii kan hinraawwatinii dha jedhamaniiru.

Dhaabbileen kun biiroo aadaa; aartii fi sirna aartii magaalaa Finfinnee; abbaa taayitaa bishaanii fi dhangala’aa Finfinnee; koomishiinii hooggansa abiddaa fi balaa magaalaa Finfinnee; biiroo galiiwwanii Finfinnee fi kan biraa bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessa jiran waliin waliigaltee raawwatan kan hinbahatin ta’uu daarikteerichi eeraniiru.

Kana keessaa dirqama waliigaltee bahachuuf ykn waliigaltee raawwachuuf hayyamamoo kan hintaane dhaabbata daldalaa 47; kan hafan immoo sanada kan butjaajessan; dhiyeessii gatii ittiin moo’atan kan hindhiyeessin; icitii fi burjaajessuun sanada sobaa qabatanii kan erganii dha jedhameera.

Daarikteerichi itti dabaluunis; dhaabbileen kanaan olitti eeraman yeroo ji’a jahaa hanga waggaa lamaa fi ji’a jahaaf caal baasii daldalaa dhaabbileen mootummaa kamiyyuu baasetti akka hinhirmaanne tarkaanfiin seeraa dhorku akka irratti fudhatame dubbataniiru.

Abbaan taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa tarkaanfii yeroo dhorkaa caal baasii hanga xumurtanutti caal baasii dhaabbata mooummaa kamiinuu bahutti dhiyaachuu kan hindandeenye yoo ta’u; caalbaasii dhaabbileen dhuunfaa baasanutti garuu hirmaachuu ni danda’u jedhameera.

Yeroo adabbii abbaan taayitichaa itti murteesse erga xumuranii booda dhaabbileen daldalaa maqaa dha’aman balleessaa isaanii irraa ni sirraa’u yoo ta’e; haalli gara adeemsa caalbaasiitti deebi’uun adeemsa caalbaasiitti ittiin deebi’an akka jiru eerrameera.

Abbaan taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa dhaabbilee mootummaa magaalaa Finfinneetti argaman; odeeffannoo ragaadhaan deeggaruun dhiyeessaniin murtee kana murteessuuf kan dirqame yoo ta’u; yeroo itti aanutti dhaabbilee mootummaa naannoleetti argaman eeruu wal fakkaatu wayita dhiyeessan tarkaanfichi akka itti fufu ibsameera.

Daarikteerichi itti dabaluun dhaabbileen mootummaa meeshaalee baay’ee dhaabbilee daldalaa irra akkuma bitan dhaabbileen daldalaas yoo ta’an; adeemsa bittaa dhaabbilee mootummaa wajjin qaban dhabuu akka hinbarbaanne ibsaniiru.

Gama kanaan dhaabbileen daldalaa hojmaata daldalaa seeraan alaa; burjaajessuu fi bu’ura waliigaltee isaaniitiindirqama isaanii bahuu dhiisuu fi hojmaatota seeraa caban kan biraa irraa akka of qusatan daaikteerichi hubachiisaniiru.

Dhaabbileen dhuunfaas yoo ta’an dhaabbilee daldalaa ragaa seeraan alaa qabatanii socho’an wayita isaan mudatan eeruu kennun itti gaafatama isaanii akka bahan hubachiisan daarikteerichi. Abbaan taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaaeeruu fuudhee calaluudhaan tarkaanfii fudhatu cimsee akka itti fufu himameera.


አዲስ ማለዳ Adoolessa 16 2014 No 58

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here