Seeronni haaraan gaazexaa Nagaaritiin bahan hnqina raabsaa akka qaban ogeeyyiin seeraa ibsan.
Biyyattii keessatti keessumattuu seeronni haaraan sadarkaa federalaatti bahan; gaazexaa Nagaaritiin maxxanfamanii erga bahanii booda hawaasaafis ta’ee ogeeyyiin seeraa utuu hinhafin akka salphaatti kan hinqaqqabne ta’uun ibsameera.
Ogeeyyiin akka ibsanitti; seeronni bahan hawaasa ittiin raawwataman biratti akka beekamanuu fi hawaasnis jireenya isaa seerichaan akka qajeelfatu taasisuu barbaachisa. Namoonni seera wallaaluudhaan balleessitummaa irraa biliisa waan hintaaneefis seericha gara hawaasaatti raabsuu fi beeksisuun dirqama mootummaa akka ta’e ogeeyyiin seeraa Addis Maaledaan dubbiste ni ibsu.
Manneen murtii naannoo Oromiyaa fi federaalaatti abukaatoo kan ta’an Gammachuu Guutamaa; ogeeyyiin seeraa utuu hinhafin seerota haaraa gaazexaa Nagaaritiin bahan bittaadhaan akka argatan eeranii; “seeronni federaalaa gaazexichaan bahan Finfinnee qofa keessatti bakka sadii qofatti akka gurguraman nan beeka. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee eessatti akka gurguru hineeku. Kan naannoon Oromiyaas bituuf hinargamu” jechuun Addis Maaledaatti himaniiru.
Kanaaf; seerota sadarkaa naannolee fi federaalaatti bahan karaan lammiiwwan akka beekan ittiin taasifamu kan rakkoo qabuu dha jedhan. Dhimmichi akka rakkinaatti ilaalamuun furmaanni kennamuufii qaba kan jedhan abukaattichi; “yakkoonni baay’een muuxannoo hawaasaatiin akka salphaatti ni beekamu. Garuu hariiroon dhala namaa kan walitti dhiyaate ta’uu isaa fi wantoonni xaxamuu isaaniitiin aadaan hawaasni tokko akka yakkaatti hinlakkoofne gara hawaasa biraa seenuun yakka ta’uu danda’a. hawasnis kana utuu hinbeekin yakka akka hinhojjenne beeksisuu barbaachisa” jedhan.
Seerota gaazexaa Nagaarit malee toora interneetii irraa akka argatan eeraniis; kunis garuu gama itti gaafatamummaa mootummaatiin sirriitti itti hojjetamaa hinjiru jechuun dubbatan. Siruayyuu baasii ofii isaaniitiin gaazexicha bitanii gara ‘PDF’ti jijjiiruun biliisaan kan raabsanuu fi mootummaa caalaatti hawaasa tajaajilaa kan jiran qaamoleen biraa jiraachuu ibsaniiru.
Ministeerri Haqaas seerota duraanii dabalee karaa toora interneetiitiin dhiyeessuuf tattaaffii taasisaa yoo jiraates; gama kootiin sirriitti waan itti hinhojjenneef ta’ee fi sababa biraatiin kanatti fayyadamuuf na rakkisa jedhan.
Itti dabaluunis; kaayyoon seeraa namoonni mirgaa fi dirqama isaanii beekuun akka jiraatanuu fi hawaasa tasgabbaa’e uumuuf erga jedhanii booda; gaazexaa Nagaariitiin kan bahan gatii qaaliitti gurguramuun isaanii rakkoo kan biraa ta’uu eeraniiru. Kana waan ta’eef gaazexaa Nagaariitiif gatii ‘VAT’ kaffalchiisuun gama seeraatiin sirriidhayii jechuun gaafatanii; yoo seerummaa qabaatellee qaqqabummaa gaazexichaa rakkoo caalu keessa hingalchuu? Jedhaniiru.
Dhaabbata Maxxansaa Biraaninnaa Salaamitti hoogganaan waajjira sab-quunnamtii fi dhimmoota hawaasummaa Daani’eel Hayilee; rakkoo raabsaa gaazexichaa ka’e akka hinbeekne eeruun; labsiiwwan haaraan mana maree bakka bu’ootaatiin bahan barbadaa baay’ee waan hinqabne yoo ta’e; 500 hanga 1000tu maxxanfama. Barbaadaan yoo jiraate immoo kuma 20 hanga kuma 25tti kan maxxanfaman ni jiru jechuun Addis Maaledaatti ibsan.
Kanaaf; hangi maxxansa isaa fedhii wajjin kan walqabate ta’uu ibsanii; gaazexaan Nagaaritii federaalaa Finfinnee keessatti bakka sadii akkasumas Hawaasaatti suuqiin gurgurtaa tokko akka argamu dubbataniiru.
Naannoleefis bakka bu’aa gurgurtaa kan ta’e karaa dhaabbata maxxansaa Meeggaatiin argataa jiraachuu kaasanii; bakka hundatti giddugala gurgurtaa banuun garuu kan nama baasu ta’uu beekuu barbaachisa jedhan.
Seerota maxxanfamanin barbaada namni jedhu kamiyyuu bittaadhaan akka argatu kan kaasan hooggantichi; seerri Itoophiyaa kitaabaan alatti maxxansi kamiyyuu VAT ni kaffalchiisa waan jedhuufis gaazexaan Nagaarit VATn itti kaffalama jedhaniiru.
አዲስ ማለዳ Adoolessa 30 2014 No 60


