Magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa 11 keessatti bittinnaa’anii kan turanii fi mootummaan Koyyee Facceetti mana kireeffatanii akka jiraatan kan taasise namoonni 1000 ol kiraan manaa mootummaaf kaffalan haahafuutii waan guyyaatti nyaatan dhabuun rakkachuu isaanii Addis Maaledaatti ibsan.
Mootummaan namoota miidhama qaamaa adda addaa qabanuu fi harka qalleeyyii “hiyyeessa hiyyeessaa” jechuun walitti qabuudhaan Koyyee Faccee teechisuun ji’a ji’aan kiraa manaa birrii 315 kaffalchiisaa jiraachuu kan ibsan harka qalleeyyiin kun; amma garuu kan kaffalanu irra darbee kan nyaatan akka isaan rakkise himaniiru.
Koyyee Facceetti namoota akka mana kireeffatan taasifaman keessaa 17 kan ta’an qaro-dhabeeyyii ta’uun isaanii kan eerame yoo ta’u; nyaata guyyaa illee argachuu waan dadhabaniif beelatti akka saaxilaman dubbataniiru.
Qaro-dhabeeyyiidhaan dabalatatti namoonni miidhama harkaa fi miilaa qaban baay’een kan jiran yoo ta’u; kan hafan immoo namoota dadhabaa dha jedhameera.
Addis Maaledaan kan dubbiste namoonni rakkinatti saaxilaman 10 ol akka ibsanitti yoo ta’e; guyyaa nyaata argatanii nyaatan irra kan beelaan oolanii bulan akka caalu; nyaata arganneerra kan jedhanis namoonni Rabbiin sodaatan baaqilaa konyee tokko yoo isaaniif kennan ta’uu dubbatan.
Hojjetanii nyaachuu akka hindandeenye irra-deddeebiin kan dubbatan namoonni gargaarsa barbaadan kun; hala amma keessa jiranuun rakkoowwan hammaataa sadiin xaxamanii akka qabaman ibsu.
Beelli namoota kana xaxee kan qabe dhimma furmaata atattamaa barbaaduu dha jedhaniiru. Magaalaa Finfinnees ta’ee magaalota biraatti qaamoleen hojjetanii nyaachuu hindandeenye kadhatanii galu kan jedhan komattoonni kun; isaan garuu bakki jiran kadhaafis mijataa akka hintaane eeran.
Magaalaa keessaa achi bahanii Koyyee Facceetti dawoo keessa jiraatan argachuun carraa gaarii yoo ta’es; miidhamtoota qaamaa ta’uun isaanii immoo gara kadhatanii argachuu danda’anitti akka hinsochoone isaan taasiseera jedhame.
Qorra wayita gannaa dandamachuuf kan dandeessisu rakkoon huccuu sadarkaa lammaffaatti dhimma namoota kanatti qormaata ta’ee dha. Namoota laastikii uffachuun daandii irra bulan irraa kan adda isaan taasisu mana keessa oolanii buluu isaaniiti malee namoonni baay’een uffata akka hinqabne ibsameera.
Rakkoon sadarkaa sadaffaa irratti ka’e kiraa manaa argachuu dadhabuu isaanii akka ta’e beekuun danda’ameera. Namoonni kun ji’a ji’aan mootummaadhaaf birrii 315 kan kaffalan yoo ta’u; maallaqichi xiqqoo yoo ta’es kaffaluun isaa tabba akka isaanitti ta’e ibsameera.
Nyaata guyyaa; kiraa manaa; huccuu fi kan kana fakkaatanu guuttachuuf kan rakkatan namoonni kun; kanaan dura kutaalee magaalaa Finfinnee adda addaa keessa akka turan ibsaniiru.
Namoonni kun nyaata guyyuu kan argatan dhaabbilee amantaa adda addaatii kadhatameefii akka ta’e dhiyeenyatti kan isaan gargaaranu haati Manbare-Maariyam jedhamanu Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Manbareen akka jedhanitti yoo ta’e; namoonni kun kutaalee magaalaa keessaa walitti qabamanii gara Koyyee Faccee kan geeffaman waggoota afur dura ture. Hanga har’aatti kadhatameefii yoo as ga’anis amma garuu kadhatanii argachuun hindanda’amne jedhan.
Namoonni baay’een bilbiluudhaan haala namoonni kun keessa jiran odeeffannoo ni gaafatu kan jedhan Manbareen; hata’u malee gara bakkichaatti goruudhaan namni isaan gargaare akka hinjirre ibsan. Baay’inni namoota kanaa kuma tokko ni caala kan jedhan Manbareen; gargaartonni; dureeyyonni akkasumas namoonni biraa gargaarsa danda’an akka taasisanuuf hubachiisaniiru.
አዲስ ማለዳ Adoolessa 30 2014 No 60



