Itti gaafatamummaan hojjettoota 32 adeemsa irra jira.
Ejensiin galmee fi odeeffannoo taateewwanii bulchiinsa magaalaa Finfinneehojjettoota burjaajessummaatti bobba’anii argaman 73 ittigaafatamtoota dhimmichaa taasisuu Addis Maaledaatti ibsae.
Hojjettoonni kun ittigaafatamtoota kan ta’an gochaawwan seeraan alaa adda addaa utuu raawwatanuu argamanii akka ta’e beekuun kan danda’ame gabaasa waggaa bara 2014 dhaabbatichi Addis Maaledaaf erge irraa ti.
Odeeffannoon dhaabbaticha irraa argame akka mul’isetti; hooggantootaa fi hojjettoota itti gaafatamtoota taasisuuf haala karoorfameen hojjettoonni 105 adda baafamanii 73 itti gaafatamtoota ta’uu isaanii ti.
Namoonni kun itti gaafatamtoota kan taasifaman hojiiwwan adda addaa karaa sirrii hintaaneen utuu raawwatanuu ta’uu odeeffannoon dhaabbaticha irra ergame kan eeru yoo ta’u; kunis utuu birrii walitti kekennanu harkaa fi harkatti argamuu isaanii; fakkeessuudhaan raga sobaa kan hojjetanuu fi qaamolee ragicha hojjechiisuu barbaadaniif hojjetanii kennuu isaaniitiin jedhameera.
Akkasumas tajaajilamtoota gidirsuun gochaa naamusaan ala ta’e raawwachuu isaaniitiin itti gaafatamtoota ta’uun isaanii gabaasa waggaa kana keessatti ifatti kaa’ameera.
Hooggantootaa fi raawwattoota hojii hojjetanuun sirrii ta’uu fi dhiisuu isaanii madaaluuf bu’uruma karoorfameen adda akka ba’an hojjettoota taasifaman 105 keessaa 73 kan ta’an itti gaafatamtoota yoo ta’an; 32 garuu ittigaafatamummaan isaanii adeemsa irra jiraachuu gabaasichaan eerameera.
Kanaaf; hojjettoota bira yaadnii fi gochaan hannaa jiraachuun akka bira gahamee fi tarkaanfiin akka fudhatame akkasumas kan fudhatamaa jiranis jiraachuu dha beekuun kan danda’ame.
Qaamoleen utuu birrii fudhatanuu harkaa fi harkatti qabamaniiru jedhaman meeqa akka ta’anii fi birrii meeqa akka walharkaa fuudhan qulqulleessuuf yaaliin taasifame garuu; hoogganaan sab-quunnamtii dhaabbatichaa Malaak Mokonnon deebii kennuuf fedha waan dhabaniif itti dabaluun hindanda’amne.
Gama biraatiin; dhaabbatichi bara bajatichaatti karoorfatee kan hinraawwatin hojiiwwan hedduun akka jiran eerameera. Kana keessaa siisteema taateewwanii dguutummaan fuuchuun bulchuu; aanaalee dhibbaa fdhibbatti giddugala daataa wajjin walquunnamsiisuun yoo karoorfames utuu hinraawwatamin hafuun isaa ibsameera.
Akkasumas muuxannoowwan gaggaarii adda baasuu; qindeessuu fi babal’isuu; humna namaa dhibbeentaa 70 guutuu akkasumas aanaalee siisteema hinqabne siisteema akka qabaatan taasisuun dhibbeentaa 86.2 gara dhibbeentaa dhibbaatiin gahuuf karoorfamee garuu utuu hinmilkaa’in akka hafe beekuun danda;ameera.
Kutaalee magaalaa 11 magaalaa Finfinnee jala jiranitti waraqaan enyummaa dijitaalaa akka kennamu taasifamuun kan eerame yoo ta’u; waraqaaleen enyummaa kuma sadii fi 860 ta’an garuu ji’oota 11 qofaa keessatti hanqinni qulqullinaa akka irratti argame eerameera. Waliigalaan bara bajataa kanatti rakkoowwan hedduun mul’atan jiraachuu isaanii dhaabbatichi eeree jira.
Dhaabbaticha keessatti rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuu fi gabaasaa fi odeeffannoo biraa qulqullinaa fi yeroodhaan wal jijjiiruu irratti hanqinni mul’achuu; gurmaa’ina uummataa hijiitti galchuu hafuun qaawwa mul’ate keessaa muraasa jedhameera.
Akkasumas; hudhaa galtee hiikuu dadhabuu; hojmaanni qindoome sadarkaa barbaadamutti hojjetamuu hafuun qaawwaa wal qabataa ta’uun galmaa’aniiru. Waliigalaan karoora tarsiimoo galmee taatee biyyaalessaa fi gama galma misooma itti fufaa adunyaa bara 20130tiin raawwiin galmee gadaanaa ta’uu himamuun isaa hindagatamu.
አዲስ ማለዳ Hagayya 7 2014 No 61



