መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiNaannoo Gambeellaatti qonnaan bultoonni araddaan bunaa nurraa fudhatameera jedhan mootummaan murtee nuuf...

Naannoo Gambeellaatti qonnaan bultoonni araddaan bunaa nurraa fudhatameera jedhan mootummaan murtee nuuf kennuu hindandeenye jedhan

Naannoo Gambeellaatti araddaan bunaa karaa seeraan-alaatiin nurraa fudhatameera qonnaan bultoonni jedhan mootummaan murtee nuuf kennuu hindandeenye jechuun komii isaanii Addis Maaledaatti dhiyeeffatan.

Laftii seeraan qabnu waggoota 10 dura dhorkamuun malaammaltummaadhaan dureeyyotaaf kennamuu isaatiin maatiin keenya akka bittinnaa’uu fi daandii irra jiraachuuf waan dirqamneef; lafti keenya akka nuuf deebi’uuf irra-deddeebiin yoo nuuf murtaa’es qaamni nuuf raawwachiisu waan hinjirreef haqa dhabneerra jechuun dubbataniiru.

Naannichatti godina saba Maajaang; aanaa Mangash ganda Yeerii keessa jiraataa kan turanii fi hundeessaa fi hoogganaa waldaa qonnaan bultoota oomishtoota bunaa Sheesii itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee Addamaa Gabre-Tsaadiq; mootummaan bara 1998tti qonnaan bultoonni lafa hektaara afurii ol qaban waldaan akka gurmaa’an yookaan hayyama investimentii akka baasan gaafachuu isaatiin 13 ta’aii gurmaa’uun lafa isaanii hektaara 200 ta’u misoomsuuf bara 2006tti hayyama argachuu isaanii ibsaniiru.

Hata’u malee qajeeelchi misooma qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa himata sobaa qonnan bultoonni kun bosona ciraniiru jedhuun qabiyyee isaanii gadhiisisee malaammaltummaadhaan dureeyyotaaf kenneera jedhan.

Kanaanis yeroo jijjiiramaan dura turetti qaamolee Yigzaw Bazzaabih Hagoosii fi Gabre madihin jedhamanuuf lafa qonnaan bulaa hektaara kuma tokkoo fi 400 ol dhoksaadhaan kaartaan waggoota 50f kan hojjetameef yoo ta’u; jijjiiramaan booda immoo lafti sobaan kaartaan hojjetameef baankii lafaatti hadeebi’u jedhamnaan isaan irraa fuudhamee erga baankiitti galee booda dureeyyota kan biraatiif kennamee misoomsaa jiru jechuun dubbataniiru.

Kana hordofees qonnaan bultoonni kuma tokkoo ol lafa isaanii buna biqilchu seeraan ala saamamanii bttinnaa’uu isaanii kaasuun; baay’een isaanii kadhaa fi daandii irra jiraachuutti saaxilamaniiru jedhan.

Kanaaf; waa gochuu kan hindanda’in bittinnaa’anii; kan himata dhiyeeffatan immoo sobaan walitti bu’iinsa naannichatti uumamuuf ittigaafatamtoota taasisuun hidhaa sobaatti saaxiluu fi reebuudhaan gara waggoota kudhaniitiif gidiraan kan nurra gahe yoo ta’u; mootummaa naannichaa fi waajjira ministira muummeetiif dhimmicha dhiyeessuun akka nuuf deebi’uuf yeroo afur akka nuuf deebi’u yoo murtaa’es qaama raawwatu dhabneerra jedhaniiru.

Ammas taanaan gandi Yerii lafti keenya keessatti argamu qaamni dhimmichi isa ilaalu dhufee wal harkaa fuuchaa akka raawwatu yoo gaafates; manni murtii godinichaas himata bosona ciruu nutti baname ilaaluun karaa seeraatiin kan misoomeedha jechuun biliisaan yoo nu gadhiises; mootummaan naannichaas bulchiinsa godinichaaf lafti keenya akka nuuf kennamu waggaa kana yoo hayyames; murtichi akka raawwatamu waajjirri ministira muummee deebii isaa barreeffamaan akka gadi bu’u waan hintaasisiniif lafa keenya argachuu hindandeenye jedhaniiru.

Inumayyuu yeroo ammaa manni maree godinichaa dhimmicha ilaaluun yoo nuuf murteesses; bulchiinsi aanichaa murteewwan kanaan dura murta’an anaan hinilaallatu; raawwachiisuuf hindirqamu jechuun bulchaan godinichaa gara waajjira kiyya hindhufinaa kan jedhe yoo ta’u; bulchiinsi naannichaas kanaan dura yeroo afur murtee dabarsineerra; kana booda deebiin kenninu hinjiru jechuun; waajjira ministira muummee irraas aanaa fi ganda irraa bilbila fidi jechuun erga waliin dubbatanii booda bakka barbaadde deemuun himadhu deebii jedhu kennan jedhaniiru.

Kanaaf; waajjirri ministira muummee nahinilaalu jechuu fi deebii afaaniin kennu caalaatti lafa keenya ta’uun seeraan kan ibsame waan ta’eef; deebiin barreeffamaa akka kennamuu fi akka nuuf raawwachiisu jechuun gaafataniiru.

Qonnaan bultoonni kun lafti keenya hundi fudhatamee harka duwwaatti hafuu keenyarra; biiroo mootummaa itti hiyyannu hundatti; namoota lafa keenyatti fayyadaman odeeffannoon dursee waan qaqqabuuf hiyyati keenya akka ukkaamfamu taasisu jechuun dubbataniiru.

Addis Maaledaan dhimmicha ilaalchisuun ibsa argachuuf gara waajjira ministira muummeetti irra-deddeebiin yoo bilbiltes utuu hinmilka’in hafeera.


አዲስ ማለዳ Hagayya 7 2014 No 61

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች