መነሻ ገጽAfaan OromooHaala YerooGufachuu piroojeektota misooma bu’uraalee

Gufachuu piroojeektota misooma bu’uraalee

Qajeelfamni raawwii piroojeektotaa of danda’ee gama mootummaatiin yoo qophaa’es; maallaqa gama Itoophiyaa fi gargaarsaa fi liqii biyyoota alaa irraa argamuun bu’uraaleen misoomaa jalqabaman wayita gufatan mil’ata.

Piroojeektonni misooma bu’uraalee qophii fi karoorri bal’aan utuu itti hintaasifamin adeemsi gara hojiitti ittiin galan jiraachuu hordofees carraan yeroo qabameef keessatti ittiin hinraawwatamne jiraachuun ni ibsama.

Kanaaf immoo piroojeektonni utuu hinjalqabamin dura yeroo fi bajata qorannoon deeggarame ramaduu dadhabuu; akkasumas maallaqa adeemsa ijaarsichaa itti fufsiisuu fi meeshaalee ijaarsaa adda addaatiif oolu yeroon gadhiifamuu hafuun dabalatatti; sababa hanqina bajataatiin piroojeektonni jalqabaman yeroo qabameef keessatti akka hinxumuramneef gufuu akka ta’an dubbatama.

Madaalliin piroojeektota gurguddaa shoora dinagdee fi hawaasummaa olaanaa qaban irratti raawwiin booda taasifamu faayidaan isaa olaanaa yoo ta’es; piroojeektota xumuramanii fi tajaajila kennuu jalqaban irratti haalli madaalliin raawwii boodaa itti hinraawwatamne akka jirus wayita himamu ni dhaga’ama.

Kana malees; mootummaan raawwii piroojeektotaatiin walqabatee rakkoowwan adda baasuu fi qaulaulleessuun gufuuwwan furuuf hojiiwwan fooyya’insaa gargaaran irratti hojjechuun dirqama isaa akka ta’es ni eerama.

Abbaa taayitaa hayyamaa fi too’annaa ijaarsaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti daarikteerri daayirektoreetii damee misooma bu’uraalee Taammiraat Gabre Masqal Addis Maaledaatti akka himanitti; piroojeektonni baay’een daangaan yeroo ka’ameefii yeroon gara hojiitti galan yoo jiraates sababoota daangaa kabachiisuu, bajataa fi kan biraatiin haalli duubatti ittiin harkifatan jiraachuu ibsu.

Itti dabaluunis pioojeektonni misooma bu’uraalee yeroo ofii isaanii itti jalqabamanuu fi itti xumuramanii fi bajata ofii isaanii qaban yeroo fi bajata isaaniif qabameen akka xumuraman yoo barbaachise gufuuwwan adeemsicha irratti dhiibbaa ni taasisu jedhamanii shakkaman utuu hinjalqabamin dura furuu akka barbaachisu eeraniiru.

Fakkeenyaafis piroojeektota ijaarsa daandiitiin walqabatee yeroo baay’ee duubatti harkifachuu piroojeektotaatiif rakkoon daangaa kabachiisuu akka sababa tokkootti akka eeramuu fi sababa irra-deddeebiin ni mudata jedhamee yaadamu kana rakkoo walfakkaatu akka hinuumneef hojiin utuu hinjalqabamin dura gufuuwwan kana furuun dirqama akka ta’e daarikteerichi dubbataniiru.

Dabalataan rakkoowwan adeemsaan hiikuudhaan dhaabbileen misooma bu’uraalee kamiyyuu qindaa’uu fi wal-dubbisuun hojjechuu akka qaban; akkasumas ka’umsa isaanii hiikuun yoo danda’ame immoo piroojeektota misoomni bu’uraa isaanii harkifatan yeroo isaaniitti xumuruun akka danda’amu hubachiisaniiru.

Piroojeektiin misooma bu’uraa kamiyyuu faayidaa uummataatiif kan ooluu fi ummata bu’ureeffachuun kan raawwataman ta’uu hubachuun gaaffii hawaasaa deebisuuf kanaan olitti kan ka’anii fi rakkoowwan biraa furuun piroojeektota yeroo qabameef keessatti xumuruun barbaachisaa ta’uu daarikteerichi eeraniiru.

Ogeessi dinagdee Dr. Qosxenxinoos Barih Tasfaa akka jedhanutti; piroojeektonni misooma bu’uraalee yeroo qabameef keessatti adeemsi hinxumuramneef ni jira.

Hidhoonni, daandiin baaburaa, toorri humna eleektiriikii, daandiiwwan, gamoowwanii fi bu’uraalee misoomaa kan biraa dabalatee maallaqaa fi bajata liqiidhaan argamuun haalli hojiin ittiin jalqabamuu fi piroojeektonni waggoota baay’eef adeemsi itti harkifatan akka jiru eeran.

Piroojeektonni hedduun karoorri bal’aan utuu hinqabaminiif haalli gara hojiitti itti galan akka jiranis ogeessi dinagdee kun eeraniiru.

Fakkeenyaaf mootummaan naannoo tokkoo naannoo keenya keessatti paarkii induustirii hinqabnu jechuun mirga siyaasaa ta’ee carraan itti ilaalamu waan jiruuf gaaffii kaasuun gaaffiin isaanii deebii akka argatus ibsaniiru.

Qophii bal’aan utuu itti hintaasifamin piroojeektonni gara hojiitti galan waan jiruuf; yeroo qabameef keessatti akka hinxumuramneef dhimmoota gufuu ta’an keessaa tokko ta’ee jalqaba irratti eeruun akka danda’amu dubbataniiru.

Wayita weerarri Kooviid 19 Itoophiyaa keessatti ka’e piroojeektonni addaan citanii fi gufatanis akka turanis ni kaasu.

- ይከተሉን -Social Media

Ogeessi dinagdee kun ittuma dabaluun piroojeektonni yeroon akka hinxumuramneef kontiraakterootaaf maallaqa kaffaluu hafuun akka sababaatti akka eeramus himaniiru.

Piroojeektiin kamiyyuu jalqabamuun dura waggaa meeqa keessatti akka xumuramanuu fi haalli maallaqa isaa maal fakkaachuu akka qabu ministeerri maallaqaa mirkaneessuu qabas jedhaniiru.

Dabalataan mootummaan piroojeektonni utuu hinjalqabamin dura yeroo qabameef keessatti xumuruuf dursanii murtee kaa’uu fi qaamolee piroojeektota hojjetanii hinxumurre karaa sirriidhaan dhaabbilee itti gaafatamummaa isaanii bahataniif kennamuu akka qaban ogeessichi ibsaniiru.

Ogeessichi ittuma dabaluudhaan mootummaan haala Itoophiyaan yeroo ammaa itti jirtu yaada keessa galchuudhaan piroojeektota dursanii hojjetamuu qabamanii fi kan turfamuu qaban adda baasuudhaan hojii isaanii raawwachiisuuf hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ijaarsota misooma bu’uraalee gidduudhaa ijaarsi isa tokko yoo ta’u; kan yeroo qabamaniifitti hinxumuramne keessaa piroojeektonni daandii fi gamoowwanii ni eeramu.

Kanaaf immoo sababni adda addaa yoo eeramanis gatiin gurgurtaa meeshaalee gamoo dabaluu isaaniitiin ijaarsonni magaalattii keessatti hojjetaman qabbanaa’uu isaaniitiif akka sababaatti akka eeramu abbaan taayitaa hayyamaa fi too’annaa ijaarsaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ni ibsa.

Daarikteerri daayirektoreetii abbaa taayitaa hayyamaa fi too’annaa ijaarsaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Mulugeetaa Ligdii Addis Maaledaatti akka ibsanitti; akkaataa waggaa darbeetiin yoo ilaalamu oomishaalee simmintoo; sibiilota feerroo; qorqorroo fi meeshaalee gamoo kan biraa yookaan tokko tokkoon meeshaa irratti dabalati gatii dhibbeentaa 200 hanga 300 dabalata agarsiisee akka ture kanaan dura eeruun isaanii ni yaadatama.

Daarikteerichi gatiin gurgurtaa meeshaalee gamoo yeroo yeroon qaala’aa dhufuu isaa hordofee hojiiwwan ijaarsa daandii fi gamoowwanii magaalaa Finfinneetti raawwatamanu qabbanaa’aa dhufuu ibsaniiru.

- ይከተሉን -Social Media

Kanaan alatti dhaabbilee fi namoonni  dhuunfaa hojii ijaarsaa raawwatan hanqina maallaqaatiin wal-qabatee hojii isaanii dhaabuuf waan dirqamaniif qabbanaa’uu damee kanaatiif dabalataan akka sababaatti akka eeramu daarikteerichi dubbataniiru.

Dabaluu gatii meeshaalee gamootiif sharafa alaa fi hojmaata seeraan-alaa kan biraa wajjin walqabatee akka sababaatti kan ka’u yoo ta’es; abbaan taayitichaa dhimma kana qorannoo irratti hundaa’uun hojiiwwan hojjete akka hinjirre ibsameera.

iIti gaafatamummaan abaan taayitaa hayyamaa fi too’annaa ijaarsaa magaalaa Finfinnee qabiyyee fi kaartaa qaamolee dhiyeessanuuf hayyama ijaarsaa kennuufiin cinatti hojiiwwan hordoffii fi too’annaa akkasumas adeemsi ijaarsichaa wayita xumuramu akka hojii jalqaban taasisa jedhameera.

Kana irra darbee abbaan taayitichaa hojiiwwan ijaarsaa akka hindhaabbanne dirqisiisuuf itti gaafatamummaa hinqabu kan jedhan daarikteerichi; hojiiwwan ijaarsaa magaalattii keessatti dhaabbatanii fi harkifatan addaan baasuun akka jalqabamee fi sadarkaa kam irratti akka argamanadeemsi odeeffannoo guutuu walitti qabuu jalqabamuu isaanii daarikteerichi ibsaniiru.

Abbaan taayitichaa odeeffannicha walitti qabee erga xumuree booda gabaasa isaa hawaasatti beeksisuu irra darbee bulchiinsa magaalaa Finfinnee wajjin maryachuun kallattii damicha kakaasuuf gargaaru akka kaa’u himameera.

Dabalataan dameen kun akka dadammaquu fi bakka duraan turetti akka deebi’uuf yoo yaadame mootummaan abbootii qabeenyaa wajjin hojjechuudhaan gatiin gurgurtaa meeshaalee ijaarsaa tasgabbeessuuf hojjechuu akka qabu daarikteerichi ibsaniiru.

Mootummaa bira darbees dureeyyotas ta’ee kutaan hawaasaa kamiyyuu tattaaffii damicha dadammaqsuuf taasisan caalaatti; magaalattiitti ijaarsa seeraan alaatiin walqabatee hojiiwwan too’annaa akka raawwatanuu fi abbaa taayitichaatiif eeruu kennuun itti gaafatamummaa isaanii akka bahan gaafatameera.

Daarikteerichi walqabsiisuunis magaalattiitti dhaabbilee fi qaamoleen meeshaalee ijaarsaa daandii irra kaa’an irratti tarkaanfii hanga hayyama isaanii haquutti ga’u fudhachuu akka danda’u ibsan.

- ይከተሉን -Social Media

Qaamoleen raawwachiistotaa madaallii raawwiin duraa, hordoffii fi too’annaa qophii dursaa piroojeektotaatiif qajeelfamicha hojii irra oolchuu akka qaban ni eerama.

Tokko tokkoon piroojeektota misoomaa mootummaatti kan hirmaatan qaamoleen qooda-fudhattootaa addan baafamuu fi itti gaafatamummaan isaanii ibsamee sanada qorannoo piroojeektii qophiin dura dhiyaatu irratti sirni ittiin dabalan jiraachuun mirkanaa’uu akka qabus ni ibsama.


አዲስ ማለዳ Ogosto 28 2014 No 64

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች