መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiMeeshaaleen karaa mana poostaatiin ergaman baduun maamiltoota irratti komii uumeera

Meeshaaleen karaa mana poostaatiin ergaman baduun maamiltoota irratti komii uumeera

Dameewwan adda addaa dhaabbata tajaajila poostaa Itoophiyaatti maamiltoonni tajaajilamanu meeshaaleen yeroo baay’ee ergan sirnaan namoota ergamaniif bira kan hingeenye ta’uu Addis Maaledaatti ibsan.

“Meeshaaleen erginu yookaan kan qaama biraa irraa nuuf ergame badeera jedhamnee kasaaruun hafna. Dabalataanis meeshaa erginee yoo nuuf qaqqabes ji’oota hedduuf deddeebineetu akkasumas hojjettoonni nu tuffatanii fi nu dhamaasanii booda nuuf kennu” jechuun ibsaniiru.

Tajaajilamaan maqaa isaanii ibsuu hinbarbaanne “Adaamaa irraa gara magaalaa aanaa baadiyyaa kan biraatti bilbila moobaayilaa ergan ergee booda guyyaa jedhametti utuu hinqaqqabin hafe. Guyyaa nig aha jedhame irraa ji’a tokko turee dameen itti erge yoon gaafachiises hingeenye jechuun yeroo dheeraaf na dhamaasaa turan” jechuun dubbataniiru.

“Dameen Adaamaa jiru waraqaa nagahee ittiin erge qabadhee yoon gaafadhu nuti ergineerra jechuun guyyaa fi lakkoofsa ittiin ergan itti agarsiisaa akka turanii fi dhuma irrattis konkolaataan karaa irratti miidhamuun wayita gaaraajii galetti nu jalaa badeetu utuu hinga’in hafe” deebiin jedhu damee itti ergame irraa akka kennameef ibsaniiru.

“Hata’u malee gatiin bilbila moobaayilichaa akka naaf kaffalamu yookaan meeshaa wal-fakkaataan bakka isaatti akka naaf kennamu gaafannaan; mee turi; waajjira dame godinaa wajjin maryachuu qabna jechuun waggaa guutuu erga na eegsisanii booda falmii baay’ee booda gatii moobaayilichi ittiin bitameen kan gonkuma wal-hingitne maallaqa xiqqoo naaf kennan. Akka an amanutti dhaabbaticha keessa hattoota walitti hidhamantu jiru” jechuun dubbataniiru.

Komii dhiyeessituun kan biraas akkasuma “faayaa garagaraa firoota kiyya biyya alaa jiraatan ergisiisee utuu na bira hinga’in hafe. Sirrii ta’uu isaa yoon hinbeeknes koomishiiniin gumurukaa Finfinnee, Boolee jiru kanaaf itti gaafatamaa dha” jedhan.

“Finfinnee akka seene sirriitti waanin beekuuf himachuuf yoon yaades isaan beekamaa dha. Omaa gochuun hindanda’amu naan jennenin dhiise. Namoonni baay’een poostaadhaan meeshaa erganii sirnaan akkuma keessummaa’anu; namoonni baay’een akka kiyyaa hedduun akka kiyyaa meeshaan erginee fi nuuf ergame bade hafa wayita jedhan nan dhaga’a” jedhan.

“Ragaalee barnootaa irra-deddeebi’een ergan ture. Bakkan itti ergu kan gahanus guyyaa jedhametti dha. Yeroo dhiyoo as garuu namoonni meeshaaleen qaalii jalaa bade hafe kan jedhamu waan dhaga’uuf omaa erguu irraa of qusadheera” jechuun amantaan dhaabbaticha irratti qaban guutuu akka hintaane kan ibsan tajaajilamaan kan biraas ni jiru.

“Biyya alaa irraa meeshaa ergisiisanii maamiltoonni jalaa hafu akka jiran nan beeka. Laap tooppii fi sa’atii harkaa ergisiisanii namooti utuu hinargatin hafanis ni jiru” namni jedhan immoo; “dhabbatichi gama seenaa fi umurii dheeraa qabuutiin hattoonni akka keessa isaa jiran hinbeeku jechuun waan nama rakkisuuf sirreeffama taasisuu qaba” jechuun gorsaniiru.

Komiiwwan ka’an sirrii waan ta’aniif tarkaanfiin irratti hinfudhatamu taanaan; amanamummaa dhaabbatichaa kan gadi buusuu dha jechuunis hubachiisaniiru.

Akkasumas gatiin kiraa saanduqa maamiltootaa keessumattuu waggaa darbe irraa jalqabuun dabalata olaanaa agarsiisuu isaatiin; baay’ina maamiltoota isaa xiqqeessuun gamatti dabalatichi qabata maaliitiin akka taasifame komii uumuu isaa hubachuun danda’ameera.

Kanaan cinatti dhaabbanni tajaajila poostaa Itoophiyaa meeshaa ergine amanamummaadhaan bakka barbaanne yeroo jedhametti nuuf qaqqabsiiseera jechuun namoonni yaada kennanis ni jiru.

Addis Maaledaan waajjira muummee dhaabbata tajaajila poostaa Itoophiyaatiif komiiwwan kanaan olitti dhiyaatan kaasuun ibsa kan gaafatte yoo ta’u; hoogganaan dhimmichi isa ilaalu bilbilee deebii akka kennu taasisna yoo jedhames deebiin kenname hinjiru.


አዲስ ማለዳ Qaammee 5 2014 No 65

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች