Haalluun pilaatika bishaan saamsamaa jijjiiramuuf

0
657

Haalluun pilaastika bishaan saamsamaan ittiin baatamuu jijjiiramuuf akka ta’e induustiriin nyaataa fi dhugaatii Itoophiyaa Addis Maaledaatti beeksise.

Induustiriin nyaataa fi dhugaatii Itoophiyaatti daarikteerri paakeejiingii giddugala qorannoo fi misoomaa Dassee Abajjee Addis Maaledaatti akka ibsanitti; pilaastiikni bishaan saamsamaan itti qabatamu haalluun isaa hanga yoonaatti gara halluu samiitti kan caalu yoo ta’u; Onkoloolessa 1 bara 2015 irraa jalqabee adii ta’a jedhaniiru.

Haalluu kana jijjiiruuf kan yaadame bishaan isaanii erga tajaajilaaf oolee booda baattoowwan bishaanii gataman hanga barbaadamuun tajaajila irra waan hinoolleef baay’inaan wayita gataman xaa’oma biyyoo miidhaa waan jiranuuf jedhameera.

Haalluun baattoo pilaastikaa yoo jijjiirame tajaajila baay’eef akka ooluu fi fakkeenyaafis baattoon pilaastikaa kun irra-deebiin daakamee warshaalee huccuutti shamiizii, uffata halkanii fi kan biraa hojjechuuf kan tajaajilu ta’a jedhameera.

Haalluun baattoo kanaa jijjiiramuun isaa yeroo itti aanutti warshaalee huccuu oomishanuuf faayidaa olaanaa akka qabuu fi meeshaalee walfakkaataa oomisha isaaniitiif oolan carraa biyyoota alaatii fiduu isaanii akka hir’isu eerameera.

Warshaaleen huccuu fi kirrii kun meeshaalee walfakkaataa biyyoota alaatii fidanuu fi gosa halluuwwanii waan hir’isanuuf waggaa tokko qofa keessatti sharafa alaa doolaara miliyoona 40 baasii irraa baraaruun akka danda’amu daarikteerichi ibsaniiru.

Haalluu kana jijjiiruuf induustiriin nyaataa fi dhugaatii Itoophiyaa ji’oota jalqanaa bara 2013 irraa jalqabee hanga Waxabajjii bara 2014tti waggaa tokkoof walakkaaf qorannoo akka taasisee fi bu’a qabeessas waan ta’eef ji’oota lama dura qorannicha xumuruun raggaasuun akka danda’ame daarikteerichi himaniiru.

Itoophiyaa keessa warshaaleen bishaan saamsame oomishan dhibbi tokkoo ol akka jiranuu fi kana keessaa warshaaleen dhibbeentaa 80 ol ta’an yaada haalluu pilaastikichaa jijjiiruutti akka waliigalan daarikteerichi dubbataniiru.

Hanga yoonaatti warshaan bishaan saamsamaa tokko dhaabbaticha hayyamsiisuun haalluu pilaastikichaa dursee jijjiiruu akka danda’ee fi kaan immoo daangaa yeroo dhaabbatichi kaa’e irraa jalqabuun kan jijjiiran ta’a jedhameera.

Induustiriin nyaataa fi dhugaatii Itoophiyaa warshaalee bishaan saamsamaa haalluu pilaastika baattoo bishaanii kana kan hinjijjiirre yoo jiraatan seeraan akka isaan gaafachiisu himameera.

Haala walqabateen induustiriin nyaataa fi dhugaatii Itoophiyaa qu’annoo fi qorannoon taasise namoonni dhaabbilee dhuunfaa keessa akka hojjetan dubbatan tokko tokko dhuunfaa isaaniitiin akka qoratan fakkeessuun ibsa akka kennan bira geenyeerra jechuun daarikteerichi dubbataniiru.

Gama kanaan dhaabbanni federaalaa fi mootummaa tokko qoratee, raggaasee, hojii irra oolchuuf wayita qophii irra jirutti; qorannoo hatuudhaan kan ofii fakkeesanii dhaabbilee sab-quunnamtiis ta’ee karaa fuula miidiyaa hawaasaatiin beeksisuun fudhatama akka hinqabne ibsaniiru.

Gochaawwan seeraan alaa akka kanaatti qaamoleen hirmaatan gocha isaanii irraa akka of qusatan kan akeekkachiisan daarikteerichi; yeroo itti aanutti qaamoleen gochaa isaanii irraa of hinqusanne yoo jiraatan induustiriin nyaataa fi dhugaatii Itoophiyaa seeraan akka gaafataman taasisa jechuun dubbataniiru.


አዲስ ማለዳ Qaammee 5 2014 No 65

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here