Naannoo Amaaraa magaalota Dassee fi Haaraatti daabboon tokkichi birrii soddomatti gurguramaa jiraachuu Addis Maaledaan jiraattota dubbisuun mirkaneessiteetti.
Qaala’insa gatii tibba kana uumameef sababni isaa waraana Addi Biliisummaa Ummata Tigiraay Itoophiyaa-kaabaa keessatti yeroo sadaffaadhaaf kaaseen jiraattonni gara magaalota isaanitti dhiyaatanuutti buqqa’uu isaaniiti.
Buqqaatonni “magaalota Dassee fi Haaraatti daabboo tokko birrii 30n bitaa jirra” jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Sababa waraanichatiin buqqaatonni magaalota Warqee, Qobboo, Gobbiyyee, Roobiitii akkasumas Waldiyaa irraa gara magaalota kanaatti waan qajeelaniif; kanaan dura magaalota Haaraa fi Dasseetti daabboon birrii shanitti gurguramaa ture tibbana birrii 30tti gurguramaa jiraachuu dhugaa bahaniiru.
“Buqqa’uu irratti daabboo nyaatanii buluun qananii nutty ta’eera” kan jedhan komii dhiyeessitoonni kun; daabboon gatiin isaa birrii 30 ta’e kun yeroo nagaatti birrii afurii hanga shaniitti gurguramaa akka ture beekuu isaanii ibsaniiru.
Akka ibsichaatti yoo ta’e; dabalati gatii kun kan kanaan duraa irra haala adda ta’een kan uumame daabboo qofa irratti osoo hintaane fuduraalee, dhugaatii fi taarifa geejjibaa irrattis ta’uutu himameera.
Buqqaatonni keessumattuu magaalaa Haaraatti wayita imala irra turan daabboon dhabamuu isaatiin gatii kanaan bituu kan danda’an namoota muraasa ta’uu yaadachiisanii; muuzii ija sadii birrii soddomaan bitannee nyaanneerra kan jedhanis ni jiru.
Dabalataanis; magaalota Haaraa, Waldiyaa, Marsaa, akkasumas Dasseetti hanga har’aatti birrii 12tti kan gurguramaa ture bishaanni saamsame tokkichi birrii 40 hanga 50tti; akkasumas cuunfaa maangoo birrii 20tti gurguramaa ture birrii 50n akka bitan yaadataniiru.
Haala walqabateenis; shaayiin birrii sadiitti gurguramaa ture gara birrii 10tti dabaluu isaa buqqaatonni utuu hinkaasin hinhafne.
Gama biraatiin; qondaaltonni mootummaa dirqisiisuun gara kutaa waraanaatti isaan deebisaa jiraachuu Addis Maaledaan buqqaatota magaalaa Kombolchaatti argaman irraa dhageesseetti.
Warqee Haarraa; Qobboo fi Waldiyaa Marsaa akkasumas Waldiyaa fi Marsaa irraa gara Kombolchaa fi Dasseetti guyyoottaniif lukaan imalleetu dhufne jechuun; abbootiin taayitaa mootummaa “bahaa gara mana keessanii deemaa” jechuun afarsaa jiraachuunis mufataniiru.
Qaammee 2 bara 2014 bulchiinsi magaalaa Kombolchaa buqqaatonni bakka biraatii dhufan gara mana isaaniitti akka deebi’anu labseera kan jedhame yoo ta’u; namoonni waraqaa enyummaa Walloo-kaabaa qabatanii argaman akka deebi’anuuf dirqisiifamaa jiraachuun ibsameera.
Gatiin geejjibaa Waldiyaa – Dassee birrii kuma lamaa fi 500 hanga kuma sadiitti qaala’uun isaa eerameera. Imaltoonni yeroo nagaatti birrii 200 akka ture yaadachiisanii; amma garuu yeroo tokkotti dabalati birrii kuma lamaa fi 800 itti taasifameera jedhan.
Biiroo geejjibaa naannoo Amaaraatti hoogganaan sab-quunnamtii Wubee Atsinaafuu gama isaaniitiin; komiin gama taarifaatiin ka’e bobba’insa akka ilaallatu kallattii kennaniiru. Bu’ura eeruu kanaatiin qaamni isaan ilaallata jedhaman walga’ii irra waan jiranuuf beellama yoo kennanis irra-deebiin wayita bilbilamuuf bilbila kaasuu waan didaniif deebii isaanii kanatti dabaluun hindanda’amne.
Koomishiinii ittisa balaa fi qindeessaa sagantaalee wabii nyaataa naannoo Amaaraatti hoogganaan sab-quunnamtii Iyyaasuu Masfiin akkasuma walga’ii irra waan ta’aniif deebii kennuu hindandeenye.
Bulchiinsi magaalaa Marsaa gama isaatiin; Qaammee 1 bara 2014 kaasee kan baratame irraa haala adda ta’een daldaltoonni dabalata gatii sirrii hintaane taasisanu gocha isaanii irraa akka of qusatan kan akeekkachiise yoo ta’u; sirreeffama hintaasisan taanaan immoo tarkaanfiin akka irratti fudhatamu beeksiseera.
አዲስ ማለዳ Qaammee 5 2014 No 65