Daa’imman waraanatti bobbaasuun tumaalee heera mootummaatiinis ta’ee seerota idil-adunyaatiin cimsee kan wal faallaeessuu dha. Hata’u malee daa’imman keessumattuu waraana kutaa Itoophiyaa kaabaatti ka’etti waa’een hirmaachuu isaanii irra-deddeebi’amee dhaga’amaa jira.
Miseensi raayyaa ittisa biyyaa maqaan kiyya hinibsamin jedhan waraana kanaan dura turettis daa’imman dirqamaan akka hirmaatan taasifamuu isaanii yaadachuun “TPLF ammas yoo ta’e waraana irra-deebiin kaasetti daa’imman fuula duratti hiriirsaa jira” jedhaniiru.
Bara 2013 wayita gannaatti waraana mootummaa Itoophiyaa fi Adda Biliisummaa Uummata Tigiraay gidduutti waraana banamee fi mariidhaan furama jedhamee turetti adda waraanaa adda addaatti daa’imman hiriiranii akka turan hinhirraanfatamu.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waajjiirri qindeessaa deeggarsa namoomaa sababa waraanichaatiin daa’imman kumni saddeetii fi 419 maatii isaanii wajjin addaan baduu fi kuma torbaa fi 165 kan ta’an naannoo Tigiraay keessa kan turan ta’uu gabaasaan beeksisuun isaa ni yaadatama.
Waraana naannoo Amaaraa keessa tureen daa’imman kuma jahaa fi 305 ta’an maatii isaanii du’aan akka dhaban Addis Maaledaan wayita sanatti gabaastee turte. Naannoo Affaarittis baay’ina isaanii sirriitti beekuun yoo hindanda’amnes taateen wal-fakkaatu mul’ateera.
Gareen hidhataa Adda Biliisummaa Uummata Tigiraay maatiin naannoo Tigiraayitti argamu “maatiin tokko mucaa tokko gumaacha” ajaja jedhu dabarsuu isaa madden oduu adda addaa ibsuun isaanii ni yaadatama. Garichi waraana yeroo sadaffaaf kaaseenis daa’imman adda waraanaatti hiriirsuun gocha isaa baratamaa raawwachaa jiraachuu isaatiif ragaaleen ijaan arganii fi adda waraanaatti argaman ibsaa jiru.
Daa’imman adda waraanaatti hiriirsuun haahafuutii; hojii jabaa hojjechiisuun mataan isaa fudhatama akka hinqabne dhaabbileen falmitoota mirga daa’immanii ni ibsu.
Dhaabbanni falmaa mirga daa’immanii “Save the Children” jedhamu barreeffama marsariirii isaa irra kaa’een; qisaasni mirga daa’immanii barsiifata duubatti hafaa daa’imman huban keessaa tokko ta’uu isaa ni eera.
Heerri mootummaa Itoophiyaas kanumaan cinatti tumaa isaa keewwata 36ffaatiin daa’imman barsiifata humna isaanii qisaasu irraa eegamuu dabalatee mirgoota baay’ee akka qaban kaa’eera.
Haadholiin daa’immanii, ogeeyyiin seeraa akkasumas xiinxaltoonni siyaasaa gama isaaniitiin; mirgi daa’immanii sarbamaa waan jiraniif gochcichi atattamaan balaaleffatamuu akka qabu ibsuu irratti argamu.
Mirga Sarbame
Itoophiyaan daa’ima irraa kaasee hanga ga’eessotaatti dhala namaa jiruuf seerota kutaa kutaadhaan of eeggannoon tarreeffaman kan qabdu ta’uu ishee ogeeyyiin seeraa seericha gaggaragalchuun hubatan irra-deddeebi’uun ni dubbatu.
Itoophiyaan mirga dhala namaa kutaa kutaadhaan of eeggannoon tumuuf rakkoo hinqabdu kan jedhan Addis Maaledaan kan dubbifte mana murtii kamittii gorsaan seeraa fi abukattoon seeraa Biraanuu Ayyaaloo ti.
Heera mootummaa keewwata 36 jalatti tarreeffamanii kan argaman mirgoota daa’immanii kan kaasan ogeeyyiin seeraa; kana keessaas muraasa eeruun ibsaniiru. Bu’ura kanaan daa’imman mirgoota lubbuun jiraachuu; maqaa fi lammummaa argachuu; maatii isaanii yookaan namoota seeraan isaan guddisan beekuu fi kunuunsa isaanii argachuu; barsiifattoota humna isaanii qisaasu irraa eegamuu; hojiiwwan barnoota, fayyaa fi nageenya isaanii irraan miidhaa geessisan hojjechuuf dirqamuu dhiisuu yookaan hojjechuu irraa eegamuu; manneen barnootaatti yookaan dhaabbilee guddisa daa’immanii keessatti adabbii farra-namoomaa qaama irratti yookaan gara-jabeenyaan raawwatamu irra mirgoota biliisa ta’uu fi kan biraatis jedhaniiru gorsichi.
Daa’imman adda waraanaatti akka hiriiranuuf dirqisiisuun mirga isaanii lubbuun jiraachuu guutuu sarbuu akka ta’es gorsaan seeraa kun ibsaniiru.
Daa’imman mirgi hojii humna isaaniitii ol ta’e hojjechuu dhiisuu heera mootummaa keessa taa’eera kan jedhan Biraanuun; meeshaa waraanaa humna isaaniitii ol ta’e baachisuun akka dhukaasan taasisuun haahafuutii; wantoota dhuka’aa hintaane haala humni isaanii hinhayyamneen baachisuun mataan isaa tumaa heera mootummaa wajjin kan wal simu miti jedhaniiru.
Wayita waraanni uumamu daa’immanii fi namoonni nagaan akka hinmiidhamneef waliigaltee gareewwan wal didanuutiin dirreen waraanaa filatamaa akka ture irra-deddeebiin ni dubbatama. Gorsaan seeraa Biraanuun gama isaaniitiin; waraana baroota durii tureen namoonni nagaa fi daa’imman akka hinmiidhamneef xiyyeeffannaan addaa taasifamaa tureera jedhu.
Walqabsiisuunis; mootummaa Itoophiyaa fi garee Adda Biliisummaa Ummata Tigiraay gidduutti waraana uumameen garuu namoonni nagaa fi daa’imman waraanichatti hirmaachuun isaanii mul’ataa jira jedhniiru.
“Daa’imman adda waraanaatti hiriiruun wayita meeshaa dhukaasan gareen faallaa gama isaatiin dhukaasuun isaa hafuu dhiisuu danda’a. kanaaf; daa’imman umurii xobbummaa isaaniitti isumayyuu waraanatti hiriiranii yoo ajjeefaman; mirga lubbuun jiraachuu isaanii siruma hinta’u jechuudhaan sarbuu waan ta’eef atattamaan balaaleffatamuu qaba” jechuun hubachiisaniiru.
Maatiin akkasumas xiinxaltoonni siyaasaa gama isaaniitiin; dhimmi daa’imman utuu hingaliniif waraanatti wareegamaa jiranuu irra-deddeebi’amaa jiraachuu kaasuun heerri mootummaa yoom kabajama gaaffii jedhu dhiyeessaa jiru.
Baranas akkuma Bara Darbee
Hanga yoonaatti rakkoon daa’imman irratti mul’ataa ture gaa’ila umurii malee; carraan barachuu fi nyaata madaalamaa argachuu xiqqaa ta’uu; kittaanaa shamarranii; huuba qoonqoo muruu fi kan kana fakkaatan akka turan dhimma daa’immaniitiif kan quuqamu “Save the Children” ni ibsa. Dhimma dubartootaa fi daa’immanii irratti kan hojjetan dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaas; sarbama mirga daa’immanii fi dubartootaa ilaalchisuun hojjetamuu akka qabu yeroo yeroon wayita hubachiisan dhaga’ama.
Koomishiiniin mirga namoomaa Itoophiyaas mirgi namoomaa lammiiwwanii karaa tokkoonis ta’ee karaa biraatiin dagatamaa jiraachuu odeeffannoon wayita adda addaatti baasu ni mul’isa.
Keessumattuu waggoota dhiyoo as garuu gochaawwan daa’imman miidhanuu fi kanaan olitti ibsaman keessaa habaatuu adda waraanaatti akka bobba’an dirqamuun isaanii gama hayyootaatiin qeeqa kaaseera.
Daa’imman adda waraanaatti hiriirsuun seeraa fi namooma irraa kan fagaatee fi kan balaaleffatamuu qabuu dha jechuun kan qeeqan xiinxalaa siyaasaa Abduu Ayyaaloo ti.
Addi Biliisummaa Uummata Tigiraay shira biyya diiguuf qabu hojiidhaan raggaasuuf fiinoo waraanaa erga afuufee bara 2013 irraa jalqabee daa’imman dirqisiisuun waraanatti hirmaachisaa jiraachuu eeranii; “dhugaan hadubbatamu yoo jedhame gareen lammaffaa fi sadaffaan utuu itti hindabalamin gochicha garichi mataan isaa balaaleffachuu akka qabu keessi isaa inuma beeka” jedhaniiru.
Waraanichaan mirga daa’immanii dabalatee sarbamni seeraa hedduun raawwatamaa jira kan jedhan Abduun; “erga waraanichi jalqabamee kaasee keessumattuu mirga daa’immanii dirqisiisuudhaan irraa fudhataa jira” jedhan.
Dhiirri yookaan dubarri waggaa 18 hinguutin toora daa’immaniitti akka ramadaman ni dubbatama. Kan adda waraanaatti utuu hirmaatanii argaman daa’imman kichuu waggaa sadiis ni dabalata. Daa’imman xobbeen kun dugda haadholii isaanii irratti argamuun isaanii gareen faallaa meeshaa akka hindhukaasne taasisuuf kan karoorfame toofta TPLF ta’uu isaa miseensi raayyaa ittisa biyyaa adda waraanaatti argaman ni ibsu.
Daa’imman qaataa akka arkisan taasisuun dabalatatti daa’imman isaanii harma hodhanii hinmaddisin dugdatti baachuun akka dhukaasaniif kan dirqaman jiraattonni naannoo Tigiraay booji’amuu isaanii miseensi raayyaa ittisaa maqaan kiyya hinibsamin jedhan sun Addis Maaledaatti himaniiru.
“Akka hindhukaasne daa’imman ni du’u; akka hincallisne hidhataan TPLF riphee hordofu dhukaasuu hindhiisu” kan jedhan miseensi raayyaa ittisaa; “lubbuu haadholii fi daa’immanii baraaruuf haala itti dandeenyu barbaaduuf haalli callisnee itti boojine baay’ee dha” jechun ragummaa isaanii ibsaniiru.
Kanaan dura haalli suukkanneessaan du’a daa’immanii tokko jedhee kan itti mul’ate keessumattuu ji’a Adoolessaa bara 2013tti qaaxxee gareen TPLF naannoo Affaaritti qaqqabsiiseen ture. TPLF naannoo Affaar aanaalee Yaaloo fi Goliinaatii buqqa’uun buufata fayyaa fi mana barumsaa Gaaliikoomaatti dahatanii kan turan horsiisaan bultoota kumaatamaan lakkaa’aman irratti gaaga’ama suukkanneessaa qaqqabsiiseen daa’imman 107; dubartoonni 89; akkasumas maanguddoonni 44 waliigalaan namoonni nagaan 240ni ajjeefamuu biiroon koomunikeeshiinii mootummaa gabaasa isaa jalqabaatiin ibsee ture.
Naannoo Amaaraa kutaalee baddaa fi gammoojjiittis akkasumas daa’imman baay’een aarsaa waraanichaa akka ta’an himamaa ture.
Waraanichi “duula kabachiisa seeraatiin” xumurama wayita jedhamu; keessaa habaatuu hammaachaa fi babal’achaa dhufe miidhaa bal’aa qaqqabsiisuun waggaa tokkoo fi ji’a jaha akka lakkoofsiseen “mariidhaan ni hiikama” jechuun abadatameera. Kunis utuu hinmilkaa’in hafee gareen hidhataa kun Hagayyaa 18 bara 2014 yeroo sadaffaadhaaf waraanni kutaa kaabaa dheerachaa dhufee waggaa lama guutuu lakkoofsisuuf ji’a lama qofatu hafeera.
Waggaa tokkoo fi ji’oota 10 keessatti ga’eessota dabalatee daa’imman xobbeen adda waraanaatti hiriiruun waraana dhiiga dhangalaasu keessummeessuuf taateen itti dirqaman irra-deddeebiin uumamuun isaa “heerri mootummaa Itoophiyaa faayidaa hinqabuuyii?” qeeqa jedhu kaaseera.
Xiinxalan siyaasaa Abduuunis dhimma kana ilaalchisuun wayita ibsan; “biyya heera mootummaa ammayyoome qabdi jedhamtutti irra-deddeebi’uun daa’imman adda duree waraanaa taasisuun hiriirsuun; heera mootummaa Itoophiyaa deebi’ee bayyanachuun kan irraa fagaate ta’uu mul’isa” jechuun dubbatan.
Gareen hidhate kun gama tokkoon daa’immanii fi uummata Tigiraayiif kan quuqamu fakkaata; gama biraatiin immoo daa’immanii fi uummata kana irratti shira hojjeta kan jedhan xiinxalichi; mootummaa Itoophiyaa hoogganus yoo ta’e seera kabachiisuu irra sarbisiisaa jira jechuun dubbataniiru.
Egaa; gareen kun bara darbee hanga bara kanatti boqonnaa fudhachaa waraana labsuun daa’imman adda waraanaatti hiriirsaa jiraachuu isaa odeeffannoon yeroo yeroon adda waraanaatii bahan ni eeru. Hagayya 18 bara 2014 jalqabee kutaa Itoophiyaa kaabaatti waraanni irra-deebiidhaan kaafamee fi furmaata dhabeenis; daa’imman dirqisiisuun hirmaattota adda duree taasisuun hiriirsuu irraa akka of hinqusatinii fi hawaasni adunyaas sirnaan balaaleffataa akka hinjirre dhaabbileen sab-quunnamtii adda addaa gabaasaniiru.
Bakkawwan kutaalee Itoophiyaa adda addaatti argamanitti hubaatii fi walitti bu’iinsonni enyummaa bu’ureeffatan uumamuu isaanii dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti jaarmiyaan deeggarsa namoomaa gabaasni ji’a Waxabajjii bara 2014tti baase ni mul’isa.
Ministirri muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad gama isaaniitiin; yeroo dhiwoo as lubbuu dhala namaa irratti gochaan gara-jabeenyaa raawwatamaa jira jechuun wayita tokko dubbatanii turan.
Gochaa sukkanneessaa kana keessatti daa’immanis akka argaman ni dubbatama. Xiinxalaan siyaasaa kun gama isaaniitiin; boora’insa nageenyaa waggoota afurii asitti mul’atanitti sababoota adda addaatiin daa’imman gaaga’amuu isaanii ibsaniiru. Wal-qabsiisuunis gochaa sukkanneessaa kana dhaabsisuu dhiisuun gatii qaalii kanfalchiisa jechuun gorsaniiru.
Adunyaa irratti daa’imman shan keessaa tokko waraana keessa akka jiraatu odeeffannoon ‘Save the Children’ irraa argame ni mul’isa.
Mirgi jiraachuu daa’immanii sababoota baay’eedhaan hubamaa jira. Waraana malee hongeenis jiraachuu isaanii irratti wayita gufuu ta’u hubatameera. Sababa hongee hammaataa naannoo Sumaaleetti uumameetiin jaldeessonni beela’an daa’imma hubuu jalqabanii akka turan ‘Save the Children’ eeruu isaa Addis Maaledaan Waxabajjii 11 bara 2014 gabaastee turte.
Dhaabbatichi hanqinni nyaata madaalamaa daa’imman Itoophiyaa kumoota kudhaniin lakkaa’aman irratti akka gaaddisaa’e beeksisuun isaa gabaafameera. ‘Save the Children’ Sadaasa 23 bara 2011 Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif imaammata sirna nyaataa raggaasuun qormaata nyaataa irratti tarkaanfii akka fudhatte kan ibsee ture yoo ta’u; haalonni jiran garuu rakkinichi akka hinfuramin ni eeru.
Hundaa ol garuu waraanni gama Itoophiyaa-kaabaatiin ka’e bara darbee hanga baranaatti mirga daa’immanii irratti sarbama mirgaa adda ta’e raawwachaa jiraachuu isaa hayyoonni adda addaa ibsaniiru.
Gorsaan xiin-sammuu Abbaay Takastee gama isaaniitiin; daa’imman adda waraanaatti bobbaasuun haahafuutii naannoo waraanni jiru keessa tursiisuun; wayita namni ajjeefamu, wayita lolaadhaan fudhatamu akka argan taasiuun sammuu isaanii irratti dhiibbaa faallaa uuma jechuun ibsu.
Kanaaf; daa’imman waraanatti hirmaataa guddatan kan baraaru Uumaa waan ta’eef carraan jiraachuu isaanii yoo dheerates; jireenyi isaanii boruu kan nageenyaa osoo hintaane dirree waraanaatiin kan guutame ta’a jedhan.
Xiin-sammiin dhala namaa kan miidhamu keessumattuu wayita waraanaati jedhanii; kun akka hinuumamneef gochicha maatiinis; mootummaanis; hidhattoonnis irra-deddeebi’uun yaaduun daa’imman baraaruun itti gaafatamummaa hawaasa hundaa ti jechuun hubachiisaniiru.



