መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiItoophiyaanonni Saa’udiitti barnoota afaaniitiif birrii kuma 100 fi kuma 60 gaafatamuu isaanii...

Itoophiyaanonni Saa’udiitti barnoota afaaniitiif birrii kuma 100 fi kuma 60 gaafatamuu isaanii ibsan.

-Sababa waraanaatiin kan irra-deebiin godaanan mana hidhaa fi bosonatti gidiramaa jiru.

Barnoota afaan Arabaa fi Ingiliiziitiif hanga birrii kuma 100 fi kuma 60 gaafatamaa jiraachuu Itoophiyaanonni Saa’udii Arabiyaatti argaman Addis Maaledaatti ibsan.

Maqaan isaanii akka eeramu kan hinfedhin qindeessummaa hojii diipiloomaasii lammii irratti xiyyeeffateetti maddi bobba’an akka dubbatanitti; barnootichaaf birrii kuma 100 fi kuma 60 gaafatamuu isaanii ti.

Afaan Ingiliffaa fi Arabaa barachuun hojii isaaniitiif barbaachisaa dha. Garuu kaffaltii isaa guutuu yeroo tokkotti kaffaluu waan hindanda’iniif kaarsicha barachuu akka dadhaban eeraniiru. Kaffaltiin birrii kuma 100 fi kuma 60 kan gaafatamus koorsii ji’oota sagaliitiif qofa yoo ta’u; kan yeroo tokkotti guutuu isaa hinkaffalles barachuu hindanda’u jedhu.

Kunis kan ta’u Saa’udii Arabiyaa naannoo Jiizaanitti ‹‹well street English school›› keessatti ta’uu isaa ti. Kaffaltichi dhalattoota Saa’udii fi lammiiwwan biyyoota biraatiif adda adda ta’uu isaa fi dhiisuu isaa ilaalchisuun odeeffannoon lama argameera. Qindeessummaa hojii diipiloomaasii lammii irratti xiyyeeffatee kun “kaffaltichi dhalattoota Saa’udii fi namoota biyyoota alaatiifis wal-qixxee dha” yoo jedhan; maddi Addis Maaledaa kan biraa immoo kaffaltichi dhalattoota Saa’udiitiif kan hir’ifamu ta’uu eeraniiru.

“Kaffaltichi dhalattoota Saa’udiitiif icitiidhaan kan Itoophiyaanonni kaffalanu irra dhibbeentaa 30 hir’isuun akka kaffalamu nan beeka; dhaabbatichi garuu hundumaafuu wal-qixa jechuun dubbata” jechuun dubbataniiru.

Gama biraatiin; lammiiwwan Saa’udii Arabiyaatti hidhamanii turan guyyaa guyyaatti kuma tokko ta’uudhaan gara biyyaatti deebi’aa kan jiran yoo ta’u; magaalaa Finfinnee naannoo Laambaratitti buufata qubannaa argamu keessa akka boqotan ni beekama. Hata’u malee lammiiwwan as deebi’an kun sababa waraana mootummaa Itoophiyaa garee TPLF gidduutti banameetiin gara Saa’udiitti irra-deebiin godaanaa jiru jedhameera.

Dargaggoonni Affaar, Tigiraayii fi Amaaraa deebi’uudhaan gara Saa’udiitti qajeeluun isaanii fi irra-deebiin mana hidhaa seenuuf dirqamanii rakkataa jiraachuun isaanii dhaga’ameera.

Lammiin Itoophiyaa daangaa Saa’udii (naannoo Yemen) jiraatan tokko; fakkeenyaaf namni ji’oota 10 hidhamee geggeeffame deebi’ee dhufee mana hidhaa Saa’udii akka jiru nan beeka” jechuun dubbataniiru.

Namoonni baay’een gara Saa’udiitti qajeelan seensa daangaa Yemenii fi Saa’udiitti gammoojjii keessatti beelaan gaaga’amaa akka jiran eerameera.

Namoonni karaa seeraan alaatiin gara Saa’udii seenuuf yaalan du’uun irbaata allaattii ta’aa jiru kan jedhame yoo ta’u; carraan toleefii milkaa’uun kan ce’uu danda’an immoo Saa’udii seenuuf namni tokko birrii kuma 80 hanga kuma 100 faddaaltotaaf kaffaluuf dirqamu.

“Maallaqa faddaalaaf kaffalanuun maaliif hinhojjetan akka hinjedhamne maallaqa hinqaban. Garuu gara-jabeenyummaadhaan wayita Yemen gahan fira Saa’udii jirutti bilbilatu. Utuu hinmaryachiisin akka tasaa waan dhufanuuf gochaan isaanii nama dallansiisa. Faddaaltotaan gidirfamaatu bilbilu. Garaa jabaachuun waan ulfaatuuf eessaayyuu dhufee ni kaffalama. Yoo hinmilkoofne immoo battalumatti poolisiin isaan qabuun hidhamuutu dhufa. Mana hidhaatti immoo du’uunis ni jira” jedhame.

Keessumattuu ammaan kana namoonni irra-deebiin godaananu waan baay’ataniif baay’inni namoota du’anuus dabaluu isaatiin kan ka’e hanga har’aatti firaa fi maatiin “nan jira jechuun” namoota du’an akka awwaalu murtaa’ee kan ture daangaan guyyaa hir’ifamuun isaa ibsameera.

Saa’udii Arabiyaa mana hidhaa naannoo Jiizaanitti namoonni argaman yoo dhukkubsatan gara hospitaala mootummaatti geeffamuun wallaanamanii yoo fayyan gara mana hidhaatti deebifamu ture. Yoo du’an immoo qaamni reeffa nan fudha jedhu yoo jiraate hanga guyyaa 21tti eegamaa kan ture yoo ta’u; amma garuu giddu-galoonni tursiisa reeffaa guutuu isaaniitiin namoonni utuu torban hinguutin awwaalaman ni jiru jedhameera.

 

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች