Naannoo Oromiyaa godina Baaleetti dhibeen koleeraa uumamuu instiitiyuutiin fayyaa hawaasaa Itoophiyaa beeksise

0
607

Godina Baalee aanaalee lama keessatti dhibeen koleeraa uumamuu instiitiyuutiin fayyaa hawaasaa Itoophiyaa Addis Maaledaatti beeksiseera.

Dhibee daddarbaan kun naannoo Oromiyaa godina Baaleetti uumamuu isaa instiitiyuutii fayyaa hawaasaa Itoophiyaatti dursaan garee hordoffii fi deebii dhibee baakteeriyaa Dr. Mootii Iddoosaa himaniiru. Dhukkubichi kan uumame aanaalee Harannaa Bulluqii fi Barbareetti ta’uu dursaan garee kun eeraniiru. Dursaan garee kun odeeffannicha hanga Addis Maaledaatti ibsanitti aanaalee lamaan keessaa namoonni lama kan du’an yoo ta’u; namoonni 115 dhukkubichaan qabamaniiru jedhameera.

Aanaa Harannaa Bulluqitti hanga gabaasni kun qindaa’etti namni tokko lubbuun isaa dhukkubichaan kan darbe yoo ta’u; qorannoo laaboraatoorii taasifameen namoota 69 irratti dhukkubni koleeraa akka mul’ate dursaan garichaa ibsaniiru.

Dhibeen koleeraa kan mul’atee fi namoota miidhaa jiru olla aanaa Haranaa Bulluq kan taate aanaa Barbareettis ta’uun dabalataan ibsameera. Kanaanis aanaa Barbareettis hanga yoonaatti namni tokko du’uu isaa fi qorannoo laaboraatoorii aanichatti taasifameen namoonni 48 dhukkubichaan qabamuun isaanii eerameera.

Dhukkubni daddarbaan kun kan mul’ate aanaalee godina Baalee lama keessatti qofa ta’uun kan eerame yoo ta’u; godinichatti koleeraan erga mul’atee ji’a tokko guutuun isaa himameera. Godinichatti koleeraan kan uumame ji’a tokko dura ta’uu kan himan Dr. Mootiin; hanga yoonaatti too’annaa jala akka hinoolin dubbataniiru.

Sadarkaa biyyaatti dhukkubni koleeraa ji’oota jahaan darbaniif bade akka ture dursaan garee kun yaadachiisaniiru. Godina Baaleetiin alatti kutaaleen Itoophiyaa garuu dhukkubicha irraa biliisa ta’uu isaanii ragaa dhaabbaticha irraa argameen hubachuun danda’ameera.

Keessumattuu waggoota lamaan darbanitti gama misooma bu’uraa fi damee fayyaatiin hojiiwwan baay’een raawwatamuu isaaniitiin bakkawwan biraatti koleeraan akka hinuumamne taasisuun akka danda’ame eerameera. Naannolee Amaaraa, kibbaa fi Biiniishaangul Gumuzitti waa’een dhimmichaa akka gabaafamee fi gabaasichi wayita ilaalamus namni koleeraan qabame akka hinjirre dursaan garichaa ibsaniiru.

Godina Baalee qofaatti sababa tokkicha rakkinichi uumameef; bakkawwan dhukkubichi miidhaa geessisaa jirutti rakkoon misooma bu’uraalee waan jiruuf utuu hinta’in akka hinhafne himameera.

“Dhukkubichi keessumattuu aanaa Haranaa Bulluqitti waggaa waggaan ni uumama. Yeroo tokko uumamee misooma bu’uraalee irratti yoo hinhojjetamne immoo yeroo isaa eegee ni ka’a. kanaaf uumamuu dhukkubichaatiif dhiyeessii bishaanii dabalatee misooma bu’uraalee adda addaa guutuu hafuu wajjin kan wal qabatuu dha” jedhan dursaan garichaa.

Itti dabaluunis sababa sirrii koleeraan ittiin ka’e beekuuf garuu qorataa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Kanaaf dhukkuba koleeraa daddarbaa ta’etti akka hinsaaxilamneef hawaasni yoo danda’e bishaan yaa’u dhugaatiif akka hinfayyadamne ni gorfama jedhameera. Bishaan lagaatti fayyadamuun yoo dirqama ta’e immoo keemikaalota bishaanii itti makuu akkasumas bishaanicha danfisuun itti fayyadamuu akka barbaachisu hubachiisaniiru Dr. Mootiin.

Kanaafis bishaan lagaatti fayyadamuuf bakkawwan dirqama ta’utti keessumattuu bakka koleeraan uumametti dhiyeessiin keemikaala wallaansa bishaanii akka taasifamu kan ibsame yoo ta’u; namni dhukkubichaan qabame atattamaan wallaansa yoo argate dhukkubichi gara nama biraatti akka hindabarre gochuun ni danda’ama jedhameera. Namoonni mallattoon dhukkubichaa irratti mul’ate atattamaan gara buufata fayyaa isaanitti dhiyaatuu adeemuun wallaanamuu akka qaban dhaamameera.

Odeeffannoon dhaabbata fayyaa adunyaa akka mul’isutti; adunyaa irratti waggaa waggaadhaan namoonni miliyoona 1.3 hanga miliyoona afurii koleeraan kan qabaman yoo ta’u; namoota dhukkubichaan qabaman keessaa adunyaan waggaa waggaadhaan du’a kuma 21 hanga kuma 100 fi kuma 43 keessummeessiti.


አዲስ ማለዳ Fulbaana 21 2015 No 68

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here