‘M Peesaan’ Itoophiyaa akka seenuuf hayyama argachuun isaa teelee birrii akka hinyaaddessine Itiyoo-telekoom beeksiseera.

0
616
  • Teelee birri faayinaansiin birrii miliyoona 300 liqeesseera.

Saafaarii koomiin kan bulu ‘M Peesaa’ kan jedhamu tajaajilli moobaayiliidhaan maallaqa daddabarsuu kennu Itoophiyaa keessatti tajaajila akka kennuuf hayyamamuun isaa teelee birrii akka hinyaaddeessine Itiyyoo telekoom beeksiseera.

Hoogganaan dhimma gabaa Itiyoo Telekoom Sa’id Arraagaaw Addis Maaledaatti akka beeksisanitti; tajaajila kennuu erga jalqabee ji’oota 17 kan lakkoofsise Itiyoo telekoom tajaajila isaa yeroo gara yerootti fooyyessaa fi hammayyeessaa kan jiru yoo ta’u; ‘M peesaan’ gara gabaa Itoophiyaa akka seenu hayyamamuun isaa teelee birriif yaaddoo miti.

Mootummaan Itoophiyaa dame telekoomii gabaa alaatiif banaa taasisuu isaa hordofee; caalbaasii moo’achuudhaan tajaajila telekoomii Itoophiyaatti kan makame Saafariikoom Itoophiyaan; Keeniyaatti tajaajila maallaqa moobaayilaa milkaa’e M Peesaa Itoophiyaa keessatti jalqabuuf hayyama gaafatee mootummaa irraa argateera. Saafaarii Koom tajaajila maallaqa moobaayilaatiin muuxannoo Keeniyaa fi biyyoota biraa keessatti gabbifatetti fayyadamuun milkaa’ina isaa kana Itoophiyaa keessattis dabalachuuf akka hojjetu beeksiseera.

Saafaarii Koom Itoophiyaan tajaajila telekoomiin dabalatatti tajaajila maallaqaa Itoophiyaa keessatti akka hojjetu hayyama argachuun isaa; tajaajila kennuu erga jalqabee ji’oota kan lakkoofsise faayinaansii teelee birriitiif morkataa jabaa akka ta’u ibsaniiru.  Kanaaf akka sababaatti kan kaasanu M Peesaan tajaajila maallaqa moobaayilaatiin biyyoota Afriikaa adda addaa keessatti muuxannoo tajaajila yeroo dheeraa kan horate ta’uu; tajaajila maallaqa moobaayilii teelee birrii umurii ji’ootaan lakkaa’amu qabu caalaatti muuxannoo fi tekinooloojiidhaan humna fooyya’aa akka qabu kaasuudhaani.

M Peesaan muuxannoo yeroo dheeraa qabaatus teelee birriin damee kanaan erga hojii jalqabee kaasee muuxannoo gahaa argachuu isaa kan eeran Sa’id; teelee birriin dhiyeessituu tajaajila maallaqa moobaayilaa filatamaa ta’uun itti fufa jedhaniiru.

M Peesaan waggoota 15 dura tajaajila kennuu kan jalqabe dhiyeessituu tajaajila wal jijjiiraa maallaqaa yoo ta’u; Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Afriikaa-kibbaa akkasumas biyyoota kan biraa 6 keessatti tajaajila dhiyeessuu irratti argama. Kanaan duras Indiyaa, Roomaaniyaa fi Albaaniyaatti tajaajila wal fakkaatu kennuu kan jalqabee ture yoo ta’es; sababa barbaadamuu dhabeef tjaajilicha addaan kutuu isaa ragaaleen ni mul’isu.

Ministirri maallaqaa Ahimad Shiidee sirna jalqabsiisa tajaajilaa sadarkaa biyyaalessaa Saafaarii koom Itoophiyaa irratti argamuun tajaajila maallaqa moobaayilaa kennuu akka danda’u mootummaan Itoophiyaa hayyamuu isaa akka dubbatan kan yaadatamu yoo ta’u; kanuma irratti pirezidaantiin Keeniyaa Dr. Wiiliyaam Ruutoos argamuudhaan; “ummanni Keeniyaa gara Itoophiyaa wayita dhufu kana akkan raawwachiisu hojii manaa natty kennee ture. Mootummaan Itoophiyaa tajaajila kana hayyamuu isaatiif nan galateeffadha” jechuun isaanii ni yaadatama.

Teelee birriin hanga yoonaatti bakka bu’oota kuma 85 ol; akkasumas maamiloota miliyoona 24.8 kan horate yoo ta’u; maamiltoonni kunis birrii biliyoona 97.4 sochoosaniiru kan jedhan Sa’id; baay’inni kun kan dabalaa deemu ta’uu isaa fi M Peesaan wayita tajaajila jalqabus akka haaraatti maamiloota horachuu kan jalqabu waan ta’uuf teelee birrii akka hinyaaddessine dubbataniiru.

Tajaajila kennuu erga jalqabanii ji’oota lama kan lakkoofsisan teelee birri faayinaansiin kan dhiyeesse tajaajiloota liqii; teelee birri malaa akkasumas teelee birri ‘indekiisee’n maamiloota kumni 200 fi kumni 56 tajaajila liqii birrii miliyoona 300 argataniiru jedhameera. Teelee birri saanduqiin immoo maamiltoota kuma 96 horachuun; maamiltoonni birrii miliyoona 300 fi milyoona afur qusachuu akka danda’an Itiyoo telekoom beeksiseera.

Wal jijjiirraa maallaqaa biyyoota alaa adda addaa keessaa gara Itoophiyaatti raawwatameenis sharafa doolaara Ameriikaa miliyoona 1.3 sharafuun akka danda’ame odeeffannoon Itiyoo telekoom irraa argame ni mul’isa. Gama wal jijjiirraa daldalaatiinis teelee birriin daldaltoota kuma 24 ol wajjin kan hojjetu yoo ta’u; gama daldalicha hammayyeessuutiin shoora olaanaa gumaachaa akka jiru Sa’id ibsaniiru.

Dhaabbilee telekoom gurguddaa adunyaa irra jiran keessaa sadarkaa 23ffaa kan qabate Itiyoo telekoom; bal’ina Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 99 walga’uu danda’uun isaa qaqqabummaa teelee birrii babal’isuuf ni gargaara kan jedhan Sa’id; raawwiin ji’oota 17 keessatti jiru abdiin gara fuula duraa ifaa ta’uu kan agarsiisuu dha jedhaniiru.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here