Magaalaa Finfinneetti gurmaa’insi al-idilee uumamuu isaa hooggantuun biiroo bulchiinsa nageenyaa magaalattii Liidiyaa Girmaa himaniiru.
Hooggansi bulchiinsa magaalaa Finfinnee raawwii ji’oota jahaa wayita madaale; gurmaa’insi al-idilee babal’achaa dhufuun nageenyaaf yaaddoo ta’uun ibsameera.
Gama rakkoowwan jeequmsaa sirreessuutiin hooggansi bulchiinsichaa qaawwaa yaaddessaa akka qabu kan kaasan Liidiyaan; keessumattuu kan gama carraa hojii uumuutiin naannolee irraa as seenan humnoonni hedduun jiraachuu eeraniiru. Gurmaa’insi al-idilee uumamaniiru jedhaman naannolee irraa kan dhufanii dha yoo jedhames naannoo kam irraa akka ta’e hinhimamne.
Keessumattuu kutaalee magaalaa Lammii-kuraa, Yakkaa, Nifaas-Silkii fi Gullalleen rakkinichi bal’inaan kan itti mul’ate ta’uun kan ibsame yoo ta’u; kutaaleen magaalaa kun rakkinicha furuuf sirriitti hojjechuun isaan irraa eegama jedhameera.
Qaamoleen al-idilee jedhaman bal’inaan gurmaa’uu isaanii kan ibsan hooggantuttiin; ilaalcha finxaalessummaa qabachuun qabatamaan gochatti bobba’uun meeshaalee farreen nageenyaa ta’aa jiru jedhaniiru. Kallattiin ifa ta’e akka kaahamuu fi rakkinichi utuu hinbabal’atin akka ittifamuuf hojjetamuu akka qabu hooggantuun biiroo bulchiinsa nageenyaa eeraniiru.
Kantiibaan bulchiinsa magaalattii Adaanech Abeebee; magaalattiitti qaamoleen gurmaa’insa al- idilee uuman jiraachuu kan mirkaneessan yoo ta’u; rakkinicha adda baasuuf qu’annoon taasifamuu eeraniiru. Qaamolee gurmaa’insa al-idilee uumuun socho’aa turan jedhaman keessaa kan too’annaa jala oolan jiraachuus kantiibattiin eeraniiru.
Gama biraatiin miseensa mana maree bulchiinsa magaalattii ta’uun; qaamolee yaada ejjennoo Badhaadhinaa waliin hindeemne calaqqisiisan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu gaafatameera.
Maqaa Badhaadhinaatiin dorgomanii mana maree seenuun kan yaada isaanii waltajjiiwwan adda addaa irratti biliisummaadhaan ibsanuu fi adeemsa mootummaa qeeqan keessaa Dr. Sisaay
Mangistee isaan tokko.



