Itiyoophiyaan Dubartoota kuma 500 gara biyya Arabaatti erguuf ta’un himame.

0
1184

Mootummaan Itiyoophiyaa waggaa kana keessa Dubartoota kuma 500 gara biyya Arabaatti keessumattu gara saawudii Arabiyaatti hojiif erguuf karoorri qabamuun isaa ibsame.

Kana waliin wal qabatees Naannoo Amaaraa Godinaalee hundatti dubartoota hojiif gara biyya saawudii imaluu barbaadaniif leenjiin kennamuuf akka ta’e Addis Maaladaan dhageessee jirti.

Fakkeenyaafis Godina Baha Gojjamitti dameen leenjii sadii kan qophaa’ee yoo ta’u, magaalaa Mooxaa, Dabiramaarqoos akkasumas Dajan keessatti dubartoota umuriin isaanii waggaa 18 ol ta’eef haala kunuunsa manaa fi wantoota barbaachisoo ta’an biroo irratti leenjiiwwan addaa addaa kennamuuf qophiin akka xumurame Addis Maaladaan Godinacharaa dhageessee jirti.

Leenjiin kun guyyaa digdamaaf (20) kan kennamu yoo ta’u, baasiin isaas guutummaan guutuutti mootummaan akka uwwifamu ibsamee jira.

Leenjii kana boodas gara saawudii Arabiyaatti imaluuf warri fedhii qaban imalli isa duraa Bitooteessa 26 bara 2015 akka eegalamu ibsamee jira.

Carraa kanaaf warri dursi kennamuuf warra Yuunivarsiitii akkasumas koolleejjii garaagaraa irraa Eebbifaman, kana dura leenjii kana fudhatanii warra hafan warra deemuuf fedhii guutuu qaban akkasumas galmee yakkaa kan hin qabaane ta’uun ibsamee jira.

Leenjitoota kanaaf kolleejjoota addaa addaa keessatti leenjiin isa duraa erga kennamee booda Dhibbantaan 50 imala Bitooteessa 26 bara 2015 jalqabamuun kan imalan yoo ta’u, kanneen hafan sana booda akka imalan ibsamee jira.

Biyyi Saawudii Arabiyaa Ardii Afrikaarraa hojjattoota manaa qacaruu erga dhaabdee waggaa sadii(3) booda torban dhiyoo keessatti Itiyoophiyaarraa hojjattoota manaa qacaruu akka eegaltu beeksisuun ishii ni yaadatama.

Kana waliin wal qabatees ejensiiwwan hojjataaf hojjisiisaa biyya Saawuudii keessa jiran Imbaasii Saawuudii Finfinnee keessa jiru waliin wal-qunnamuun hojii akka eegalan ajaja dabarsitee jirti.

Haa ta’u malee, mootummaan waggaa darbee irraa kaasee lammiiwwan biyya Saawudii keessa haala rakkisaa keessa turan biyyatti deebisaa turuun isaas ni yaadatama.

Lammiileen Itiyoophiyaa biyya Saawudii keessa jiran kuma 750 ol akka ta’an kan tilmaamu yoo ta’u, lammiileen kuma 450 ol ta’an karaa seeraan alaa akka deeman ni himama.

Haala kanaan wal qabatees lammiileen Itiyoophiyaa kumaatamaan lakkaawwaman mana hidhaa keessatti haala hammaataa keessa akka jiran ni himama.

Mootummaan Itiyoophiyaas haadhoolii akkasumas daa’imman haala hammaataa  mana hidhaa Riiyaad akkasumas manneen hidhaa Saawudii keessa jiraniif dursa kennuun torbanitti imala sagal (9) godhuun gara biyyaatti deebisaa akka jiru ni beekama.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here