Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa gamoo abbaa darbii 65 ijaaruuf ta’uu isaa beeksise

0
630

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa waggaa hundeeffamaa 18ffaa isaa guyyaa kaleessaa kan kabajate yoo ta’u waajira muummee isaa gamoo abbaa darbii 65 ijaaruuf dhaabbilee gorsitoota qacareera.

Baankichi dhaabbilee gorsitoota waliin guyyaa kaleessaa hoteela Sharaatan Addisitti waliigaltee gorsa ijaarsaa dhaabbata idil-addunyaa kan ta’e ”Injinariing konsaltaant giruup” jedhamu waliin mallatteessuun isaa ifoomeera.

Waajiraaleen muummee baankilee baay’inaan bakka itti ijaaramaniifi iddoo giddugala baankiilee ‘financial center’ jedhamuun kan beekamu naannawaa Baankii Biyyoolessaatti ijaarama kan jedhame gamoon baankichaa akka magaalaa Finfinneetti gamoo guddaa ta’as jedhameera.

Dhaabbanni gorsaa ijaarsa kan qacarameef hojiin ijaarsa gamoo, hojiin qophii duursaa xumuruu hojjatamaa jirus jedhame. Baankichi bakka ijaarsa gamochaa kan fudhate yoo ta’u ijaarsa kanas bara itti aanu 2016’tti akka eegalu eegama.

Gama birootiin baankichi baankii biyya Nezerlaand kan qonnaafi faayinaansii irratti xiyyeeffate baankii Raaboo waliinis dhimmoota qonnaafi faayinaansii irratti waliin hojjachuuf waliigaltee mallatteesseera.

Baankichi waggoottan 18 keessatti maamiloottan miliyoona 10 ol qabaachuun qabeenya waliigalaa isaa qarshii biliyoona 137’n gahuu isaa ibseera.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here