Balaa ongee mudate ilaalchisee Doktar Abiyyi ibsa kennaniin

0
470

Balaa hongee mudateetiin hojiilee bal’aan utuu hinhojjetamne lammiilee hedduun ni miidhamu turan.

Itoophiyaa naannawawwan tokko tokkotti ongee mudateen miidhaawwan garagaraa qaqqabaniiru.

Kunis ongeen gara beelaatti akka hinceene, mootummaan, dhaabbileen tumsitootaafi hirmaannaa ummataatiin hojiilee bal’aan hojjetamaniiru.

Gama mootummaatiin naannolee sadiitti godinaalee10fi aanaalee 61tti deeggarsi dursaa lammiilee miiliyoona 3.6f dhiyaateera.

Akkasumas naannolee saddeetitti kan argaman godinaalee 32tti lammiilee miliyoona jahaaf deeggarsi akka dhiyaatuuf taasifameera.

Oomoo Kibbaa aanaalee jahattii lammiilee kuma 300f deeggarsi dhiyaateera.

Boorana ilaalchisuun naannawichi lafa bal’aa akka qabuufi rakkooon bishaan qofaa waan ta’eef rakkoo kana bu’uureffachuun hojiileen nihojjetamu.

Bara dhufus naannawawwan kunneen deeggaramuurraa gara deeggarsa taasisuutti akka ce’an amantaan qaba jedhaniru.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here