Sadarkaa biyyaalessaatti barattoonni mana barumsaa sadarkaa 1ffaa miliyoona shaniifi kuma 702fi 730 sooramaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Ogeessi Garee Tajaajila Misoomaafi Soorata Mana Barnootaa Ministeera Barnootaa Obbo Abdiisaa Roobaa akka himanitti, ministeerichi dhaabbilee michuuwwan waliin ta’uun sadarkaa biyyaatti barattoota miliyoona sagaliifi kuma 174fi 902 sooruuf karoorfamee, yeroo amma barattoota miliyoona shaniifi kuma 702fi 730 sooraa jira.
Sooramichi Finfinnee dabalatee naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Gambeellaa, akkasumas Dirree Dawaafi Hararitti gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.
manneen barnoota sadarkaa 1ffaa sagantaa sooruu keessatti eegalame kuma 30fi 365 qaqqabuusaa Obbo Abdiisaan ibsaniiru.
Manneen barnootaa kuma 30fi 365 keessaa kuma 15fi 56 bajata mootummaatiin, kuma 15fi 309 ammoo dhaabbilee michuuwwaniin kan deggaraman ta’uu himaniiru.



