Biiroon Barnoota Oromiyaa dubartoota  horsiisee bultootaa hosteeliitti galaniif deeggarsiwwan garagaraa taasise

0
467

Godina Booranaatti Biiroon Barnoota Oromiyaa dubartoota horsiisee bultootaa hosteeliitti galaniif deeggarsa garaagaraa qarshii miliyoona tokkoofi kuma 148 taasise.

Deeggarsi kun dubartoota hosteelii Magaala Yaaballootti galaniif deeggarsa midhaan nyaataafi zayitii qarshii kuma 148fi sireewwan ciisichaa tolchuuf kan oolu qarshii miliyoona tokkoo taasisuu Biiroo Barnoota Oromiyaatti ittigaafatamtuun Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Dargaggootaa Aadde Abiibaa Mahammad himan.

Ittigaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Godina Booranaa Aadde Alamituu Qaamphee deeggarsa taasifameef galateeffachuun dubartoota horsiisee bulaa biraan dhaqqabuun ammas rakkoo jiru dhawataan furuuf qaamoleen hundi hirmaannaan hojjachuu akka qabu dhaaman.

Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa Godinichaa Obbo Tesfaaye Woldemika’el deeggarsa Biroon Barnoota Oromiyaa gama midhaan nyaataa, deeggarsa meeshalee barnootaa, sireefi nyaata adda addaa daariktoreetiin taasifte galateeffachuun deeggarsa dhufe barattoota biraan gahuu dubbatan.

Waajjira Kominikeeshinii Godina Booranaatu gabaase

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here