Mootummaan Naannoo Oromiyaa Omishaafi Oomishtummaa qonnaan bulaa dachaan dabaluuf carraawwan jiran hunda fayyadamuun dinagdeedhaan akka cimu taasisuuf hojjetamaa jira.
Inisheetivii qamadii bonaa bara kanaa lafa hektaara miiliyoona 1 ol misoomaa jiru cinatti bara kana qonna arfaasaa haala mijataa uumamee jiru fayyadamuun qophii lafaa irraa kaasee hanga facaasaatti hojiin misoomaa itti fufee jira.
Naannichatti Qonna Arfaasaa bara kanaan lafa hektaara miliyoona 1 kuma 122fi 789 misoomsuun oomisha kuntaala miliyoona 22 kuma 603fi 516 argachuuf karoorfamee hojii hanga ammaatti hojjetameen lafti hektaarri miliyoona 1 kuma 130fi 586 qotamuun hektaarri kuma 764fi 395 faca’eera.
Jiilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuudhaan durfamu hojii qonna arfaasaa Godina Harargee Lixaa daawwatanii jiru. Bara kana oomishaalee al-ergeerratti xiyyeeffachuun qonna Arfaasaatiin misoomaa jiraachuu Obbo Geetuun ibsuun karoora qabame milkeessuuf lafti qotame dafee faca’uu akka qabus dhaamaniiru.
Godinichatti Qonna Arfaasaatiin lafa hektaara kuma 50 misoomsuuf karoorfamee facaasaan gaggeeffamaa jiraachuu I/G Waajjira Qonnaa Godina Harargee Lixaa Obbo Huseen Mohaammed himaniiru.
Bulchituun Godina Harargee Lixaa Aadde Ikiraam Xahaa kanaan dura rooba Arfaasaa yeroon argachaa akka hin turre himuun bara kana immoo akka Godina Harargee Lixaatti rooba Arfaasaa yeroon waan roobeef midhaanota al-ergee dabalatee qonnaan bultoonni hamilee gaariin misoomsaa jiraachuu ibsaniiru.


