Reeffii Artisti Zarihuun Wadaajoo haar’a biyya Hindiirraa akka dhufuufi sirni awwaalchaasaa Roobii, Ebla 18 bara 2015 bataskaana Sillaaseetti akka raawwatamu koreen qindeessituu sirnichaa beeksisu isaa Addis maaladaan dhageessee jirti.
Hogganaan Biiroo Kominikeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa akka jedhanitti, reeffi Artistii Zarihuun biyya Hindirraa buufata Xayyaara idil addunyaa wayita ga’u qondaltonni federaalaa naannolee bakka argamanitti simannaan gootaa ni taasifamaaf.
Reeffii artistichaa manasaa Buraayyuutti argamutti erga boqotee booda gaafa Roobii sirni awwaalchaasaa bataskaana Kaatediraal Qulqullicha Sillaaseetti raawwatama.
Dura taa’aan Koree Qindeessituu sirnichaa Artisti Sayyoo Dandanaa, “Weellisaa Zarihuun ilma garaagarummaa tokko malee sabaaf hojjetee sabaaf jiraate waan ta’eef simannaa goota taasisuun dirqama hundaati” jedheera.
Gaazexessituu Masarat Dhaabaas gamasheetiin akka dubbatetti, Artisti Zarihuun hojiisaatiin nama tokkummaafi obbolummaa labsuusaatiin Artistii fakkeenyummaa gaarii qabu waan ta’eef gaggeessi gootaa ni godhamaaf jettetti.
Sirna awwalchaa kana raawwachiisuuf koreewwan garagaraa ijaarameera.
Artisti Zarihuun weellisaa barasaa guutuu Oromoof qabsa’aa ture ilma sabaaf dhalatee sabaaf jiraatedha.
Artistiin kun dhibee isa mudateen Hindiitti wal’aanamaa turus dhibeen itti jabaachuun Ebla 15 bara 2015 addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.



