Biiroon Komonokeeshinii Oromiyaa raawwii hojii isaa kan baatii Sagalii qoratee jira.
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa bakka hoggantoonnifi hojjettoonni Biirichaa hundi argamanitti raawwii hojii baatii 9 qorateera. Waltajjii kana irratti gabaasni raawwii hojii baatiwwan sagalii kan dhiyaate yoo ta’u gabaasichaan ciminoonniifi hanqinoonni jiran adda bahaniiru.
Bara kana Caasaan mana hojichaa bifa haaraan gurmaa’uufi karoorri fooyya’aan qophaa’ee gara hojiitti galamuun, dandeettii raawwachiisummaa caasaa mana hojichaa sadarkaan jiru cimsuun hojiin hojjetame bu’aawwan hojii miidiyaafi kominikeeshiniin argaman akka fooyya’u dhimmoota taasisan keessaa tokko akka ta’e ibsameera.
Fooramii Miidiyaa hundeessuun hojii miidiyaafi kominikeeshinii karaa qindoomina qabuun raawwachuu danda’uun, mata dureewwan garaagaraa irratti qorannoo saayinsawaa guutuu ta’a hojjechuun, dursanii haala beekanii kallattii xiyyeeffannoo mootummaa irratti hojiin miidiyaafi kominikeeshinii hojjetamaa turuun akka ciminaatti ka’eera.
Namni hundi walqixa karooraan hoogganamuu dhabuu fi kaka’umsa walfakkaataan bu’aa fiduuf socho’uu dhabuun akka hanqinaatti eerameera.
Hojiin bara kana hanga baatii sagaliitti hojjetame fooyya’aa ta’uu kan ibsan hojjettoonni Biirichaa hojiiwwan harca’anii hafan yeroo hafe keessatti xumuruu qabna jedhaniiru.
Gamaaggama kanarratti Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa hojjetaafi caasaan jiru hundi miira walqixaafi abbummaa qabuun socho’uu dhabuun, odeeffannoo giddugaleessummaan hoogganuu hanqachuun, kominikeeshinii akka miidiyaatti fudhachuun, akka barbaadametti miira waloon (team spirit) hojjechuu dhabuufi maamiloota miidiyaa hawaasaa hanga barbaadame horachuu dadhabuun hanqinoota hanga kurmaana 3ffaatti mul’atan waan ta’aniif yeroo hafe keessatti duguugamanii hojjetamuu qabu jedhamaniiru.
Kallattii hojii fuula duraa kan ka’an obbo Hayiluun hojiin miidiyaafi kominikeeshinii dhiibbaa fiduun madaalamuu akka qabu, karaa tarsimoofi ejjennoo mootummaa lafa qabsiisuun, hubannoo uummataa dabaluu danda’uun xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
Tarsiimoo Mootummaa beekuun uummanni jijjiirama yaadaa akka fidu hojiin miidiyaafi kominikeeshinii humna jiruun qindoomuun hojjetamuu akka qabuus Obbo Hayiluun hubachiisaniiru.
Kurmaana hafe keessattis hojiilee harca’anii hafan duguugamanii raawwatamuu akka qabanis ibsaniiru.
Karoorri kallattii xiyyeeffannoo mootummaa bara 2016 Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Isheetuu Sirneessaan kan dhiyaate yoo ta’u hojjetaa fi caasaan mana hojichaa hundi milkaa’ina karoorichaaf gamanumaan of qopheessuun hojjechuu qaba jedhaniiru.



