Perezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa xumura gamaggama hojii kurmaana 3ffaa irratti kallattii kennaniin hooggansi of ijaaraa, of jijjiiraa, of gahoomsaa hin deemuu taanaan uummanni jijjiiramu hin waan ta’eef hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru dhimmoota kanaaf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu dhaamaniiru.
Akkasumas hojii muraasatti quufuun eegduu hiyyummaa nu gochaa waan jiruuf hooggansi amala kana keessaa ba’uu akka qabu himuun waan xinnoodhaan dubbii madaalaa deemuu, imala guddaa, mul’ata guddaa uummata keenyaaf qabanne sadarkaa barbaaddamu gahuudhaaf hanga dhumaatti deemuudhaaf qophaa’aa ta’uu dhabuun hooggansa biratti bal’inaan dhimma calaqqisu ta’uu ibsanii jiru.
Ilaalchonni akkasii hiyyummaa uummata keenyarratti tiksuu danda’u waan ta’ee hooggansi of ijaaree, of ga’oomsee, of jijjiiree irraa of eeggachuun gabaasa sobaa kaansarii hojii keenyaa ta’e irraa of qusachuun araarama tokko malee irratti qabsaa’uu barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.
Barri 2016 bara uummata keenya itti fayyannu ta’uu kaasuun, caasaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa sadrkaan jiru bara hooggansa gahumsa qabu itti kennu dandeenyuuf dhiisuu keenya ittiin mirkaneessinu ta’uu akka qabu himaniiru.
Bara akka uummataatti bu’aa qabeessaafi bu’aa qabeessa ta’uufi ta’uu dhiisuu keenya, bara hawwiifi mul’ata qabnu ittiin milkeessuuf ni dandeenyamoo hin dandeenyu jedhuun bara ittiin madaallu akka ta’e himuun, hooggansi fakkeessanii jiraachuu keessaa ba’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Dhumarrattis Perezdaanti Shimallis hiyyummaa kaleessaa tasuma itti fufsiisuun akka hin danda’amne eeraniiru.



