Raawwiin waliigaltee nagaa Piritooriyaa waraana waggoota lamaaf dhiiga hedduu dhangalaase “qaawwa guddaa” akka qabu waldaan waloo Sivilii ‘Africanx for the Horn’ jedhamu beeksise.
Walitti bu’insi mootummaa Federalaafi TPLF gidduu ture akka dhaabbatuuf waliigaltee nagaa ji’oota saddet dura mallattaa’e kan gamaggame dhaabbanni kun gama nageenyaa, dhiyeessii gargaarsa namoomaan, akkasumas eegumsa namoota nagaatiin fooyya’insi jiraatullee qaawwii nagaa kana yaaddoo keessa galchu akka jiran eerameera.
Gabaasa gamaggama fuula 25 qabuufi gaafiifi deebiin namoota baayyee, akkasumas odeeffannoowwan uummtaaa baayyee qabate kana keessatti raawwiin waliigaltee nagaa qaawwa baayyee akka qabu mulliseera; yaadawwan furamaataas dhiyaataniiru.
Gabaasni dhaabbata kanaa qaawwi mul’atan tokko tokko saaba hanqina waliigaltichi qabuurraa kan ka’e yoo ta’u, kanneen biroo ammoo hanqinoota raawwii irraa kan ka’e ta’uu mul’iseera.
Waraanni Tigraay keessatti ajjeefamuufi qaamaa hir’achuu namoota nagaatiif sababa ta’e kun dhaabbatullee, bakkawwan ammallee “humnoota alaatiin” qabamanitti ammallee nageenyi namoota nagaa haala hamaa ta’e keessa jira jedheera.
Rakkoowwan kunneenis bakkawwan to’annoo Ertiraa jala jiraniifi humnoonni Amaaraa to’atanii jiran keessatti ta’uu gabaasni kun eeraara.
Waliigaltee nagaan boodas Lixaafi Kibba Tigraay keessatti haleellaan namoota nagaa irratti raawwachaa jiraachuu gabaasaaleen bahaa akka jiran kan kaase gabaasni dhaabbatichaa, bakkawwan kunneen ammoo bakka qaamoleen walaba ta’anii to’atanillee qaqqabuu hin dandeenye ta’uun himameera.
Loltoonni Ertiraa Tigraay bakkawwan tokko tokko keessa jiran ammoo eegumsa namoota nagaaf taasifamuu qaburratti dhiibbaa uumeera jedha gabaasichi.
Akka waliigaltee nagaa Piritooriyaafi sanada hojiirra oolmaa Naayiroobiitti mallattaa’etti humnoonni Tigraay meeshaalee waraanaa gurguddoo kan hiikkatan humnoonni alaafi humnoonni naannolee raayyaa ittisa biyyaatiin ala ta’an Tigraay keessaa yeroo tokkicha bahaa jiranitti akka ta’e eerameera.
Haata’u malee, humnoonni Ertiraafi naannoo Amaaraa naannicha keessa jiran naannoo Tigraay keessaa hin ba’iin kan jiran yoo ta’u maqaan isaaniis yakka raawwachaa jiraachuun wal qabatee ka’aa akka jiru himama.
Bakkawwan nananoleen Tigraay fi Amaaraa irratti wal falman nageenya waara’aatiif murteessaa ta’ullee murtee waliigaltee nagaa Piritooriyaan ala taasifamuun isaas ibsameera.
Qaawwi biraan gabaasni kun mul’ise ammoo dhimma namoota kuma dhibbaan lakaa’ama buqqa’aniiti.
Lammileen buqqa’an kunneen gara qe’ee isaaniitti kan hin deebi’iin jiraniifi rakkoo hamaa keessa jiran ilaalchisee hubannoon gahaan akka hin jirre eereera gabaasn kun.
Tajaajilawwan bu’uuraa sababa waraanaatiin addaan citee ture deebiyanii tajajaila kennuu jalqabanillee, tajaajlawwan fayyaafi barnoota waliin walqabatan ammallee haala barbaachisaa ta’een kennamaa waan hin jirreef ijaarsi taasifamuu feesisa jedheera.
Qaawwi biraan gabaasni kun adda baaseera jedhe dhimma aangoo qaama hojiirra oolmaa waliigaltee kana hordofu Gamtaan Afrikaa ogeessota walitti fiduun hundeesseeti.
Qaamni akka waliigaltee nagaa Piritooriyaa akka to’atuuf Gamtaa Afrikaa hundeesse kun sarbamoota jiran ifatti gabaasuudhaaf aangoo akka hin qabneefi humna nagaa gahaas kan hin qabne ta’uun isaa akka qaawwa biraatti mul’ateera.



